‘Ameerikaan fedhii Afriikaa saamuu hin qabdu’ Amb. Liindaa Toomaas

Amb. Liindaa Tomaas

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ameerikaan biyyoota Afriikaa waliin walitti dhufeenya gaariidhaan hojjachuu malee Afriikaa saamuuf fedhii akka hin qabne Ambaasaddar Liindaa Tomaas Giriinfiild dubbatan.

Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddara kan ta’an Liindaa Tomaas BBCtti akka himaniitti, Ameerikaan gara Afriikaa kan ilaaltuuf waan carraan hedduun jiruufidha.

Itti dabalunis biyyoonni Afriikaa eenyu waliin michummaa qabaachuu akka qabaaniifi akka hin qabne nuti itti himu hin qabnu jedhan dippilomaatiin tun.

Yeroo dhiyoon asitti Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Lavroov gara biyyoota afriikaa tokko tokkoo imaluun dowwannaa taasisuu isaanii hordofee, Ameerikaan fedhii addaa kan qabdu haala fakkaatuun qondaaltoota ishee olaanoo baayyiftee jirti.

Ittigaafatamoon qabeenya maallaqaa Ameerikaa Jaaneeti Yelan biyyoota Afriikaa adda addaa kan dowwatan torbanuma kana keessa ture.

Isaan dura ammoo pireezidant Joo Baayidan dureewwan biyyoota Afriikaa Waashingitaniitti yaa’iif waamanii ture.

Chaayinaan walitti dhufeenya adrittii waliin qabdu cimsuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhataa kan jirtu yoo ta’u, Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa haaraan Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaa hedduu keessatti dowwannaa taasisuudhaan biyyisaanii walitti dhifeenya qabdu cimsachuu akka barbaaddu ibsaniiru.

Kana malees, torbanoota muraasaan booda, Chaayinaa, Raashiyaa fi Afriikaan Kibbaa shaakala waraanaa warra lixaa hin gammachifne taasisuuf qophaa’aa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaaltoota olaanoo Ameerikaafi Raashiyaatiin alattis, Chaayinaanis erga yeroo dhiyootiin as sadarkaa qondaaltoota olaanoo isheetiin biyyoota afriikaa keessatti dowwannaa baayyifte jirti.

‘‘Nuti gara ardii kanaa imallu erga eegallee baroonni lakkaa’amaniiru. Ardii kana keessas carraa hedduun akka jiru nutti dhagahama. Haata’u malee, fedhiin Ameerikaa waliin hojjachuudha malee Afriikaa saamuu miti’’ jechuun BBCtti himan Ambaasaadar Liindaan.

Waraana Raashiyaan gaggeessaa jirtuun wal qabatees, walitti dhufeenya Afriikaan, Kibbaa Mooskootti agarsiifteen biyyoota lixaatiin qeeqamaa turte.

Ambaasaaddar Liindaan garee mindeeffamtoota waraana Raashiyaa Waaginar gara Afriikaatti seenaa jiraachuun balaa qabaachuu himan.

‘‘Waaginar Maaliitti dubartoota gudeeduu dabalatee, sarbamawwan mirgaa hedduu qaqqabsiisa. Jidduugala Afriikaatti gochaa walfakkaatu raawwateera,’’ jechuun garicha komataniiru.

Haala diinagdee ariitiidhaan guddataa jiruun walqabateenis Afriikaan ardii kuusaa qabeenyaa meeshaalee galtee olaanaa qabduudha.