Meeshaan waraanaa mootummaa Somaaliyaan geejibsiifamaa ture milishaafi jiraattotaan saamame

Suuraa meeshaaleen waraanaa yeroo saamaman viidiyoo qoodamerraa kaafame

Madda suuraa, Social media

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa meeshaaleen waraanaa yeroo saamaman viidiyoo qoodamerraa kaafame
Maxxanfame

Meeshaan waraanaa mootummaan Somaaliyaatiin guyyaa kaleessaa giddugala biyyattii bulchiinsa Gaalmudug keessatti osoo geejibsiifamaa jiruu milishotaafi jiraattotaan saamame.

Saamicha kana hordofuun ibsa mootummaan Somaaliyaahar’a baaseen meeshaa waraanaa ‘dhoksaan Itoophiyaarraa seene’ humnoonni nageenyaa Somaaliyaa osoo geejibsiisaa jiranii miseensoota milishootanaannichaatiin saamamuu beeksiseera.

Mootummaan Somaaliyaa meeshaan waraanaa saamame karaa seeraan ala biyya seene haa jedhu malee gabaasonni tokko tokko garuu meeshaa kana mootummaan Somaaliyaa mootummaa Itoophiyaarraa bite jedhaniiru.

Haata’u malee, dhimma kanarratti gama mootummaa Itoophiyaa hanga yoonaa wanti jedhame omtuu hin jiru.

Hogganaan I/Aanaa dhimma nageenyaa bulchiinsa Gaalmudug Ali Baashi meeshaa waraanaa kana kan fe’anii deemaa turan miseensota nageenyaafi tikaa Somaaliyaati jedhan.

Osoo karaarra jiraniimmoo milishoota naannichatti sosso’aniin haleellaan irratti banamuu ibsan.

Haleellaa kanaanis qondaala olaanaa tokko dabalatee miseensonni tikaa Somaaliyaa torba ajjeefamuu ibsan.

Kanaanis meeshaan waraanaa konkolaattota lamaan fe’amee sosso’aa ture saamamuu Alii Baashi BBC Afaan Somaaleef dubbataniiru.

''Meeshaaleen waraanaa saamaman Naannoo Somaalee Itoophiyaa jiruuti akka fe’aman odeeffannoo qabaadhus kana garuu hanga yoonaa hin mirkaneeffanne,'' jedhaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Raadiyoon Kulmiyyee jedhamuufi naannichatti argamu gama isaan kilaashonni AK47, shugguxiifi RPG jedhamaniifi konkolaataarra turan Itoophiyaatii bitamani jechuun gabaase.

Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaman miseensonni milishaa konkolaattota waraanaa 'Piik Aapp' jedhamanirratti meeshaa waraanaa fe’anii osoo deeman mul’isu.

Hawaasi naannichaa lakkoofsaan baay’ee ta’es meeshaa waraanaa saamsamaniifi haaraa fakkaataan harkatti qabanii mul’ataniiru.

Itti gaafatamaan nageenyaa naannoo saamichi itti raawwatee Alii Baashii BBCtti akka himanitti mootummaan Somaaliyaa meeshaa waraanaa kana ejansii odeeffannoo fi nageenyaa bulchinsichaaf akka ooluuf geejibaa ture.

Haala kanaan konkolaataa fe’umsaa lamaan geejibamaa kan turan meeshaleen waraanaa dhuunfaatti qabatamaniifi meeshaaleen waraanaa garee: rookeetii furguggifaman RGP jedhaman dhaabbata nageenyaa kanaan akka ture ibsaniiru.

Miilishoonni konkolaataawwan kunneen irratti haleellaa banan wajjin wal-qabatee miseensota nageenyaa wajjin dhukaasni kan taasifame yoo tahu kanaanis miseensonni nageenyaa mootummaa federaalaa ajjeefamuu himameera.

Jiraattonni naannoo saamichi kuni itti raawwate Abudawaaq jedhamu BBC af-Somaalitti akka himanitti, konkolaataawwan meeshaalee fe’an miseensota milishaan akka dhaabbatan erga godhameen booda walitti dhukaasuun cimaa taasifameera.

Raadiyoon Kuulmiyee jedhamu akka gabaasetti saamicha kana kan raawwate garee mootummaa Somaaliyaa wajjin wal-loluufi gosaan gurmaa’e dha. Gareen miilishaa kuni meeshaan waraanaa kuni kan geejibamaa ture garee mootummaa deeggaruuf akka tahe dabalee ibseera.

Saamicha kana hordofee ministeerri nageenya biyya keessaa Somaaliyaa Adoolessa A.L.I 9/2016 ibsa baaseen garuu kara seeraan alaan Itoophiyaa irraa gale dha meeshaanii jedhe, mootummaan erga qabateen booda otoo geejibaa jiru miseensota milishaan saamameera jedhe.

Itti gaafatamaan nageenyaa Gaalmuuduug meeshaan waraanaa kana mootummaan Somaaliyaa geejibsiisaa akka ture himuun tahus jiraattota naannoo muddama keessa jiraniif odeeffannoon gahaa waan hin kennamneef saamichi kuni raawwachuu ibsaniiru.

Jalqaba konkolaataawwan aanteenaa raadiyoofi meeshaalee ibsaa kan qabatanii dha jedhamuun kan himame yoo tahe kunimmoo miilishoota naannichaa irratti shakki uumuun walitti bu’insi uumamee saamichaaf akka saxile himaniiru.

Minsteerri nageenyaa biyya keessaa saamicha adeemsifame balaaleffachuun meeshaalee saamaman deebisee qabachuuf tumsi hawaasa naannoo akka taasifamu gaafateera.

Saamichi gidduugala Somaaliyaatti raawwate kuni biyya garee shorokeesaa al-shabaabiin hammacamtuuf yaaddoo taheera.

Gariin saamicha kanaan booda giddugala Somaaliyaatti kilaashinkooviin magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishuutti isa gurguramuun dachaa shaniin cabee gurguramaa jira jedhan.

Somaaliyaa keessatti karaa mootummoota gamtoomaniin waggoota soddomaaf qoqqobbiin meeshaa waraanaa irratti kaa’ame waggaa tokkoon dura dha akka ka’u kan taasifame.

UN’tti manni maree nageenyaa mootummaan Ziyaad Baarree kufuun hordofee qoqqobbii kaa’een mootummaa Somaaliyaaf meeshaan waraanaa akka hin dabarfamneef dhorkee tureera.