Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Man Yunaayitid 2-0 Arsenaal: Baasii guddaan taphattoota kan bitate gareen Arteettaa 'eessa isa dhibe'?
Maanchester Yunaayitid tapha michumaa Ameerikaa, Niiwu Jarsii Istaadiyeemii MetLife irratti Arsenaal waliin gaggeesseen 2-0 mo'ateera.
Goolii Maanchester Yunaayiid ittiin mo'ate lamaan Biruunoo Fernaadeeziifi Jaadon Saanchootu boqonnaan dura lakkoofsisaniiru.
Tapha michummaa Kilaboonni Piriimer Liigii keessatti masaanota waliin ta'an gaggessan kana daawwattoonni 82,262 istaadiyeemii seenanii daawwataniiru. Kun ammoo tapha dirree sanarratti hanga har'aa namoota baayyeen daawwatae jedhamuun rikkardii qabateera.
Amballii haaraa ta'uu muudamuu isaatti gammadaa kan jiru Fernaandeez bakka tarkaanfii 20 ta'u irraa kubbaa dhiiteen karra Aroon Raamsaadel mo'ateera.
Raamsadeel kubbaa kana oolchuudhaaf ni danda'a ture garuu hin goone.
Goolii lamaffaa ammoo Saanchoon jabeessee gola karra eegaa Arsenaal keessa ol fageessuun dabaleera.
Leenjisaan Maanchester Yunaayitid boqonnaa dura taphataa cinaarra taphatu akka lakkoofsa sagaliitti gargaaramuun daddafanii walirratti haleeluun, dogogora taphataan sarara ittisaa Arsenaal Gaabri'eel hojjetetti fayydamaniiru.
Mo'atanii ba'anis garuu Maanchester Yunaayitidiif guutummaatti gammachuu hin turre. Taphataa isaanii kan ta'e Amad Diyaaloo tapha gidduutti akkuma seeneen jalaa midhameera.
Arsenaal carraa goolii galchuu baayyee uumanis garuu lakkoofsifachuu hin dandeenye. Keessumaa kubbaan Gabri'eel mataatiin galchuuf yaale bareedduu turte garuu jalaa deebiteetti.
Taphicha gara dhumaatti deeggartoonni karra Maanchester Yunaayitid duubaan afaan keessa wal bahuurra darbanii wal walitti daddarbachuu jalqabanii turan. Booda garuu walitti bu'insi deeggartootaa tasgabbaa'uu danda'eera.
Erga taphni dhumee booda manaajeroonni gareen lamaanii akka taphattoonni deeggartoota duratti shaakalaniif waliigaluun rukkutaa peenaaliitiniis waliif ba'anii ture.
Ammas, peenaaliitiidhaanis Maanchester Yunaayitid 5-3n mo'ateera.
Taphataan Arsenaal Faabiyoo Viyeeraa rukkutaa penaaliitii dhabee karraa olitti qaxxaaurse.
Arsenaal eessa isa dhibe?
Arsenaal ganna kana baasii guddaa hanga Paawondii miliyoona 200 baasuun taphattoota bitateera. Kana jechuun Arteettaan amma taphattoota jijjiiree galchee tapha jijjiiruuf carraa bara darbee caalaa qaba jechuudha.
Bakka jifataa garichaa Gabri'eel Jeesus filannoo dhabuufi miidha Oleksaadar ZInchenkootiin ala, Arsenaal dorgommii Piriimer Liigii bara kana Hgayya keessa jalqabuuf hiriira taphattootaa akka barbaadetti qopheeffatee, guuttateera.
Akkas taanaan maaliif lakkoofsisuu dadhabe, eessa isa dhibe jechuun hin oolu.
Arsenaal tapha michummaa kanarratti bareechee taphatus sarara fuula duraa ykn goolii lakkoofsisu carra-dhabeessa ta'eera. Kubbaa goolii ta'uu malu Gabri'eel Maartneliin yaale karra eegaan Maanchester Yunaayitid Tom Hiiton jalaa qolateera.
Dogoggorri sarara ittisaa Arsenaal uumes goolii lamaffaa irratti lakkoofsimaftees carraa taateetti. Dogoggorri akkasii kun ammoo tasa osoo hin eegamiin kubbaa keessatti kanuma uumamtudha.
Mikeel Arteettaa boqonnaa booda si'a lama taphattoota baayyee jijjiiree yaalee ture. Taphattoota jiran harka sadii keessaa lama kan ta'an jijjiirus garuu jijjiirama hin fidne, akkuma duraan turetti itti fufe.
Ediyee Nikeetaan kubbaa adabbiin argate osoo akka gaariitti itti fayyadamuu danda'eera ta'ee carraa bareedduu ture. Garuu of jalaa balleesseera. Kaa'ii Haverteez akkuma kana kubbaa bareedaa Maatiin Odegaard miidhagsee kenneef mataan lakkoofisuuf yaalee ture. Garuu akka gooliif mijeessee Odegaard kenneefitti bareechee hin yaalle.
Ammas Arsenaal, tapha michummaa biraa achuma Ameerikaa, Los Anjalasitti Baarseloonaa waliin Roobii ni gaggeessu.
Gareen warra Katalaan, Baarseloonaan tapha michummaa Juuventuus waliin qaba ture sababa kilabicha keessatti vaayirasiin hammaaeera jedhameef isa dhiisee kan Arsenaal waliin qabuuf Dilbata gara Los Anjalasitti qajeeleera.