Qaaraa akka malee nama gubuun rikardii addunyaa cabse

Madda suuraa, HEATONIST/JULIAN BRACERO
Qaaraan Pepper X jedhamu qaaraa addunyaa kanaa akka malee nama gubu tahuun gonfoo galmee Guinness World Records argateera.
Kunis qaaraa Carolina Reaper jedhamu waggaa kudhaniif rikardii qabatee ture caaluuni.
Qaaraa gosoota lameen kana waldorgomsiisuuf, safara gubaa wantootaa Scoville heat units jedhamuun gosti qaaraa Carolina Reaper jedhamu yuunitii 1,000,000 yoo tahu inni tibbana rikardii cabse Pepper X jedhamu ammoo yuunitii miiliyoona 2.69 ta'eera.
Namni sanyii qaaraa lameen kanaa dhaabeefi oomishe Eed Kaarii jedhama.
Mirga abbaa qabeenyummaan wal-qabateen qaaraan Pepper X sanyiinsaa hin gurguramu.
Obbo Kariin Pepper X waggaa 10'f Kibba Kaarolaayinaatti kan biqilche yoo tahu, abbaa qabeenyummaaf jecha odeeffannoo bal'aa kennuu hin feene.
''Waan gareedhaan hojjetame dha,'' jedha Obbo Kariin ibsa kenneen.
''Akka waan addaa qabnu garuu beekna ture, maatiifi hiriyyoota koo natti dhihoo jirantu maal akka hojjetaa turre beeka ture,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaalii samuudaa laaboraatorii Yunivarsitii Wiintiroop, Kibba Kaarolaayinaatti taasifameen, Pepper X giddugalaaan Yunitii Gubaa Scoville jedhamuun 2,693,000 safarame.
Kunis qaaraa duraanii Carolina Reaper al miiliyoona tokko caalaa, caala. Carolina Reaper Yunitii Gubaa Scoville'n 1,641,183 ture kan galmaa'e.
Faarmaasistii Wiilbar Iskoovil jedhamutu bara 1912'tti safartuu ittiin gubaa wantootaa keesumaa qaaraa ittiin madaalan kalaqe.
Safartuun kuni keemikaalli qaaraa kaapsaayisiin jedhamuufi akka miirri gubuu nutti dhagahamu godhu, bishaan keessatti al meeqa bulbulamee callabbaa'e kan jedhuun hojjeta.
Kemikaalli kaapsaayisiin jedhamu kuni qaama keenya keessatti keemikaalli gammachuu dooppaamiin jedhamuufi kan miira dhukkubbii indoorfiin jedhamu akka gadhiifamuuf taasisa.
Obbo Kariin araada alkoolii fi baala sammuu namaa si'eessu erga dhaabeen booda qaaraa oomishuu akka hojii yeroo boqonnaa hojjetutti jalqabe, qaaraa waan uumamaan mirqaana namaa kennudha jedhe.
Namoonni gubaan qaaraa sanyii ykn miciree isaarra jira jedhanii haa amananiyyuu malee, keemikaalli kaapsaayisiin jedhamu pilaaseentaa - tishuu sanyii baatu keessatti argama.
Qaaraan Pepper X jedhamu qaamnisaa daddabaafi dadachaa waaan qabuuf pilaasentaadhaaf iddoo bal'aa kennaafi jedha Guinness World Records.
Obbo Kariin namoota shan qaaraa Pepper X guutummaasaa nyaatan keessaa tokko dha.
''Gubaan qaaraa kanaa sa'aatii sadiif walakkaa narra ture. Achii garaan na ciniinuu jalqabe, '' jechuun AP'tti himeera.
''Garaa cininnaansaa hamaa ture. Rooba keessa lafarra ciisee sa'atii tokkoof gadoodaan ture.''
Akka Obbo Kariin jedhutti gosti Pepper X, qaaraa Carolina Reaper gosa qaaraa akka malee gubu tokko kan hiriyyaan isaa Mishigaan irraa ergeef diqaalomsuun argame.
Obbo Kariin nama ogummaa seeraa qabu yoo tahu oomishaaleen 10,000 ol maqaa Carolina Reaper eeyyama malee fayyadamuu jedhe.
Sababa kanaan sanyiin qaaraa tibbana rikardii cabse kuni hingurguramuu jedheera.
Karaan ittiin gosa qaaraa kanaa dhandhaman yoo jiraate, bulbula qaaraa saamsamee gurguramuun bituuni jedhe.












