Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aanaa Burjiitti walitti bu’iinsa lafa gabaatti mudateen namoonni nagaa ajjeefaman
Sanbata darbe walitti bu’insa Naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaatti aanaa Addaa Burjii keessatti mudateen lubbuun namoota sagalii darbee, namootni baay’eenis madaa’uu bulchaan aanichaa Obbo Mahaarii Alamaayyoo BBCtti himan.
Akka aanga'aan kun jedhanitti, daangaa Gujii lixaa irratti kan argamtu aanaa Addaa Burjii kanatti guyyaan Sanbataa gabaan Sooyyoma jedhamu kan jiru yoo ta'u, haleellaan sabarratti xiyyeefate kun namoota nagaa Gujii lixaa irraa gabaaf deemanirratti ture kan raawwatame.
Walitti bu’insi kun namoota gabaa bahan gidduutti akka tahe himameera.
Sababa walitti bu’insichaa kan gaafataman bulchaan aanichaa warreen nagaa hawaasa Gujii fi Burjii hin babaanneen lolli ka'uu himu.
‘’Rakkoon kan saboota lamaanii hin turre, hojii walitti bu’insa sabaa fakkeessuuf hojjetame dha. Humnoota nageenya Oromoos, Burjiis hin barbaannetu irra deddeebiin saboota lameen walitti buusuuf yaalaa ture. Qaaamoti kunneen yeroo warri Gujii gara gabaa yeroo dhufan qonnaan bultoota Burjii irratti haleellaa raawwataa ture,’’ jedhan.
Qaamoti isaan ‘’farreen nageenyaati’’ jechuun eeran kunneen magaalaa galuun qonnaa bulaa ajjeesuus himu.
’’Sa’atii jahatti qonnaan bulaa tokkorratti haleellaa raawwatan, sa’atii sanarratti immoo Gujiirraa namoonni baayyeen gabaa dhufaniiru. Warri Gujii, Burjii ajjeesan, kanaaf warri Burjii immoo warra Gujii haleelaa jechuun haleellaan namoota nagaarra gahe,’’ jechuun ibsu.
Namoonni miidhaman wal'aansa fayyaaf gara Hospitaala Fayyaa Yuuniversitii Bulee Horaatti geeffaman.
Obbo Taakkalaa Uturaa Kerroo Diinii Keejjii Fayyaa yunvarsiitii Bulee Horaati.
Isaan ammoo namootni walitti bu’insichaan miidhaman 15 tahan hospitaala isaaniitti yaalamuu BBCtti himaniiru.
Namoota sanbata duraa hospitaalichatti yaalamuuf dhufan keessaaa, ‘’kan miidhaa ciccimaan irra ga'e shan adda baasne, kaan immoo miidhaa salphaatu irra ga'e, kan yaala argatanii kan mana isaaniitti deebia’an jiru.’’
‘’Namoonni lama miidhaa cimaa waan qabaniif riifariin isaaniif barreefameera. Wal’aansa dabalataa akka argatan erguuf jirra,’’ jedhan.
Hakiimichi miidhaan namootarra gahe waan rasaasaa raawwatame hin fakkaatu jedhan.
’’Madaaan isaanii baayyee mataa, fuula, gurra, funyaan fa’irra dha. Mataan isaanii bubburuqee waan tureef hodhineerra, ‘’ jedhan.
Namoonni miidhamanii dhufanis, ‘’gabaadhuma keessatti walitti bu’insi ka’uu malee sababa maaliin akka ka’e hin beekan, lafti nagaa jedhanii gabaa isaanii deemaniiti kuni irra gahe,’’ jedhan.
Bulchaan Aanaa Addaa Burjii Obbo Mahaarii Alamaayyoo rakkoo kanaan walqabatee hanga ammaa namoonni 10 to'annoo jala oolfamuu Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.