Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Karoora dhukaasa Gaazaatti dhaabu mormuun Ministiroonni Israa'el aangoo gadhiisna jedhan
Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netanaahuun yoo karoora dhukaasa Gaazaatti dhaabuu Pirezedantiin Ameerikaa Jimaata darbe dhiyeessan fudhatan 'aangoo gadhiisna' jechuun ministiroonni Israa'el lama mootummaa waloo wajjin hundeessaan keessaas bahuuf doorsisan.
Ministirri Maallaqaa Israa'el Bezaleel Ismotiriich fi Ministirri Nageenyaa Itamaar Been-Givir otoo Hamaas hin barbaadofne waliigaltee mallatta'uu kamiyyuu ni mormina jedhan.
Haata'u malee, hogganaan paartii mormituu dhageetti qaban Yahiir Laapid, yoo Netanaahuun karoora dhukaasa dhaabu fudhatan deeggaruuf waadaa seenan.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netanaahuun kanaan dura ''hanga dandeettiin waraanaa fi bulchiinsaa Hamaas hanga barbadaa'utti fi namoonni butaman gadhiifamanitti dhukaasni dhaabatu hin jiru'' jedhan.
Wixeneen dhukaasa torbanoota jahaaf dhaabuu Joo Baayiden kutaa saditti qoodanii dhiyeessaan ammoo Waraanni Israa'el iddoo qubsumni ummataa itti heddumatu keessaa akka bahan akeeka.
Waliigalteen kun sududaan namoonni butaman hundi akka gadhiifaman, waraanni ittifuinsaan akka dhaabatu fi karoora Gaazaa diigamte deebisanii ijaaruu of keessaa qaba.
Sambata darbe kana Ismotiriich miidiyaa hawaasaarratti akka maxxansanitti, yoo Netanaahuun otoo Hamaasa hin baleessiini fi booji'amtoota hin gadhiisin karoora dhukaasa dhaabuun waraana goolabuu fudhatan mootummaa waliin hundeessaa keessa bahuu murteessuu itti himneerra jedhan.
Haaluma wal fakkaatuun Ministirri Nageenyaa Itamaar Been-Givir waliigaltee kanaa fudhachuu jechuun ''waraana dhaabuu fi karoora Hamaas baleessuu dhaabuudha'' jedhan.
Been-Givir karoorri dhukaasa dhaabuu sun ''shorokeessummaan akka injifatuu fi Israa'el yaaddoo nageenyaa akka qabaattu kan taasisu'' jedhanii morman.
Kanaafuu waliigaltee kana fudhachuurra mootummaa waliin hundeessine diiguu wayyaa'' jedhan Been-Givir.
Paartiin MM Netahaahuu paarlmaa keessatti caalmaa xiqqaa ta'e kan qabu yoo ta'u,
paartii Been Giviir kan'Jewish Power' jedhamu paarlaamaatti teessoo jaha kan qabu fi paartii Ismotiriich Ziyooniizimii paarlamaatti teessoo torba qabu wajjin mootummaa hundeessanii turan.
Haata'u malee, qondaalli paartii mormituu Yahiir Laapid Israa'el dhageetti qaban bulchiinsa Netanaahuu tumsuu akka barbaadan himan.
Paartiin Yahiir Laapid Yesh Atid ykn paartii Egeree jedhamu paarlaamaa biyyattii keessaa teessoo 24 qaba.
Yahiir Laapid akkas jedhan;'' yooBeen Giviir fi Ismootiriich bulchiinsa Netanaahuu keessaa bahan cina dhaabanna'' jedhan.
Namoonni kuma kudhanitti lakkaa'aman magaalaa Tel Aviivitti hiriira bahuun mootummaan Israa'el karoora dhukaasa dhaabuu Joo Baayiden dhiyeessan mootummaan Israa'el akka fudhatu gaafachuu hordofuun wal falmiin uumameera.
Namoonni hiriira bahan sirumayyuu Netanaahuun aangoo akka gadhiisan gaafatan.
Hokkora hiriirtoota fi poolisota gidduutti dhalate hordofees hiriirtonni muraasni hidhamuun gabaafameera.
Biyyoota akka Masrii, Qataar fi Ameerikaarra warri waliigaltee uumuuf jaarsummaa taa'an Hamaas fi Israa'el wixinee Baayideen dhiyeessan guutumaan guutuutti akka fudhatan waamicha dhiyeessan.
Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak gama isaanitiin karoora dhukaasa dhaabu Baayiden dhiyeessan akka deeggaran ibsan.
Sunaak akkas jedhan;'' yoo Hamaas karoora dhukaasa dhaabuu sana fudhate mootummaan kiyya deeggarsa guddaa Gaazaaf ni dhiyeessa'' jedha.
Qondaalli siyaasaa olaanaan Hamaas ''yoo Israa'el waliigaltichaa fudhatte nutis ni fudhannaa'' jechuun BBCtti himanii turan.