Atileetiin Itoophiyaa yeroo jalqabaaf maaraatoonii fiigee Paarisitti injifate

Atileet Abajjee Ayyaanaa yeroo jalqabaaf maaraatoonii fiige

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Abajjee Ayyaanaa yeroo jalqabaaf maaraatoonii fiige
Maxxanfame

Atileetiin Itoophiyaa Abajjee Ayyaanaa maaraatoonii Paaris guyyaa har’aa dorgomame injifate.

Atileetiin ganna 20 kuni dorgommii maaraatoonii yeroo jalqabaaf dorgomeeti injifannoo kana kan argate. Dorgommiichas 2:07:15’n xumure.

Atileetiin fageenyichaan tilmaamni kennameef, Guyyee Adoolaa, ganna 32, Abajjee irraa sakandii 20’n fagaatee dorgommicha lammaffaan xumure.

Atileetiin Keeniyaa Josfaat Booyit immoo Guyyee duuba sakandii shan turee sadaffaa bahe.

Abajjeen kana dura walakkaa maaraatoonii malee maaraatoonii fiigee hin beeku.

Bara 2021 biyya Poolaand, Poznaanitti bara 2021 dorgomee 59:39’n lammaffaa bahuun xumure.

Abajjeen 35km booda atileetota kaanirraa adda bahuun saffisa dabalee garaagartee sekondii 20 uumuu danda’eera.

Waggoota afran darbe keessatti atileetiin Itoophiyaa dorgommii biyya Faransaay keessa dorgomame yoo injifatu kuni yeroo sadaffaadha.

Dubartootaan immoo atileetiin Keeniyaa Helaah Kiprop 2:23:19’n dorgommiicha injifatte.

Atileetiin ganna 37 kuni garee dorgommicha dursurraa daqiiqaa tokkoon of duuba fagaattee turte, eegasii fulduratti dhuftee injifatte.

Atileetonni Itoophiyaa Attaallal Annimutiifi Fiqirta Warrataa lammaffaafi sadaffaa bahan.

Maaraatooniin Paariis maaraatooniiwwan gurguddoo addunyaa jahan keessaa tokkodha.

Magaalaan Paaris bara 2024 Olompikii akka keessummeessitu ni beekama.

Atileet Abajjee Ayyaanaa eenyudha?

Akka ragaan dhaabbata ispoortii addunyaa hoogganu, Atileetiksii Addunyaa, ibsutti atileetiin kuni waggoota lamaan darban walakkaa maaraatooniifi qaxxaamura biyyaa fiigaa ture.

Onkololeessa baranaa fiigicha qaxxaamura biyyaa Kaaba Ayirlaanditti fiigee injifateera.

Laativiyaafi Kaardifittis maaraatoonii walakkaa dorgomeera.

Qabxiin hanga yoonaa fageenyichaan wayyoo qabu kan itti galmeesse garuu kan Polaanditti fiigee lammaffaan xumuredha.

Maaraatoonii Paaris injifachuun isaa ammattii atileetichaaf milkaa'ina isa guddichadha.