Haleellaa qilleensaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 41 miidhaman

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan haleellaa qilleensaa magaalaa Karkiiv irratti raawwachuun yoo xiqqaate namoonni 41 ta'an miidhamuu qondaalonni himan.
Bulchaan naannawa kanaa Oleh Syniehubov kanneen haleellaa qilleensaa kanaan madaa'an keessaa daa'imman shan ta'uu ibsan.
Raashiyaan ''bu'uuraalee misoomaa lammiilee nagaa irratti xiyyeeffachuun barbadeessaa jirti,'' jechuunis himatan.
Giddu galli gabaa fi ispoortii gamoowwan barbadaa'an keessaati.
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii ''Raashiyaan ammaas Karkiiv keessatti shororkeessummaa raawwachuu eegalteetti. Misoomaawwan bu'uuraa fi magaalattii mataashee haleeluurratti xiyyeeffatteetti,'' jedhan.
Haleellaa kana booda Aab Zeleniskiin ammas michootasaanii biyyoota lixaa birmannaa gaafatan.
''Yukireen haleellaa ofirraa qolachuuf waan ishee barbaachisu hunda kennaafii,'' jedhan.
Aab Syniehubov akka jedhanitti haleellaa gamoowwan irratti raawwate booda namoonni hedduun gamoo jijjige jalatti awwaalamuun hin oolle.
Kanaaf hojii lubbuu baraaruu hojjechaa akka jiranis ibsan.
Viidiyoowwan haleellaa qilleensaa Raashiyaa kana agarsiisan bal'inaan miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa turan keessaa BBCn garii dhugaa ta'uusaanii mirkaneeffateera.
Akka BBCn mirkaneeffatetti haleellaa hamaan giddu gala Karkiiv gara kaabaatti siqee raawwate.
Haleellaan Raashiyaa kun erga Yukireen haleellaa diroonii Raashiyaa keessaa iddoowwan adda baafterratti qiyyaafachuun raawwattee booda mudate.
Haleellaa Yukireen raawwatte sanaan madoo cimaan yookiin duuti gabaafame hanga ammaatti hin jiru. Aanga'oonni Raashiyaa homaa hin jenne.
Garuu haleellaa sanaan buufataalee anniisaa Raashiyaa lamatti abiddi qabateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Raashiyaan jettutti Yukireen naannolee Raashiyaa 15 ta'an dirooniiwwan 158 caalaniin haleeluuf turte. Kun Moskoos ni dabalata.
Humni waraanaa Raashiyaa dirooniiwwan Yukireen dhukaaste qilleensarratti barbadeessuu hime.
Yukireen himannaa Raashiyaan dhiheessitu kanarratti yaada hin kennine.
Humnoonni Yukireen ji'oota darban keessa daangaa Raashiyaatti ce'uun achirraa haleellaawwan raawwataa turan.
BBCn akka odeeffatetti Yukireen humna cimsattee gara Raashiyaatti ce'uun waraana achirraa humnoota Raashiyaarratti banuu kan dandeesse gargaarsa teeknooloojii fi maallaqaa biyyoota lixaa irraa argatteeni.
Humnoonni Yukireen daangaa Raashiyaa waliin qooddatan- naannawa Kursk keessatti humna waraanaa cimsachuun achirraa haleellaa raawwachaa turan.
Torbanoota darban kana garuu saffisi isaan ittiin fuulduratti deemaa turan akkaan hir'ateera.
Yukireen torbee darbe naannawa kana keessaa lafa iskuweer kiilomeetirii 1,294 qabachuu akkasumas qubsumoota 100 fi loltoota Raashiyaa 600 ta'an to'achuu ibsitee turte.
Haata'u malee gidduu kanammoo humnoonni Raashiyaa loltoota Yukireen irra aanuun gara fuulduraatti milkaa'inaan deemanii magaalota Yukireen qabachuu eegalaniiru.
Raashiyaan naannawa baha Yukireenitti argamtu Donetsk xiyyeeffannaashee godhachuun qabachuuf ji'ootaaf qabsaa'aa jirti.













