'Nama ciqilee dhungatu naan jedhu' - Dargaggoo qaamasaa dadachaasu

Dargaggoo Bilisummaa Masfin
Ibsa waa'ee suuraa, Mammaaksa keessa ''ciqileen hin dhungatamu'' jedhu jira hangam akka ulfaatu ibsuf
Maxxanfame

Maqaansaa Bilisummaa Masfin jedhama, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gudayyaa Biilaatti dhalatee guddate.

“Yeroo baay’ee ‘ciqileen hin dhungatamu’ jedhamee mammaakama. Akka carraa ta’ee animmoo ciqileekoo dhungachuun danda’e. Namoota baay’ee birattillee 'nama ciqilee dhungatu,' jedhameen beekame” jedha.

Dargaggoon kun qaamasaa akka malee dadachaasuun ispoortii hojjeta. Sochiileen qaamasaa tokko tokkommoo ijaan arguufillee kan ulfaatanidha.

“Ispoortii kana ittiinan bashannana, galiis ittiin argachaan jira, fayyumaakoos ittiin eegaan jira” jechuun dubbata.

“Ispoortiin kun anaaf jireenya kooti. Hiriyaa ani itti boqodhudha. Namni nama ta’ee hamma jirutti aaruun ni jira.

''Ispoortii kana gaafan hojjedhu garuu akka nama hiriyaakoo bira deemeeti” jechuun iddoo ispoortiin kun jiruusaa keessatti qabu ibsa.

Isporteessaan kun leenjisaa konkolaachistootaa ta’uun hojjechaa turus booda kana garuu fedhiifi hojiinsaa gara ispoortiitti luucca’uu hima.

“Amma gara ispoortii kanatti dhufee ispoortiman hojjechaa jira.”

“Ispoortii kana kanin jalqabe ijoollummaakoorraa kaaseedha. Dandeettiikoo kana kanin ofirratti bares yeroon barnoota sadarkaa duraa baradhutti barsiisonni keenya ijoollee dandeettii garagaraa qaban fulduratti baasanii shaakalchiisaa turan.

''Yeroo sanin dandeettii kana ofirratti bare” jechuun hima.

Yeroon dandeettiisaa kana itti hubate kunis ALI bara 2004 akka ta’e dubbata.

Yeroo amma kana galii dandeettiisaa kana agarsiisuun argatuun akka ofgargaaru kan himu dargaggoo Bilisummaan, waltajjiilee eebba fiilmiifii kitaabaa irratti agarsiisa dhiyeessuuniifi beeksisawwan hojjechuun galii akka argatu hima.

'Namoonni ni nahu…'

Dargaggoo Bilisummaan kutaalee qaamasaa garagaraa akka malee dadachaasa.

Wantoota inni hojjetu keessaa tokko tokkommoo dhala namaatiif kan danda’aman kan hin fakkaannedha.

Kanaafis namoonni tokko tokko dandeettiisaa kana yemmuu argan akka rifatan hima.

“Darbee darbee hafuura seexanaati, 666 dha jedhanii daandiirrattifaa ‘Maqaa Yesuusin’ jedhanii gaafa darbantu jira” jedha.

Dargaggoo Bilisummaa Masfin Wallagga Bahaatti dhalate
Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggoo Bilisummaa Masfin qaama isaa akka wadaroo dadachaasa

“Dandeettiinkoo kennaas shaakalas ofkeessaa qaba. Qaamnikoo uumamaan kennaa qaba, garuummoo iddoo hunda miti. Fakkeenyaaf kennaa kanin qabu harkaa olidha. Ergan shaakaluu eegaleemmoo dandeettiikoo babal’ifachaa dhufe” jechuun hima.

Dandeettiisaa yeroo ijoollummaatti ofirratti bare kunneen guddisee sadarkaa ammaa kanarraan gahuufis waggoota baay’ee itti fudhate.

Gama biraatiin dandeettisaa kana ilaalchisee dubdeebiin hawaasaa baay’een kan isa jajjabeessufi gaarii akka ta’e kan himu Bilisummaan, qeeqawwan hamileesaa tuqan keessummeessuus dubbata.

“Yeroo tokko tokko namoonni hamilee keetti bu’an ni jiru. ‘Of agarsiisuuf jettee gaaf tokko of ajjeesta’ siin jedhu. Ani garuu dhimman of agarsiisuuf jecha itti hojjedhu hinqabu” jedha.

'Wal tajjiin dhabe'

Dargaggoon kun hanga ammaatti waltajjiilee eebba kitaabaafi fiilmii irratti agarsiisa dhiyeessuun galii argatus waltajjii guddaa dandeettiisaa irratti agarsiifatu akka hin arganne dubbata.

“Waltajjii dhabuunkoo baay’ee namiidhee jira” jechuunis hima.

Biyya keessatti qofa osoo hin daangeffamin biyyoota garagaraarra deemuun agarsiisa dhiyeessuu akka barbaadu kan himu Bilisummaan, “Fakkeenyaaf amma fuldura keenya sagantaan OSFNA (sagantaa ispoortii US'tti qophaa'u) jira.

''Achi deemee ummatakoo achi jiru waliin walargee osoon hojjadhee baay’ee natti tola” jedha.

Bilisuummaan waltajjii ittiin ga'umsa addaa qabu itti agarsiisu akka dhabe hima
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni sochii isaa argan 'of agarsiisuuf jettee gaafa tokko of ajjeefta' akka isa jedhan hima

Kana malees waltajjii dorgommii dandeettii biyya Ameerikaafii agarsiisa TV kan ta’e 'America’s Got Talent' jedhurratti hirmaachuuf dhaabbaticha waliin haasa’aa akka jirus himeera.

Hanga fedhaafi hawwiisaa waltajjiilee biyya keessaafi alaarratti dandeettiisaa agarsiisuu dhabus abdii akka hinkunne hima.

“Dhugaa dubbachuuf gaaf tokko tokko ciistee kaatee gaafa yaaddu abdii kutannaan ni jira. Garuu abdii kutachuu takkaa yaadee hinbeeku” jedha.

Galmi isaa 'America’s Got Talent' irratti hirmaachuu akka ta’e himuunis, galmisaa guyyaa tokko akka milkaa’u abdii qabaachuu dubbata.