Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hamaasiinan balleessa jettee uummata hin sobin'- Qondaala waraana Israa'el Netaaniyaahuu dura dhaabbatan
Muummichi MInisteeraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu galmi waraana Gaazaatti gaggeeffamuu maal akka ta'erratti uummata sobe jechuun kaabineen qondaalli waraanaa olaan biyyattii dura dhaabbatan.
Filisxeemonni biyya walabaa akka ijaarrataniif yaada furmaataa biyya lamaa (two state solution) Ameerikaan dhiyeessite Beeniyaamin Netaaniyaahuun hin fudhannu jechuun morman. Hanga Hamaas guutummaan mo'amuttis haleellaa ittuma fufna jedhan.
Kaabinee waraana Israa'el keessaa tokko kan ta'an Gaadii Esenkoot garuu Netaaniyaahuun 'Hamaas guutummaan hanga mo'annutti' kan jedhu "dhugaa hin dubbanne" jechuun falmu.
Gaadii Esenkot Jeneraala waraanaa soorama bahan yoo ta'an, waraana Gaazaatti gaggeeffamuun wal-qababtee kaabinee waraanaa keessatti hirmaachaa jiru.
Ilmi isaanii ammoo waraana Gaazaatti gaggeeffamaa jiru keessatti ajjeeffame.
Halleellaa Onkoloolessa 7 Hamaas Israa'el irratti gaggeessefis Netaaniyaahun itti gaafatamaa ta'uu qaba jechuunis falmu. Ummanni gaggeessummaa Netaaniyaahuu irraa amantaa waan dhabeef filannoon hatattamaan akka gaggeeffamuufis gaafataa jiru Jeneraal Gaadii Esenkoot.
Gama biroon ammoo Ministiira Ittisaa Yaa'ov Gaalaant fi MM Netaaniyaahuu gidduu walitti dhufeenyi jiru baay'ee laaffatee walitti dubbachuufuu ni rakkatu jedhamaa jira.
Haleellaa Israa'el Gaazaatti gageessituun namoonni hedduu du'uun ammoo walitti dhufeenya biyyattiin michootashee warra Lixaa waliin qabdu gaaffii keessa galchaa jira.
Waraanni Gaazaa erga xumureen booda Filisxeemonni biyya walabaa akka ijaarrataniif haalli mijachuu akka qabu Baayidan dubbachuu hordofee Beeniyamiin Netaaniyaahun kufaa godhaniiru.
Filisxeem biyya walabaa hanga hin taanetti rakkoo nageenya Israa'el furuun rakkisaa akka ta'e ibsite US. Israa'el ammoo yaaddoon nageenyaa jiru kana kan milkeessuu miti jechuun dubbii US kanatti bishaan naqxe.
Waayit Haawus ibsa baasen, Joo Baayidaniifi Netaniyaahuun gaafa Jimaataa, Amajjii 19, haasaa bilbilaan taasisaniin dhimma Filisxeem biyya ta'uu kaasanii mariyayataniiru.
Boodarra Baayidan Washingtanitti gaazexeessitoota wajjin turtii taasisaniin, osoo Netaaniyaahuun aangorra jiranuu yaada furmaata biyya lamaa: Israa'eliifi Filisxeem biyya garaa garaa ta'uu, hojiirra ooluu hindanda'uu? kan jedhu gaafatamanii ture.
"Yaadonni furmaataa biyya lamaa heddutu jiru. Biyyoonni miseensa UN ta'anii garuummoo waraana matasaanii hin qabne heddutu jiru," jedhan Baayidan.
Netaaniyaahuun yaada Filisxeemonni biyya walabaa haa ta'an jedhu jabeessanii mormu.
Erga waraanni Israa'eliifi Hamaas gidduutti eegalee lammiilen biyyattii hedduu Netaanihaahuun akka gaggeessaa ta'anii itti fufan hin fedhan.
Dhiyeenya kana yaada namootaa sassaabuun qorannoon gaggeeffamee akka Netaaniyaahuun gaggeessaa ta'anii itti fufan ni barbaanna kan jedhan dhibbeentaa 15 qofa.
Gama biraan ammoo haleellaa Hamaas irratti gaggeessan kan deeggaran lammiilee Israa'el hedduudha. Bifuma wal-fakkaatun Hamaas balleessuu caalaa xiyyeeffannoon haleellaa waraana Israa'el lammiilee 130 butamanii harka Hamaasitti hafan deebisuu ta'uu qaba jedhanii amanu.
Muummen Ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun yaada Filisxeem biyya ta'uu mormuunsaanii tattaaffii biyyoonni Arabaa waraana kanarratti yaalii jaarsummaa godhan gatii dhabsiisufis yaadameeti jedhama.
Saawud Arabiyaan Israa'el wajjin walitti dhufeenya gochuuf carraa kanatti fayyadamtee Filisxeemonni Israa'el irraa adda bahanii biyya haa ta'an kan jedhu akka ulaagatti qabattee dhiyaatti.
Neetaaniyaahuun ammoo lubbuu aangoosaanii tursiisuf 'Filisxeem biyya walabaa taati waanti jedhamu hin jiru' kan jedhurratti cichaniiru.