Artistiin beekamaan Za Wiikand jedhamu buna Itoophiyaa maqaa haadhasaan moggaasee gabaaf dhiyeessuf

Madda suuraa, THE WEEKND TWITTER PAGE
Artistii beekamaan Za Wiikand jedhamuu Abeel Tasfaayee buna Itoophiyaa maqa haadhasaan moggaasee gabaaf dhiyeesuf.
Artistiin kun dhalataa Itophiyaa yoo ta'u, kabaja haadhasaafi maatii isaaf qabuu jecha buna Itoophiyaa maqaa haadhasaan gabaaf dhiyeessuf akka jiru beeksise.
Artisti Abeel Tesfaayee ykn maqaaa Za Wiikand jedhamuun beekamu kunis buna maqaa haadhasaatin 'Saamraa' jedhee kan moggaase yoo ta'u, Biluu Bootil Kofii (Blue Bottle Coffee) waliin ta'uun gabaaf akka dhiyeessu beekise.
Abeel Tesfaayeefi Rikard Kaampaanin waliin ta'uun Biluu Bootil Kofii kan hundeessan yoo ta'u, kaampaanii kana jalatti aadafi buna Itoophiyaa gabaa addunyaaf dhiyeessuf hojii akka jalqaban fuula tiwitarasaarratti barreesse.
"Aadan Itoophiyaa qaama eenyummaa kootiti," jechuun aadaa, duudhaaleefi buna Itoophiyaa addunyaarratti beeksisuuf akka hojjatu hime.
Daa'imummaasaarraa kaasee haatisaa buna akka aadaa Itoophiyaati danfisuun dhugaa akka turan ibsuun, aadaafi eenyummaa keessaa bahe yeroo hunda akka habaju kan isa taasisu beeksise.
Abeel buna Itoophiyaa maqaa haadhasaatin Saamraa Bunnaa jedhu torbee dhufuu eegalee gabaaf dhiyeessuf akka jiru ibsuun sagantaa bunicha dhandhamuu qophaa'erratti inniifi haatisaa hirmaataniiru.
Jaalala haadhasaafi bakka dhalootasaa Itoophiyaaf qaburraa kan ka'e maqaa haadhasaatin buna moggaasee gabaaf dhiyeessuf akka kaka'e fuula twitarasaarratti barreesse.
Haadhasaa yaadachuuf buna gabaaf dhiyeesse kana namoota deeggarsa namoomaa barbaadaniifis akka oolchu beekise.
Kampaniinsaa Biluu Bootil galii argaturraa Itoophiyaatti namoota deeggarsa nyaataa barbaadan miliyoona 20 ta'aniif karaa USAID deeggarsa gochuuf akka jirus ibsee jira artistiin kun.
Abeel Tesfaayee (Za Wiikind) kanaan duras Itoophiyaatti deegarsa namoomaf kan oolu dolaara miliyoona tokko arjoomee ture.












