Morkii Kiloop fi Gaardiyoolaatu akkan Liiverpuul dhufu na godhe - Siloot

Maxxanfame

Leenjisaan Liiverpuul haaraa Arnee Siloot, morkii Yaargen Kiloop fi leenjisaa Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa gidduu jiru akka gara kilabichatti makamu isa taasisuu hime.

Siloot leenjisaan lammii Jarman, Yargen Kiloop akka Liiverpuuliin gadhiisu murteessuu hordofee ture Caamsaa keessa akka bakka isaa bu'u kan beeksifame.

Yaargen Kiloop turtiisaa Liiverpuul waggoota sagalii keessatti Piriimer Liigii si'a takkaa mo'ateera. Bara taphaa lama ammoo qabxii tokkoon caalamuun Maanchester Siitii Gaarrdiyoolaatti aanee lamaffaa ba'uun xumureera.

Bara 2016 ammoo EFL Cup irratti Maanchester Siitii waliin waancaatti dhiyaatee mo'ameera Liiverpuul Kiloop jalatti.

Bara 2023 keessa kilaboota Piriimer Liigii keessaa Tootenhaam isa gaafannaan kan dide Siloot, dogommiin leenjistoota lamaan-Yaargen Kiloop fi Peep Gaardiyoolaa- gidduu jiru morkii jabaa kilaboota Awurooppaa gurguddoo Riyaal Maadiriidiifi Baarseloonaa gidduu jiru bakka bu'eera jedhe.

"Nama kubbaa miilaa jaallatu kamiifiyyu dorgommii [kilaboota lamaan gidduutti ta'uufi wal morkii kana keessa yeroo dandeettii qaban baasanii agarsiisan] daawwachuun bara gaariidha jedheen yaada," jechuun Marsariitii Liiverpuulitti dubbate leenjisaan lammii Daach kun.

"Liiverpuul waliin dhufeera - akkuman waa'ee morkii Maan Siitiifi Liiverpuul gidduu jiru siin jedhe taphoota baayyee nuti akka deeggaroota kubbaa miilaatti argine [kana agarsiisu] - [kanaaf] filannoo ofii godhachuuf rakkisaa hin turre."

Ga'eessa umuriin isaa waggaa 45 kan ta'e leenjisaan haaraa Liiverpul kun osoo hin gaafatamiin dura Feeyinoord waggoota sadiif turuudhaaf karoora qaba ture.

Leenjisaa Liiverpuul ta'ee filatamuu hordofee Kiloop waliin dubbachuu kan hime leenjisaan lammii Daach kun, kilabicha keessattis tooftaa taphaa kanuma Kiloop akka itti fufsiisu dubbateera.

"Gorsa gaarii muraasa naaf kenneera garuu wanti naaf adda ta'e baay'ee naaf gammaduusaati. Kana ammoo miidiyaa irrattis dubbateera. Ammaa booda deeggaraa koo isa guddaa ta'a jedheen yaada." Sababni isaas Liivarpuul haala gaariin deeggara, kanas yeroo baay'ee hin argitu,'' jedheera.

Erga kilabicha seenee booda viidiyoo Kiloop hedduu yeroo inni taphattoota leenjisu akka ilaale kan ibse Siloot, yeroo jalqabaaf tapha michoomaa Riyaal Beetis waliin Adoolessa 27 taphatu irratti hojiisaa jalqaba.

Liivarpuul bara dorgommii Piriimiyer Liigii Ingiliiz 2024/25 Hagayya 17 imala gara Ipsiwiich Taawun kan barana ol guddateetti taasisuun taphachuun jalqaba.