UN hojjattoonnisaa 11 Yamanitti Huutiin hidhamuu mirkanneesse

Maxxanfame

Dhaabban Biyyoota Gamtoomanii (UN) hojjattoonnisaa 11 Yaman keessatti hidhattoota Huutiin jalaa hidhaman atattamaan akka gadhiifaman gaafate.

Hojjattoonni dhaabbatichaa kunneen haala qindaa’aa fakkaatuun kan Yaman bakkeewwan garaa garaa keessaa fudhataman ta’uu ibse.

Dubbi-himtuun UN Isteefaan Dujaariich akka jedhanitti, dhaabbatichi nageenya hojjattootaasaa mirkanneessuufi haalduree tokko malee atattamaan akka gadhiifaman taasiisuuf wana danda’ameef hunda raawwataa jira.

Garee hidhataan kun ofiisaa akka garee fincilaa Iraan dursaa jiruutti kan of ilaaluu yoo ta’u, Israa’el, Ameerikaa fi biyyoota lixaa mormuudhaan Filisxeemota Gaazaatiif deeggarsa akka taasisuu ibsee ture.

Huutiin kanaan dura dooniiwwan daldalaa Galaanaa Diimaarra deddeebiyanirratti kan xiyyeeffataa ture yoo ta’u, kanaafis deebii kennuudhaaf Ameerikaafi biyyoonni biroo waliin ta’uudhaan deebii kennuuf haleellaa qilleensaa akka raawwatan taasiseera.

Gabaasaaleen maddeen qondaaltoota mootummaa Yaman addunyaadhaan fudhatama qabu taasifachuun gabaafamaniin, hojjattoonni daabbilee idil-addunyaa hedduun garee hidhate kanaan to’annoo jala oolfamanii akka argaman akeekeera.

Hidhattoonni Huutii erga dooniiwwna daldalaarratti haleellaa raawwataniin booda, weerara manneen jireenyaafi biiroo hojjattootaa irratti raawwataniin bilbilaa fi kompitaroora fudhataniiru.

Dhaabbanni mirga namoomaa Maayuun akka jedhetti, qaamoolee nageenyaa Huutii hojjattoota gargaarsaa sa’aatii walfakkaatutti Amraan, Hudaayidaah, Saadaafi Sana’aa keessa hoojjattan irratti xiyyeeffatan.

Hojjattoonni dhaabbata Ameerikaan deeggaramu ‘National Democracy Institute’’ kanneen irratti xiyyeeffate keessaa ta’uu aanga’onni Rooyitarsitti himan.

Hidhamuun hojjattoota kanneeniis, balaa hojjattoonni namoomaa wal waraansa waggoota kudhaniif biyyattii keessatti gaggeeffamuufi namoonni kuma 150 ol ittiin ajjeeffaman keessatti keessa darbaa turan kan agarsiisudha jedhameera.

To’atamuun hojjattoota kanneenis kan dhagahame yeroo amma hidhattoonni Huutii rakkoo diinagdee yeroodhaa gara yerootti cimaa dhufeefi haleellaa qilleensaa waloo Ameerikaan durfame isaan irratti raawwatamaa jiru kanatti.

Gareen hidhattootaa kunneenis magaalaa guddoo biyyattii Sana’aa fi naannoolee Kaaba biyyattii kan to’atan yoo ta’u, jiraattoota irraa gibira walitti qabaa, maallaqa akka maxxansan himama.

Mootummaan Yaman addunyaarratti beekamtii qabu ammoo magaala buufataa Edan teessoo taasifatee jira.