Manni murti gaazexeessitoonni wabiin akka gadhiifamaniif murteesse

Maxxanfame

Manni murtii Faderaalaa sadarkaa tokkoffaa ramaddii Araadaa olmaa isaa har’aatiin oggeessitoota torban lamaan dura humnootii nageenyaatiin to’annaa jala oolfaman keessaa sadan isaanii wabiidhaan akka bahan murteesse.

Kanneen biroo lama irratti ammoo poolisiin guyyaa qorannoo dabalataa gaafate.

Maaneejiingi daarektara barruu Fitih Tamasgan Dasaalany, abbaan qabeenyaa miidiyaa Gabayaanuu Salamoon Shuumiyeefi haati qabeenyaa YuoTube Rohaa Midiyaa Ma’aazaa Mohaammad kanneen wabiidhaan akka bahaniif murtaa’eedha.

Kana malees, manni murtichaa poolisiin qorannoo gaazexessaa Yaayyesawu Shimallisiifi barsiiftuu Maskaram Abarraa irratti gaggeessaa jiru akka xumuuruuf guyyoota dabalataa jaha kenne.

Dhimma gaazexessitoota kanneenii ilaalaa kan jiru Mana murtii Faderaalaa sadarkaa tokkoffaa ramaddii Araadaa Dhaddacha yeroo beellamaati .

Hidhamtoonnis tokkoon tokkoo isaanii wabii qarshii kuma kudhanii qabsiisuun mana hidhaatii bahanii dhimmasaanii ala ta’uun akka hordofatan murteen kan darbe.

Himatamtoonni kunneenis haaluma beellamasaaniitti Wiixata kaleessaa Waxabajjii 06, 2022 wayita dhaddachatti dhiyaatanitti poolisiin qorannoo xumuruudhaaf guyyoota dabalataa kan gaafatee ture yoo ta’u, abukaatoowwan gaazexessitootaa garuu mirgi wabiisaanii kabajamee akka dhimmasaanii ala ta’uun hordofataniif gaafate.

Manni murtiis dhimmicharratti murtee dabarsuuf har’atti beellama qabatee ture.

Murtee mana murtichaatiin boodas maatiiwwaniifi abbookaatoonni gaazexessitoota kanneenii adeemsa barbaachisu raawwachuun akka mana hidhaatii bahaniif yaalii taasisaa jiraachuu BBCtti himan.

Gaazexessitoonniifi oggeessoonni miidiyaa gara kudha shanii ta’an eddoowwan garaa garaatti humnootii tikaa mootummaatiin to’annoo jala kan oolfaman torbana lamaan dura ture.

Poolisiinis baayyee isaanii irratti hawaasaafi amantaa jidduutti walitti bu’iinsaafi hokkara kakaasuun shakkee to’annaa jala oolchuu guyyoota mana murtiitti dhiyaatan garaa garaatti ibsuun isaa ni yaadatama.

Hidhaa gaazexessitootaa baayyinaan raawwatame ilaalchisuun Komishinii Mirga Namoomaa dabalatee dhaabbileen mirga gaazexessitootaaf falmaniifi paartiileen siyaasaa yaaddoo qabaachu ilaalchisuun ibsa baasuun saanii ni yaadatama.

Haalum akanaanis Dr Daani’eel Baqalaa Komishinarri Komisinii Mirga Namoomaa itoophiyaa, ‘‘Sababii hidhaan kun yaaddeessaa itti ta’u keessaa tokko faallaa seera miidiyaa ta’uusaa osoo hin taanee, dhiibaan inni hordofsiisu yada bilisaan ibsachuu irra kan caaluu waan ta’eefiidha’’ jechuun yaaddoo qaban ibsanii ture.

Dhaabbanni Mirgoota gaazexessitootaaf falmu CPJ gamasaatiin, aanga’oonni itoophiyaa ‘‘himannaa tokkoo malee atattamaan gaazeexeessitoota hidhee akka gadhiisuu fi motummaan gaazexessitoonni osoo hidhaa, dhiibbaafi hordooffii (censorship) hin sodaatiin akka gabaasan gochu qaba,’’ jedhee ture.

Mootummaan garuu kanneen to’ataman irra caallisaanii kan gochaawwan seeraan alaa adda addaa irratti argamaniidha jedhee ture. Mootummaan Itoophiyaa kanneen oggummaa saanittin wal qabatee hidhaman hin jiran.

Mootummaan Itoophiyaa “gaazexeessitonni dhimma hojii isaanii waliin walqabatuun hidhaman hin jiran” jechuun, gaazexeessitootas ta’e ogeessonni sabaa-himaalee kanneenis “yakka raawwachuu isaanii poolisiin raga waan qabuuf” to’annoo jala akka isaan oolche dubbi himaan Poolisii Federaalaa dubbachuun isaanii ni yaadatama.