Dorgommii 'Miss Tourism Oromia' kan mo'atte Maahider Fiqaaduu eenyu?

Madda suuraa, Visit Oromia
Dorgommii ‘Miss Tourism Oromia’ kaleessa galagala (Fulbaana 26, 2023) gaggeeffame irratti ji’a lama dura digiriidhaan yuunvarsiitiirraa kan eebbifamte shamarree Maahider Fiqaaduu mo’atte.
Maahider dorgommicha mo’achuu isheen badhaasa Birrii kuma 200 argachuun baallii ‘Miss Tourism Oromia’ shamarree bara darbe mo’atte Hawwii Maatiyoos harkaa fudhatteetti.
Maahider kana dura muuxannoo dorgommii miidhaginaas tahe modelii homaa akka hin qabne himuun ''yeroo jalqabaaf dorgomee injifachuun koo hedduu na gammachiise,'' jette.
Ji’a lama dura yuunvarsiitii Wal Qixxee irraa barnoota Injineriingii arkitekcheriin digiriidhaan kan eebbifamte Maahider, aduu ji’a lamaa keessatti ammoo dorgommii bareedduu Oromiyaa ykn ‘Miss Tourism Oromia’ mo’atte.
''Dorgommichi ulfaataa ture. Shammarran Oromoo mimmiidhagoo hedduu jiru ture. Kana dura hojii modelii hedduu kan hojjetan, barnoota digirii fi maastersii kan qaban jiru ture. Garuu an of tahuu akkan qabun amane. Waan adda na godhu qaba. Isa qabadheen dhiyaachuuf murteesse. Ittiinis milkaa’eera,’’ jette.
Barnootni koo yeroo waan gaafatuuf dorgommii akkanaa irratti kana dura dorgomee hin beeku kan jettu shammarreen kun, barnoota hanga xumurattan eegaa ture malee durumaan fedha guddaan qaba ture jette.
''Dorgommichaaf ogeessonni jajjaboon nu gargaaraa turan. Adeemsaa fi dubbii wal tajjii irratti dubbachuu fa’aa irratti nu gargaaruun nu hojjechiisaa turan,'' jette.
''An kana dura muuxannoo tokkoyyuu hin qabu ture. Garuu isaan nu gargaarraan as gaheera.''
Maahider iddoowwan hawwata turizimii naannoo Oromiyaa biyya keessaafi alatti beeksisuun maqaa gaarii ofifis biyyaafis keessee darbuu akka barbaaddu BBC'tti himte.
Dabalataan artistoota dabalatee namootni turizimii Oromiyaaf gumaacha godhan badhaafamaniiru.
Dorgommichi Komishinii Turizimii Oromiyaatu waggaa waggaan gaggeessa.
Dorgommii bara kanaa irratti jilli aadaa Keeniyaa, Ruwaandaa fi Yugaandaa irraa argamniiru.
Miidhagina bifaafi qaama ammoo dandeettii?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maahider Fiqaaduu dorgommicha akka mo’atteen miidiyaa hawwaasaa irratti kaan 'baga gammadde' yoo jedhan kaan ammoo 'nama biraatu mo’achuu qaba' ture jechaa turan.
Maahider waan fayyadamtootni miidiyaa hawwaasaa ishee jedhan arguu BBCtti himte.
''Bareedina kan jennu, nama funyaan akkasii qabdu, qaamni ishee akkana jedhan qofa miti. Waan barbaadame sana irratti beekumsaa fi dandeettii qabdii kan jedhus ilaalameera. Jalqabuma ulaagaan taa’eeru waan jiruuf isa warra guutantu xumuraaf darbe,'' jette.
Dabalataan of taatee waltajjicha irratti dandeettii addatti qabdu agarsiisuun qabxii dorgommicha mo'achuuf ishee gargaare keessaa tokko tahuu himte.
''Miidiyaa hawwaasaa irratti waan jedhamaa ture argeera. Isheen kun hin bareeddu. Abalutu mo’uu qaba kan jedhan jiru. Waan baay’ee haasahaa turan,'' jette.
''Garuu ani kanaan aaree maaliif akkas jettan jechuurra, dandeettii qabuun waan guddaa hojjedhee itti agarsiisudha.''
Dhimmi ijoon waanan uummata Oromoof hojjechuuf waadaa gale sana hojjedhee yeroo natti kennametti imaanaa kana bahachuudha jette Maahider.
''Namootni waan xixiqqaa sirraa funaananii dubbachuu danda’u. Nama hundaa gammachiisuun hin danda’amu. Waan xixiqaa namootni jedhan irratti xiyyeeffachuurra hojii guddaa hojjedhee itti agarsiisuun barbaada.''
Iddoowan hawwata turizimii Oromiyaa keessaa miidiyaalee fi turistootaaf beeksisuuf dandeettii afaan adda addaa qabaachuun ulaagaa tokko taha.
Gama biraan ammoo miidiyaa hawwaasaa irratti namootni tokko tokko Maahider Afaan Oromoo qajeeltootti hin dubbattu jechuun maxxansaa turan.
Maahider Afaan Oromoo dubbachuun akka itti hin ulfaanne BBC'tti himte.
''Ani dhaladhee kanan guddadhe Arsii Boqqojjiittidha. Ummanni keenyas, maatiinkoos, ollaanis Afaanuma Oromoo dubbatu. Oromoodhas. Waltajjii irratti afaan adda addaa dubbachaa turre. Kanaaf malee Afaan Oromoo dubbachuun natti ulfaatee miti.''
Shamarree Maahider Fiqaaduu barnoota arkitecherii barattus turizimii Oromiyaa irratti waan guddaa hojjettee maqaa gaarii tokko kaawwachuu akka barbaaddu himte.
Oromiyaan qabnu qabeenya uumamaa fi hawwata turizimii bal’aa qabdi. Anis kana irratti hojjedhee abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa kana arganii akka dhufanii irratti hojjetan gochuun barbaada.
''Jijjiiramni ofirraa jalqaba. Ilaalchakee jijjiirtee booda biyya kee jijjiirta. Anis kanuman gochaa jira,'' jette.
Dhumarratti, hawwata turizimii Oromiyaan qabdu hunda deemee arguu baadhus imalee, ilaalee beeksisuun barbaada jette.
Komishiniin Turizimii Oromiyaa erga dhiyeenya hundaa'een as naannoo Oromiyaa keessaa paarkotaa fi iddoowan uumamaan hawwata turzimii tahan beeksisuu irratti hojii guddaa hojjechaa jira.












