Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Looltuu duraanii Ayirish miseensa IS taaterratti hidhaan murtaa'e
Miseensi waraanaa raayaa Ayirish duraanii garee shororkeessaa IS jedhamuun beekamu keessatti miseensa ta'unshee bira gahameerratti adabbiin hidhaa murtaa'e.
Dubartiin umuriin ishee waggaa 40 taa'ee Liisaa Isimiiz waggoota afuriin miseensa IS taatee turuun ihse baatii Caamsaa darbe waan mirkanaa'eef, manni murtii hidhaa baatii 15 irratti murteesseera.
Shakkamtu tana irratti murte kana kan dabarsees Mana Murtii Yakka Addaa Magaalaa guddoo Ayiirlaandi, Dabliin keessatti argamudha.
Dhaddachi dhimmicha ilaalees, himannaawwan ishee irratti dhiyaatan keessaa tokko kan ta'e 'nama tokkoof maallaqa erguudhaan dhaaba shororkeessaaf deeggarsa taasiftee jirti' kan jedhu kufaa taasiseera.
Murticha kan dabarse abbaan seeraa, Jastiis Haanti dhaddachirratti, miseensi raayyaa Ittiisa Iyirlaandi takka dhaabbata shororkeessaadhaaf waadaa galuun miseensa ta'un lammii biyya kamiitiifu yaaddeessaadha jedhan.
Itti dabalunis Liisaa Isimiiz maal gochaa akka turte akka beekamu dhimmi nama shakkisiisuu omtu hin jirus jedhan.
Haata'u malee dhaddachichi dubartiin tun amala duraan qabduu fi wayita Sooriyaa keessa turteetti miidhaa mana keessatti irra gahaa ture haala dabarsitee hubannoo keessa galcheera jedhan.
'Haadha of kenniituu'
Abbaan Seeraa Liisaan murtoo ofii isheetiin gara Sooriyaa deemtulleen, jireenya sukkanneessaa daandii dogongooraa hordofuun Sooriyaa keessatti ishee mudate ture hanga dhumaatti fudhachuun turuu dandeessee turuu kaaseera.
Haala amma irratti argamtuufi haadha ofi keenniituu mucaa ishee waliin walittidhufeenya cimaa qabaachaa turte ta'u kaasuun, kanaan booda yaaddoo ta'u dhimmi agarsiisu kamu hinjiru jedheera abbaan seeraa kun.
Amantaa ishee gara Isilaamaatti jijjirrattee kan turte Liisaa Isimiiz, hogganaa garee IS kan ture Abu Baakaar Al-Baagdaadiin isilaamtoonni hundinu garichatti akka dabalaniif taasisaa waan tureef gara Sooriyaa kan imaltee turte.
Manni murtichaas osoo murtoo hin dabarsiin dura abbootii seeraa dhimmicha ilaalaa turaniif Liisaan kan rakkooleef saaxilamte akka taatee fi rakkoolee qor-qalbii garaagaraa mudatenii akka ture kaasee ture.
Abbookaatoon ishees gabaasaalee oggeessoonni qor-qalbii sadi maamiilasaarratti dhiyeessan eeruun, Liisaan rakkoolee daa'immummaa ishee irraa kaasuun dabarsite hubannoo keessa akka galchuuf gaafateera.
Dabalataanis, tibba Sooriyaa keessa turteetti miidhaa gaa'iilaan wal qabatee irra gahaa ture kaasuun, dararama qaamaa fi qor-qalbii cimaa keessa akka turte abbootii seeraatti himeera.
Liisaa Isimiiz erga IS irra adda baateen booda jidduugalawwan hidhaa adda addaa keessa yeroo dheeraaf turuushee kaasuun, haalli isheen dabarsitees ''gonkumaa baayyee sukkaneessaafi sodaachisaa'' akka ture abbookaatoon ishee ibseera.
Abbootiin seeraatiis ragaalee dhiyaataniif ilaaluun alatti, dararama dabarsite hubannoo keessa galchuun hidhaa waggaa tokkoofi baatii sadii itti murteesseera.