Imaammata haaraa US godaantota Itoophiyaafi Eertiraaf carraa bane

Maxxanfame

Itoophiyaa keessatti maqaan Ameerikaa gaafa dhahamu kan qalbii namaatti dhufu DVdha.

Har'aa bor ni dhaabata jedhamaa kan ture DV'n waggootaaf itti fufee, abbootii carraa dhibbaan lakkaawamaniif balbala US baneera.

Amma ammoo bulchiinsi Baayidan sagantaa haaraa eegaleera. Sagantaan kun kan irratti xiyyeefate godaantota irratti.

Waraanaafi gadadoo dheessuun godaantota biyya lammataa keessa jiran Ameerikaa keessatti jireenya akka haaraatti eegalan carraa bana.

Sagantaa kanaaf moggaasni Welcome corps jedhu kennameeraaf.

Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Biliinkeen kamisa torbee darbee sagantaan beeksisan kun, godaantota kan simatu yeroo ta'u, lammiilee Ameerikaa, dhaabbilee amantaa fi dhaabbilee miti mootummaa kan hirmaachisuudha.

Biliinkan sagantaa kana yeroo eegalchiisan Ameerikaan biyya godaantotaan ijaaramte ta'uu yaadachiisan.

Miidiyaan US, CBS akka gabaasetti sagantaan haaraan kun kan fudhatame imaammata Kaanadaarraayi.

Ofii sagantaan kun akkamiin hojjeta, eenyutu fayyadama?

Sagantaan haaraan bulchiinsi Baayidan raawwachiisuuf jedhu kun barana sadarkaa yaaliin hojjeta.

Gabaabumatti ibsuuf namootni Amerikaa jiraatan waliin gurmaa'uun gara Ameerikaa fichisiisuu danda'u.

Amma dura dhaabileen godaantota gara Ameerikaa galchuu kan danda'an dhaabilee sagala qofa turan.

Isaaniyyyuu ta'e jedhamee akka laamsha'an godhameera. Sababa kanaatiinis lakkoofsi goaantota gara Ameerikaa seenanii akkaan xiqqaachaa ture.

Sagantaan haaraan kun garuu godaantotni lakkoofsa guddaan garas akka imaluu danda'an haala kan mijeesse fakkaata.

Namootni lammummaa US qaban ykn hayyama hojii qaban shan gurmaa'anii akkuma dhaabbata tokkoo nama godaanu tokko ispoonsar gochuun gara Ameerikaa fiduu danda'u.

Namootni shanan nama gara US fiduu yaadaniif maallaqa doolaara 2,275 qofa walitti qabuu qabu.

Namootni shanan nama gara US fidan guyyoota 90'f akkamiin akka biyya barsiisan gabaasa yaada dhiyeessuu qabu.

Kuniis warreen ispoonsara ta'an ji'oota sadiif keessummaa kanaaf akkamiin bakka bultii, nyaata, kunuunsa fayyaafi barnoota danda'u kan jedhu agarsiisuuf.

Eenyufaatu sagantaa kanarraa fayyadamuu danda'a?

Sagantaan amma sadarkaa yaaliitti gaggeefamaa jiru godaantota amma biyya dhaloota isaanii gadhiisanii baqaan biyya lammaffaa jiran ilaallata.

Yeroodhaaf kanneen dhaabbata godaantotaa UN'ti warreen galmaahanii adeemsa ragaa qulqulleessuu hunda fixanii gara US galuuf kan eeggataa jiran fayyadamtoota taasisa.

Yoo sagantaan kun yaalii ammaa milkaahe kanarratti qofa daanga'ee hin hafus jedhameera.

Ammatti murtee eenyutu gara Ameerikaa seena jehdu kan dabarsu mootummaa biyyattii ta'us bodarra garuu namoota shanantu nama fichisiisuu barbaade dhiyeessa jedhameera.

Waajirri Haajaa Alaa US yeroodhaaf lammiileen ykn namootni kuma kudhan ta'an ispoonsara ta'uuf akka galmaahan jajjabeessaa jira. Ispoonsaroonni 10,000 argamnaan godaantotni kuma shan ta'an gara US galchuu danda'u jedhamee eegama.

Adeemsa kana ammoo dhaabbileen dhimma godaansaarratti muuxannoo qaban ni deeggaru jedhameera.

Sagantaan kun godaantota biyyoota kamiirratti yaalamee beeka?

Sagantaan kun amma dura godaantota biyyoota Afgaanistaaniifi Yukireen irratti raawwatamee beeka.

Sagantaa kanaan godaantotni Yukireen 100,000 ta'an waraana dheessanii Ameerikaa galuu danda'aniiru.

Kanneen Yukireeniifi Afgaanistaanii gara US gala hayyama hojii kan yeroo qofa argatu.

Haata'u malee kanneen sagantaa haaraa Welcome corps gargaaramuun gara US kan galan garuu hayyama hojii dhaabbataa argatu, adeemsa keessas lammii US ta'uuf iyyachuu dana'u.

Ameerikaan sagantaa godaantota simatu kan bara 1980 eegaleen walakkaa jaarraa tokkoo keessatti godaantota miiliyoona sadii simatte.

Bara 2022 keessa godaantota kuma 125 simachuuf karoora qabattus kan milkeessuu dandeesse kuma 25 qofa.

Bara Tiraamp ammoo lakkoofsichi kanarrayyuu xiqqaadha.

Maaliif godaantota Itoophiyaafi Eeriraaf carraa addaati jedhame?

Kaanadaatti abbaa seeraa dhimma godaansaa fi ogeessa seeraa kan ta'an obbo Taklamikaa'eel Abbebee Saahilemaariyaam Kaanadaan sagantaalee sadiin waggaa waggaan godaantota hanga 20,000 fudhachaa akka turte himanii isaan keessa inni tokkoofi amma US madaqsitee hojiirra oolchuu eegalte group of five kan jedhamuudha.

Sagantaa Kaanadaa kanarraa biyyootni Baha Afrikaa keessumaa warri Eertiraa akka ta'utti itti fayyadamaniiru.

''Sagantaan Kaanadaa sun kan itti fayyadamuun nurra turee badaa itti hin fayyadamne garuu irraa fayyadamnuu qabnuudha'' jedhan.

Hamma gahaadha jedhamu irraa hin fayydamne jedhamus, dhalattootni Itoophiyaa magaalota Kaanadaa akka Vaankovar, Kaalgerii, Albertaa, Edimoontaniifi Toroontoo jiran firoottan isaanii sagantaa kanaan ispoonsara ta'anii fudhataniiru.

Hojmaatni Kaanadaa akkami?

US sagantaa haaraa kana imaammata Kaanadaa irraa fudhatte jedhamus adeemsicharratti ammallee ibsa bal'aa hin laanne.

Garuu ammoo hojimaata Kaanadaa baruun kan US tilmaamuuf gargaara jedhu obbo Taklamikaa'eel.

Kaanadaatti namootni shanan ispoonsara ta'an doolaara biyyattii kuma 16 baankiitti ol kaahuu qabu. Yoo kana gochuu baatanis nama fudhachuuf gahuma qabaachuu ibsuuf waraqaa gibira aagarsiisuu qabu.

Kaayyoon isaan keessummaan isaanii Kaanadaa erga gahee ji'oota 12 akka hin rakkannee gochuu danda'auu isaanii beekuufi.

Adeemsa Kaanadaan namoota shanantu nama fiduu barbaadan murteessaa jedhu obbo Takalamikaa'eel.

Dabalataanis nama garas imaluuf jedhu sababni godaansaaf isa saaxile gahaamoo miti jedhamee qoratama, gocni hedduun guutamus jira.

Godaantotni tokko tokko maaliif waggaa 10, 20'f biyya lammaffaa turu?

Godaantotni Itoophiyaa fi Eeriraa xiqqaa hin jedhamne biyya ollaatti baqatanii biyya sadaffaa osoo hin gahiin waggootaaf turu.

Gariin ammoo waggaa tokkoofi lamatti isaaniif milkaaha. Kuni maaliif ta'e?

Sababa kana yoo ibsan ofiis waggoota kurna lama dura jireenya baqattummaa keessa darbuu dubbatu.

''Waggoota afuriif Keeniyaatti baqadhe jiraadheera. Kanneen na waliin baqatan gariin waggaa saddeet kaan ammoo ammallee achi jiru ta'a'' jedhu.

Kuni sababoota hedduu qabaachuu mala kan jedhan namni seeraa kun, Carraan godaantota miiliyoonaan lakkaawwaman keessaa tokko ta'uu baayyee xiqqaa ta'uun sababa tokko ta'uu dubbatu.

Sababni biraan ammoo sababa namni godaane sun biyya abaa isaa dhiisee baheef waan qoratamuufi jedhu.

Ammallee haalli fayyaa nama godaanaa jiruu baasii mootummaan biyyattii fayyaaf ramadu caala baasii baasisuu mala jedhan dhiisuu isaaniiti jedhu.

Sagantaan US kun kan Kaanadaarrayyuu filatama ata'uu mala jedhanii kana amanan ta'u yoo dubbatan sababni jalqabaa dhiyeessan baasii ispoonsaraa barbaachisu xiqqaa ta'uu dubbatan. Kan Kaanadaa doolaara US 12,000 ture, kan US ammoo doolaara 2,500 gadii jedhu.

''Tilmaama koo yoo na gaafatte sagantaan inni US kun godaantota Itoophiyaafi Eertiraan akka cinqamun eega...keessumaa warri Eertiraa gama kanaan baayyee dinqisiifamu. Qindaa'anii hojjetu. Uummata isaanii kuma hedduu godaansa keessaa baasu jedheen abdadha.''

Ispoonsarootni maaliif shan akka ta'an barbaadame?

Sababni kun ta'eef namootni jireenya dhuunfaa isaanii osoo hin miidhamiin waloon godaanaa simachuuf gaafatama qaban akka ahan yaadameeti.

Baqataan tokko biyya haaraa tokkotti yoo simatamu gaafatamni nama sana biyya barsiisuu kan nama tokkoo qofa akka ta'u hin barbaadamu.

''Obboleettiin koo dhufte haa jennu, har'aa osoon mana barnootaa geessee, yeroon ani hojii deemu eenyu mana yaalaa geessa? hayyama konkolaachisummaa eenyu barsiisa? Gabaa eenyutu itti agarsiisa? Kanaafi shan ta'uun kan barbaachiseef. Yaadni isaa hariiroo hawaasaa si'aataa uumuu waan ta'eefi.''

Ofii Ameerikaafi Kaanadaan maaliif godaantota simachuu fedhu?

Jappaan fi biyyootni Iskaandiniviyaa gariin dhalli xiqqaachaa dhufuun isaan yaaddessaa jiraachuu himaa jiru.

Humni hojii xiqqaachaa adeemuun diinagdee isaaniirratti dhiibbaa hin malle akka qabaatu hin fedhan.

Sagantaan US amma eegaltes namoomaan cinaatti dantaa diinagdee of duubaa qaba.

Godaanttni gariin humna hojii ta'uurra haalli iti ba'aa dabalataa biyya sanii itti ta'an jiraa jechuun yaada rmaan oliitti badaa walii hin galan obbo Taklamikaa'eel.

''Kaanadaatti godaantotni yeroon itti ba'aa ta'an hedduudha. Warri Itoophiyaa fi Eertiraa hojjettoota cimoo waan ta'aniif dafanii hojiitti galu malee kaanis akkasuma jechuu miti.''

''Baroota dhufan namoota miiliyoona tokkoof walakkaan fudhadha jechaa jirti. Kana keessaa godaantotaaf kan qabame dhibbenetaa 15 qofa. Dhibbeentaan 85 kan damee dinagdee deeggaru akka ta'u barbaadama. Kan godaantotaa kun namooma jedheen yaada. Isayyuu bar maallaqa guddaa isaan baasisa.'' jedhu obbo Taklamaariyaam.