Pirezidaantiin Chaayinaa haasaa iccitii miidiyaatti baafte jechuun Tiruudootti dheekkaman

Hogganaan Chaayinaa Shiin Jiinping erga marii G20 Baaliitti taasisaniin guyyaan booda waan mari'atan miidiyaatti himte jechuun duree Kaanaadaa Jastiin Tirudoo osoo himatuu waraabame.
Pirezidantiin Shiin Ministira Mummee Kaanaadaa karaa turjumaanaatiin, kun sirrii miiti jechuun ''iccitii' baasuuf'' jechun himatan.
Shiin tarii gabaasa MM Kaanaadaa Chaayinaan filannoo biyyattii keessa galtee jirti jechuun himatan kan ilaalatuu ta'u mala.
Mariichis kan lamaan isaanii bara keessatti yeroo jalqabaatiif karra cufaa duubatti gaggeeffamee ture.
Warraabbii viidiyoo gaazeexessaan yaa'ii hoggantoota addunyaa amma xumurame irratti waraabameen, Pirezidanti Shiin fi Tirudoon walitti siqanii dhaabbachuun karaa turjumaanaatiin yoo waliin haasa'an mul'atu.
''Wanti nuti waliin mari'annee hundi gaazexaatti bahee jira, kun ammoo sirrii miti'' jedhan pirezidantiin Chaayinaan MM Kaanaadaatiin.
Waraabbiin viidiyichaas wayita Pirezidantiin Chaayinaa kan suuraan isaanii miidiyaa mootummaa Chaayinaatiin of eeggannoon filatame, yoo haala naamusa qabuun dubbatu agarsiisa.
Ministirri Mummee Kaanaadaa erga seeqaniifi mataa sochoosaniin booda ''nuti Kaanaadaa keessatti marii bilisaa fi ifa ta'eetti amanna. Kan qabaachuu itti fufnuus isumadha,'' jedhan.
''Haala ijaaraa ta'een waliin hojjachuuf itti fufna garuu ammoo wantoonni irratti walii galuu hin dandeenyee jiraachuu malu'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tirudoon osoo haasaa isaa hin xumuriin dura, Prezidantiin Chaayinaa addaan kutuudhaan, ''dursa haala mijeessi'' jechuun gaafatan. Achiinis harka Tiruudoo erga fuudhaniin booda biraa deeman.
Haasaan baayyee gabaabaa garuu ammoo erga Hogganaan teeknolojiiwwan Huawei, Meng Waanshou bara 2018 keessaa to'atamaniin asi, muddama Kaanaadaa fi Chaayinaa jidduu jiru agarsiisee ture.
Chaayinaanis gama isheetiin lammiilee Kaanaadaa lama basaasaa jiru jechuun hite. Booda keessa garuu jarri sadanii gadhiifamanii ture.
Haata'u malees, dhiiheenya kana keessa ammoo erga Yuesheng Wang hojjataan dhaabbata ummataa Hydro Quebec basaasuudhaan to'atamee kaasee muddamni deebii'ee umame.
Poolisiin Kaanaadaa himannaa isaa irratti akka jedheetti, Mr Waang ''Riipablika Ummataa Chaayinaa fayyaduuf jecha icciitiiwwan daldalaa qabateera, kunis dantaa diinagdee Kaanaadaa murteessuuf oola'' jedheera.
Yeroo haasaa kun jidduu isaaniitti ta'eettis hoggantoonni lamaan yaa'ii G20 irratti hirmaachuuf odoola Indooneeshiyaa Baalii keessa turan.












