Israa'elitti lammileen Eertiraa walitti bu'uun dubartiin tokko waraanamtee duute

Maxxanfame

Waliiti bu’insa deeggartoota mootummaa Eertiraa fi mormitoota gidduutti Israa’el magaalaa Teel Aviivitti mudateen dubartiin tokko albeen waraanamuun lubbuun ishee darbe.

Taateen kun Wiixata darbe Caamsaa 19 bara 2016 kan mudate yoo tahu lammiileen Eertiraa lakkoofsa hedduu qaban bakka lamatti wal qooduun wal dhabaniiru.

Balaa kanaanis lubbuu nama tokkoo yoo darbu namoota sadii irra ammoo miidhaan qaamaa jabaa dhaqabuu poolisiin Israa’el beeksiseera.

Miidiyaaleen biyyattii ammo tajaajila anbulaansii biyyattii wabeeffachuun akak gabaasetti, yoo xiqqaate namoonni saddet miidhamuun hospitaala galaniiru.

Poolisiin Israa’el nama yakka ajjeechaan shake tokko dabalatee namoota 20 tahan to’annoo jala oolchuu ibseera.

Lammiileen Eertiraa biyyoota adda addaa keessatti yoo walitti bu’an kun kan jalqabaa isaanii miti.

Kana dura Jarman, UK, Kanaadaa fi biyyoota kaan keessattis wal dhabaniiru.

Guyyoota muraasa duras UK magaalaa Sheefilditti walitti bu’anii poolisiin yoo xiqqaate namoota 25 to’annoo jala oolchuu ibseera.

Walitti bu’insa gaafa Caamsa 20 bara 2016 mudateen namoota 20 tahan irra miidhaan qaamaa dhaqabeera. Kanneen keessaa namoota 20 tahan irra miidhaa qaamaa cimaan dhaqabeera.

Viidiyoon miidiyaa hawwaasaa irratti qoodamaa ture lammiileen Eertiraa dhibbaan lakkaa’aman, uleedhaan yeroo wal reeban agarsiisa.

Bara 2015 keessa walitti bu’insa garee lamaan Eertiraa gidduutti mudateen miidhaa qaamaa namoota hedduu irra gahuun qabeenyi guddaanis manca’ee ture.

Kana hordofee MM Israa’el Beenaayim Neetanyehuu lammiileen Eertiraa hookkara jabaa kaasuun qabeenyaa fi poolisii biyyyattii irra miidhaa dhaqabsiisaniiru jedhan.

Kanaaf Afrikaanota biyya isaanii keessa jiran hedduu ‘’ariitiin’’ biyyaa baasuuf karoorfachuu himan.

Godaantotni Afrikaa hedduun Masirii irraan seenuun daangaa Israa’el qaxxaamuruun biyyattii keessa jiraatu.

Godaantotni kunneen osoo Israa’el naannoo daangaa ishee gammoojjii keessatti argamu irratti soo dallaa hin ijaariin dura biyyattii galaniidha.

Xumura bara 2015tti feestivaala aadaa Eertiraa qophaa’e irratti magaalota akka Teel Aviiv, Istuutgaarti, Istookhoolmi, Landan, Ze Heegii fi Toroontoo keessatti akkasuma deeggartoota mootummaa fi mormitootatti wal qooduun wal dhabaniiru.

Warri feestivaalicha morman kun mootummaa abbaa irree Isaayaas Afawarqiif maallaqa walitti qabuuf kan oolaa jirudha jedhu.