Kantiibaan Moqaadishoo dargaggoota shubbisaa turan uleedhaan reebe

Madda suuraa, @MOHAMEDSELH
Kantiibaan magaalaa guddoo Somaaliya Moqaadishoo, Yusuuf Huseen Jimaalee yeroo dargaggoota uleedhaan haleelan viidiyoo waraabame irratti mul'ataniiru.
Dargaggonni yeroo uleedhaan isaan dhahan irraa babbaqachaa turan, jarri kunis mana shubbisaa qarqara galaanaa Lidoo jedhamutti, hashiishii, shiishaa fi dhugaatii dhugan jedhameetu kantiibaadhaan reebaman.
Yusuuf Huseen reebuusaanii sirrii tahuu dubbatanii, ''ijoolleen naamusa qabachuu qabdi kanaafimmoo qawweerra ulee wayya,'' jedhan.
‘’Isaan keessaa muraasni machaa’anii waan turaniif yeroo deebisanii nu loluuf yaalan ni reebne. Akka naamusaatti gochaa argine sana hin eeyyamnu, hin fudhannu,’’ jedhan guyyaa 10nin dura.
Kantiibaan kuni ofiisaaniin seera kabachiisuuf gochaan raawwatan gariin namootaa kan mufachiise yoo tahu, ijoolleen kantiibaan kuni reeban gochaa raawwatan jedhameef ragaafi adeemsa seera qabeessa taheen akka gaafataman barbaadu.
‘’Kantibichi harka ofiin seera kabachiisuu barbaade, silaa qaama ilaallatuuf dhiisuu qaba ture. Namni seera cabse himatamee, mana murti dhiyaatetu gaafatamu qaba,’’ jetti Moqaadishootti rogeettii dhimma hawaasaa kan taate Munaa Hasan.
Kaanimmoo biyya ijoollee naamusa qabsiisuuf kabaluufi dhahuun eeyyamamutti kantiibichi uleedhaan ijoollee kana adabuun rakkoo hin qabu jedhu.
Jiraataan Moqaadishoo Mohaammad Nuur kantiibichi akka maatii tokkootti akka adabetti ilaalu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka kanaattii naamusa qabsiisuun qabanii hidhuurra gaarii dha sababiinsaa,’’namoonni jireenyasaanii guutuuf yakkamtoota hin tahan,’’ jechuun Tiwiitara irratti barreesse.
Dubbii himaan bulchiinsa magaalaa Moqaadishoo mana nyaataa dargaggoonni kunneen keessatti argaman jedhame qorichi sammuu namaa si’eessus waan argameef eeyyamni jalaa haqama jedhe.
‘’Waan amantee, aadaa fi naamusa hawaasa keenya faallessu kamiyyuu ittisuuf cichinee hojjenna,’’ jechuun Saalaah Deere BBC Afaan Somaaliitti himan.
Manaar Maa’iim immoo kanneen manni dhugaatii jalaa cufaman keessaa yoo taatu, himanna jedhamu kana ni haalti
‘’Kuni gochaa faallaa aadaa jiru otoo hin taane, isaantu daldala koo balleessuuf tarkaanfii fudhatani dha,’’ jechuun BBCtti himte.
Tarkaanfiin fudhatame daldala waggaa sagalii milkaa’aa tureefi daragaggootaan jaalatamu balleessuufi jechuun ergaa Feesbuukii irratti barreessitee baayyee mufachuu himuun, biyya gadhiisuuf karoorsaa akka jirtu himte.
Qondaaloti garuu tarkaanfiin kantiibichi fudhatan qoricha sammuu namaa si’eessu hamma dhumaatti balleessuu qofa dha.
Namoonni gariin immoo caatiin maaliif ajandaa kantiibaa kanaa jechuun gaafatu.















