Lammiileen Awustiraaliyaa sa'aatii hojiin alatti mirga 'hariiroo hojii adda kutuu' argatan

Madda suuraa, Getty Images
Awustiraaliyaa keessatti kanaan booda yeroo hojiin alatti ergaa qaama isaan qacare irraa ergamuufitti dhiphachuun hafeera. Lammiileen biyyattii mirga akkanaa argataniiru.
Mirgi sa'atii hojiin alatti dhimmoota hojiin walqabatanirraa walaba ta'uu- right to disconnect jedhamu kun, hojjettoota ergaa gabaabaa yookiin bilbila kallattiin qaama isaan qacare irraa isaan qaqqabuuf akka deebii kennan dirqamsiisaniif boqonnaa guddaadha.
Bu'uura seera haaraa kanaan hojjettoonni sa'atii hojiin alatti yoo fedhan mirga kominikeeshinii adda kutuu qabu.
Seeratu eeyyama waan ta'eef hoogganaasaaniirraa adabbiin sodaatan hin jiru.
Awustiraaliyaa keessatti hojjettoonni kubbaaniyyaa garaagaraatti qacaraman sa'atii hojiin ala giddugaleessaan waggaatti sa'atii dhibba tokkoo fi saddeettamii tokko kaffaltii dabalataa malee hojjetu jedha qorannoon bara darbe gaggeeffame.
Biyyoonni 20 caalan, irra caalaan Awurooppaa fi Laatiin Ameerikaa, seera walfakkaataa qabu.
Seerri kun hojjechiistonni (dhaabbileen hojjettoota qacaranii hojjechiisan) sa'atiin hojiin ala hojjettoota quunnamuu hin dhorku.
Garuu hojjettoonni jalaa callisuu yookiin deebii kennuu dhiisuuf mirga qabu, yoo sababi isaan dhiheessan waan hiika qabu ta'uudhaa baate malee.
Seerri kun hojjetaa fi hojjechiisaan dhibdee gama kanaan gidduusaaniitti uumamu waliin dubbatanii akka hiikaniif banaadha.
Yoo isaan rakkoosaanii mari'atanii hiikuu dadhaban garuu Komishiniin Dhimma Hojjettootaa Awustiraaliyaa- Fair Work Commission (FWC) jedhamu gidduu seena.
Sanaan booda FWC hojjechiistonni sa'atii hojiin ala hojjettoota quunnamanii akka hin jeeqne dhorka.
Yoo sababni hojjettoonni kominikeeshinii didaniif ga'aa fi amansiisaa miti ta'emmoo hojjettoonni akka deebii kennan ajaja.
Qaamni seera FWC cabsee argame ni adabama. Adabbiin kun maallaqaan yoo ta'u hojjettootaaf doolaaraa Ameerikaa 12,897. Hojjechiistonni yookiin kaampaaniiwwan ammoo hanga doolaara Ameerikaa kuma 94 adabamu.
Jaarmiyaaleen hojjettoota bakka bu'an seera kana simataniiru.















