Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
IS du'uu gaggeessaa isaa Alquraayish amanee bakka isaa nama muude
Islaamiik Isteet ykn magaa gabaajee IS jedhuun kan beekamu gareen finxaalessaa ajjeefamuu gaggeessaa isaa Abu Ibiraahim Alquraayish amane.
Ergaa sagalee marsariitii irratti gadi dhiifameen Abu Alhasan Hashamii Alquraayish gaggeessaa haraa akka ta'e kan ibsame yoo ta'u, maqaan isaa sirriifi eenyummaan isaa garuu ifatti hin himamne.
Ergaa sagalee gadi dhiifame kana keessatti hanga har'aatti garee kana gaggeessaa kan ture Abu Ibiraahim Alquraayish, eessatti eenyyfi akkamitti akka ajjeefame wanti jedhe hin jiru.
Ameerikaan akka jettutti garuu Abu Ibiraahim Alquraayish qabuudhaaf duula addaa yeroo taasifamee turetti akka marfame hubachuun ofii isaafi maatii isaa boombiidhaan ajjeeseera.
Akka ragaa Ameerikaatti kun ammoo kan ta'e, Guraandhala jalqaba Kaaba-lixa Sooriyaa bakka itti dhokatee jirutti ture.
PireziantiinAmeerikaa Joo Baayidan ajjeefamuun Abu Ibiraahim Alquraayish addunyaa irratti hidhata gareen shororkeessitootaa qaban dadhabsiisuu keessatti gahee akka qabaatu dubbatee ture.
Abu Ibiraahim Alquraayish dhaaba shororkeessaa kana addunyaa irratti baballisuun beekama.
Kanaan alattis dhumaatii saba gosti isaanii muraasa ta'e Yaaziid jedhaman Iraaq keessa jiran adda-durummaan akka gaggeesseeru Ameerikaan ni shakkiti.
Ergaan sagalee Kamisa kaleessaa darbe kun sagalee dubbi himaa IS Abu Umar Al Muhaajiir jedhameera.
AL Muhaajiir akka jedhetti isa dura dubbi himaa garee kanaa kan ture Hamzaa Quraayish dhiyeenya ajjeefameera.
Muhaajiir ergaa sagaleen dabarse kanaan akka jedhetti, maqaa sirrii gaggeessaa haaraa ibsuuf akka rakkatu garuu miseensonni IS isaaf amanamoo ta'anii akka abboomamaniif hubachiiseera.
Xiinxaltoonni baayyeen garuu hogganaan IS haaraan kun nama Iraaq Bashir Kataab Gazaal Al Sumaayidaa ta'uu akka hin oolle shakkaa jiru.
Namni kun maqaa isaa gabaabaa Abu Kataab Al Iraaqii jedhuun beekama.
IS yeroo tokko dhaabbata ballina lafaa kiiloomeetir iskuweerii kuma 88 ballatu baha Iraaqi irraa kaasee hanga Sooriyaa Lixaatti diriirfatee sirriitti bulchaa tureera.
IS yeroo sanatti ummata miliyoona 8 ta'u bulchee ture.
Gareen kun bara 2019 keessa bakka yeroo dhumaatiif to'atee ture Iraaq keessaa waraanaan injifatamee yeroo bahetti loltoota kuma 10 qaba ture.
Duuti Abu Ibiraahim Al Quraayish bakka to'annoo mormitootaa jala jirtu Idilbii keessatti kan dhagahame IS mana hidhaa Kurdootaa irratti haleellaa banuu isaa hordofeeti.
Haleellaa kanaan ammoo eegdonni mana hidhaafi milishoonni warra Kurdootaa 121 ta'an ajjeefamaniiru.
Jalqaba torban kanaas IS giddu-gala Sooriyaa keessatti haleellaa tasaa banuudhaan loltoota Sooriyaa 15 ajjeeseera. keessa