'Mana murtii dhaabachuu fi adda waraanaa deemuu keessaa filadhu'- filannoo Raashiyaan shakkamtootaaf dhiyeessitu

Madda suuraa, Novosibirsk courts administratio
Nama yakkaan shakkame taatanii filannoon lama isiniif dhiyaate haa jennu: Mana murtiitti dhiyaattee hidhaan sitti murtaa'uu moo adda waranaa deemtanii loluu siif wayya? kan jedhu.
Osoo isin ta'ee kam filattu? Manni murtii waggaa shan, kudhan kudha shan ykn isaa ol isinitti murteessee moo adda waranaa deemtanii loluu?
Raashiyaatti kan ta'aa jiru kana. Andiree Peerloov gaggeessaa kilaba kubbaa miilaa yeroo ture dolaara 32,000 milaammilcheera jedhamee shakkame.
Gaafa Bitootessa 28 poolisiin mana Andiree Peerloov, Saayibeeriyaatti argamu deeme. Andireen nama ganna 62 yoo ta'u, dorgommii deemsa fageenya km50 tiin bara 1992tti biyyasaa Raashiyaaf warqee Olompikii argamsiisee ture.
Malaammaltummaan shakkamee erga hidhamee ji'a guutuu kan himan maatinsaa adda waraanaa deemee Yukireen akka loluuf dhiibban irratti godhamuufi waraana deemee yoo lole, gaafa waraanni dhumu himanni irratti baname adda citee mana murtii dhaabachuunsaa akka hafu itti himame.

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaatti namoonni yakki itti murtaa'e loltuu ta'anii waraana Yukireen irratti hirmaachuun haaraa miti. Garuu kanaan dura yakkamtoota itti murtaa'e qofaatu adda waraanaa akka deemaniif filama.
Amma garuu warra yakki itti murtaa'e qofa osoo hin taane, kanneen yakkaan shakkamanii dhimmisaanii mana murtii jirullee akka dabalatu BBCn bira gahe.
Seera haaraa biyyattiin baasten, abbootii alangaa qofa osoo hin taane abukaaton himatamaallee namni yakkaan shakkame mana murtii dhaabachuurra adda waraanaa deemee yoo lole himanni akka adda citu itti himuuf itti gaafatamummaa qabu.
Serri kun Bitootessa 2024 kan ragga'e yoo ta'u, himatamtoonni adda waraanaa yoo deeman himannis ta'ee qorannoo isaanirratti gaggeeffamu akka dhaabatuufi erga waraanni dhumee booda guutummaan akka adda citu ibsa.
"Kuni seera sirna seera kabachiisuu Raashiyaa fuggisoo akka ta'u godhe," jedha daayireektara dhabbata Russia Behind Bars kan ta'e Olgaa Romaanoov.
Akka inni jedhutu, namni tokko nama biraa ajjeesee mana murtii dhaabatee haqni nama du'ee barbaadamuurra, namichi sun adda waraanaa yoo deeme "ergama waraanaa addaatif deeme" jedhamee himanni ajjeechaa adda cituun waan ta'uu hin malleedha.
Ragaa waraabbii sagalee BBCn dhoksaan argate irratti qorataan yakkaa dubatii abbaan warraashee sababa hannaan waggaa sadi itti murtaa'en, humna waraana Raashiyaatti dabalamuun fayidaa akka qabu osoo itti himuu dhagahama.
"Dabalataan waggaa jahatu yakka kanaaf itti murama, waraanatti akka dabalamuuf walii galtee akka mallatteessu carraa dhiyeessefiira. Waraana yoo deeme dhimmisaa ni cuafama," jedhaan qorataan kun.
Abbootiin seeraa sadi Raashiyaa keessa jiran BBC'f akka mirkaneessanitti, namoota yakkaaman shakkamaniifi yakki itti murtaa'e, adda waraanaa akka deeman gochuun baramaadha.
Dargaggoon ganna 18 Yarooslaav Lippaaviskii ofiisaatin fayyaasaa miidhuun himatame. Manamurtii dhaabbachuurra jedhee loltuu ta'e adda waraanaa deemuu filate.

Madda suuraa, Lipavsky family vk.com
Yukireen loluuf adda waraanaa deemee torbee tokko booda du'e. Raashiyaa keessatti namoonni yakkaan shakkaman meeqa mana murtii dhaabachuurra adda waranaa deemanii loltuu yoo ta'an, himannisaanii akka adda citu filannoo dhiyaatef fudhatanii adda waraanaa deeman meeqa akka ta'an baruun rakkisaadha.
Garuu, Raashiyaan seera namoota yakkaan shakkaman adda waraanaa akka deeman gochuun namoota sivilii waraanaf leenjistee bobbaasurra kanneen yakkaan shakkaman loltuu gochuun humnashee jabeeffachuu akka barbaaddu kan agarsiidha.
"Lammiilen Raashiyaa waa'ee namoota yakkaan shakkamanii ykn itti murtaa'ee mana hidhaa jiranii wayi dhimmasaanii qabuu? Dhimmasaanii waan qaban natti hin fakkaatu," jedhan xinxaalaa dhimma waraanaa kan ta'e Mikaa'el Koofmaan.
Shakkamtoonnifi yakkamtoonni lolarratti hirmaatanii yoo du'anis, mootummaan akka waan waa dhabeetti akka hin ilaalle hima Mikaa'el.

Madda suuraa, 72.ru Iryna Sharova
Gaggeessaa garee Waagnar kan tureefi du'e Yeevgeenii Pirigoozhin loltoosaa heddu namoota yakka ciccimaan itti murtaa'e manneen hidhaa gurguddoo keessaa filataa ture. Sababni isaa dandeettii yakkaaf itti fayyadaman waraanarratti itti fayyadamuu barbaade waan ta'eef.
BBCfi marsariitin Mediazona sanada dhoksaa akkaataa itti yakkamtoonni itti loltummaatti filamaniifi waan isaan mudate ibsu argatanii ilaalaniiru.
Ragaalee loltoota Yukireen keessatti du'aniifi kaffaltiiwwan Waagnar maatiisaanitiif ergurraa baruun akka danda'ametti, gareen Waagnar yakkamtoota 50,000 ta'an mana hidhaa keessaa akka filateefi adda waraanatti guyyaatti hanga namoota 200 du'aa akka turan BBCn bira gaheera.

Madda suuraa, Sergey Vologin family archive/ @jungerbahmut telegram
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Galmee kaffaltii Waagnar irraa akka baruun danda'ametti, magaala Yukireen kan taate Baakmuut qabachuudhaf yakkamtoonni Waagnar manneen hidhaa Raashiyaa keessaa loltummaatti qacare 17,000 du'aniiru.
Kanneen du'an kana bakka buusuf, Waagnarifi Ministeerri Ittisaa Raashiyaa maloota ittiin namoota haaraa bakka buusan bal'isaniiru. Kunis namoota yakkaan himataman, "dhimmi keessan akka adda citu barbaaddan adda waraanaa deemaa" jedhuudha.
Namoota yakkaan himataman keessaa kaansaanii affeerraa seerri haaran fide kana hin fudhanne. Sababni isaa ammoo jalqabumayyuu waraana biyyattiin Yukireen wajjin taasisaa jirtu itti hin amanne waan ta'eef.
Intalli Andiree Perloov akka jettutti, namoonni yakkaan shakkaman kunneen dhiibbaa aangawootaa jala jiru.
"Inni [waraana deemuu] akka didu goonan gara mana hidhaa adabni cimaan jiruutti geessanii akka walii galtee mallatteessuf deebisanii gaafatan," jechuun erga inni si'a lammaffaa mallatteessuu didee booda maatiisaa akka hin agarre dhorkaa kaa'uu himti.
Namoonni yakkaan shakkaman akka waraanatti dabalamaniif dhiibban irratti taasifama himata jedhu gaafachuuf BBCn aangawoota Raashiyaa qunnamee, garuu deebii hin kennine.












