Hogganaan Sudaan Jen. Alburaan Asmaraa, ministirri dhimma alaa ammoo Finfinnee daawwatan

Dura Ta'aan Mana-maree Walabaa Sudaan Jeneraal Abdel Fattaah Alburaan gara Ertiraa yoo imalan, ministirri dhimma isaanii Ambaasaaddar Alii Yusuuf Ahmad Al-Shariif ammoo Itoophiyaa daawwachaa jiru.
Waraana biyyattii Humna Addaa waliin adeemaa jiru kan hogganaa jiran Jeneraal Al-Buraan, guyyaa har'aa daawwannaaf Asmaraa seenaniiru.
Guyyuma wal fakkaaturra ministirri dhimma alaa Sudaan Ambaasaaddar Alii ammoo Finfinnee seenuun isaanii ibsameera.
Jeneraal Al-Buraan aanga'oota olaanoo waliin Asmaraa yeroo gahanitti pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-warqii simannaa akka taasisaniif ministirri beeksisaa Ertiraa Obbo Yamaanee Gabremasqal fuula X isaaniirratti eeraniiru.
Jeneraal Al-Buraan waliin ministira aadaafi beeksisaa, akkasumas daarektara olaanaa tajaajila nageenyaa Sudaan dabalatee aanga'oonni olaanoo biroo Asmaraa seenaniiru.
Daawwannaa kanaan gaggeessitoonni kunneen dhimmoota biyyoota lamaanii, haala yeroo ammaa Sudaan keessa jiruufi dhimmoota yeroo qaxanaa sana keessa jiru, akkasumas haala naannichaarratti akka mariyatan ministirri beeksisaa Ertiraa beeksisaniiru.
Yeroodhuma wal fakkaatuutti ammoo Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Ambaasaadar Alii Yuusuuf Ahimad Al-Shaariif Finfinnee galuudhaan gitasaanii kan Itoophiyaa Geediyoon Ximootiyoos (Dr) waliin marii taasisuusaanii Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiiseera.
Ministiroonni kunneenis dhimmoota waloo biyyoota lamaaniifi haala yeroo Sudaan irratti marii taasisuu isaanii, lammiilee Sudaan sababii waraanaatiin buqqa’uun Itoophiyaa seenaniin simannaa Itoophiyaan taasifte ilaalchisuun Ambaasaadar Aliin galata dhiyeessaniiru jedhame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr Geediyoon sababii waraanaa Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiruutiin haala walabummaafi daangaa biyyattii kabachiiseetiin, furmaata nagaa akka argatuuf Itoophiyaan deeggarsa akka kennitu ibsuudhaan, Hidha Guddicha Haaromsaa dabalatee mariiwwan kallattii dhimma waloo irratti gaggeeffaman itti fufuudhaaf fedhii kan qabdu ta’uu ibsaniiru.
Angawoonni olaanoo Sudaan erga takkaa Itoophiyaafi Ertiraa imaluun marii aanga’oota biyyoota waliin taasiisaniin waa’een waraanaa waliin Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiruu ajandaasaanii akka ta’u amanama.
Humna Addaa (RSF) biyyattii kan Janaraala Mohaammad Haamdaan Dagaaloo (Heemeetii)n durfamuun dhiibamuun teessoo saanii magaala buufata Sudaan kan taate keessaa kan godhatan Janaraal Alburhaam torbanoota darban eddoowwan garaagaraa keessaa injifannoo argataa akka jiran dubbatu.
Biyyoota ollaa Sudaan murteessoo ta’an lamatti kan imalanis duula waraanaa gaggeessaa jiraniif deeggarsa walitti qabachuuf ta’uu mala.
Baatiiwwan dura ammoo MM Itoophiyaa Abiy Ahimad gara magaalaa Buufata Sudaaniitti imaluudhaan Janaraal Abdal Fattaah Al Burhaan waliin wal arguudhaan dursaa biyyaa jalqabaa ta’unsaanii gabaafamuun ni yaadatama.












