Paayileetiin jeettii gameessi Yukireen fi paayileetonni kaan balaa xiyyaaraan du'an

Madda suuraa, Getty Images
Yukireen keessatti paayileetota jeettii akkaan kabajaman keessaa tokko kan ta'e xiyyaarri isaa xiyyaarota kaaniin walitti bu'uun balaa mudateen du'e.
Paayileetonni biroon lamas balaa kanaan du'aniiru.
Andirii Piilshikoov tibba waraanni Yukireen eegalame sana hirmaannaa guddaa taasiseen beekamtii fi kabaja guddaa argate.
Humni waraanaa Yukireen paayileetonni jeettii waraanaa du'uun ''gadda guddaa akka ta'ee fi namoota kunneen bakka buusuun kan hin danda'amneedha,'' jedhe.
Paayileetii jeettii beekumsa guddaa qabu dhabuun qaawwaa guddaa uuma jedhe.
Xiyyaaronni L-39 jedhaman kaaba biyyattiirra osoo balali'aa jiraniiti kan walitti bu'an.
Balaa gaafa Jimaataa iddoo Ziitoomir Abilaast jedhamutti mudate kanaaf sababi, balalii eegaluu dura of eeggannoo ga'aa gochuu dhabuu fi dhiisuu ta'uusaa adda baasuuf qorannoon eegalameera.
Bakki balaan itti mudate kun magaalaa guddoo biyyattii Kiyeev irraa kallattii lixaatti kan argamu yoo ta'u, iddoo waraanni itti gaggeeffamaa jirurraa fagoodha.
Pireezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii ''biyyi keenya qabsaa'ota qilleensa keenya bilisoomsuuf ifaajaa turan yoomuu hin dagattu,'' jedhan.
Maqaa loltummaa ''Juice'' jedhamuun kan beekamu Piilishikoov, jeettii waraanaa MiG-29 jedhamu fayyadamuun haleellaa misaa'elaa fi diroonii Raashiyaa akka qolatuuf itti gaafatamummaan kennameefii hojjetaa ture.
Yukireen wayita jeettiiwwan waraanaa F-16 jedhaman 61 michoota isheerraa argattee, namoota itti leenjisuuf qophiirra jirtutti paayileetota karoora kanaaf abdataman dhabuutti guddoo gaddite.
Waajjirri olaanaan Ministeera Ittisaa US Fulbaana dhufurraa eegaluun akkaataa itti fayyadama jeettiiwwan F-16 irratti loltoota Yukireeniif leenjii akka kennu mirkaneesseera.
Onkoloolessa keessa ammoo kutaa biyyaa Arizoonaatti xiyyaarota kunneen balaliisuu akka shaakalchiisuu eegalu ibseera.
Biyyoonni michuuwwan Yukireen ta'anii fi ajaja Ameerikaan deeman kaan ammoo dhuma ji'a kanaarraa eegaluun leenjii kennu.












