Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Piriimer Liigii bara kanaa eenyutu injifachuuf deema?
Arsenaal waggoota 19 booda Maayikil Arteettaa jalatti waancaa injifachuuf ganamaan fiigichi jalqabe hanga walakkaan taphootaa xumuramutti milkaa'eera.
Everteenii fi Maanchister Siitiidhaan mo'amuun, Niw Kastil waliin qixa bahuun ammoo booda kana morkattootni isaa kan akka Maanchister Siitii akka dhaqqaban taasiseera.
Arsenaal taphoota jajjaboo qabu keessaa tokko Maanchister Siitii waliinidha.
Maan Siitiin ammas kan mo'atu yoo tahe, Arsenaal liigicha dursuun harkaa fudhatamuu danda'a.
Garuu Maan Siitiinis torban kana Nootiingihaam waliin qixa bahuun isaa Arsenaaliif carraa gaarii uume.
Arsenaal taphni tokko isa hafee qabxii 54'n liigicha dursaa jira. Tapha isa hafu yoo mo'ate garaagarummaan Maan Siitii waliin qabu gara shaniitti guddata.
Taphootni itti aanan Leester Siitii, Everteen, Barnimaawuz fi Fuulhaam waliinidha.
Taphoota kanneen guutummaan yoo injifate Arsenaal ammayyuu Waancaa Piriimer Liigii injifachuuf carraa guddaa qaba.
Morkattoota jajjaboo kan turan kan akka Liiverpuul fi Chelsii hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii bara dhufuu argachuuniyyuu itti ulfaachuu mala.
Chelsiin yeroo jijjiiraa gannaa fi Amajjiitti Paawondii miliyoona 600 ol baasuun taphattoota 17 mallatteesise.
Toomaas Tuhel gaggeessee leenjisaa Biraayitan kan turan Giraam Pooter qacaran.
Garuu kilabichi taphoota Piriimer Liigii sagal keessaa kan mo'ate taphoota lama qofa.
Yeroo Toomaas Tuuhel ari'amu Chelsiin galchiin qofa kan arfaffaa irra jiruun caalamee sadarkaa jahaffaa irra ture.
Amma Niwkasiil kan sadarkaa 4ffaa irra jiruun qabxii 10'niin caalamuun sadarkaa 10ffaa irra jira.
Chaampiyoonsi Liigiidhaanis Boorusiyaa Doortimondiin mo'ame. Teed Boohilii abbaan qabeenyaa Chelsii Giraam Pooteriin kontiraata waggaa shaniin mallatteesisan.
Garuu Fulbaana bara 2022 qacaramanii haala kanaan Chelsii waliin bara dorgommii kana fixuun isaanii waan amansiisu miti.
Kan biraan waancaaf morkata jedhamee eegamee ture Liiverpuulidha.
Liiverpuul sadiyoo Maanee erga dhabee Benefiikaa irraa Daarwin Nuunez, ji'a Amajjii kanatti ammoo Koodee Gaakpoo PSV irraa mallattesise.
Garuu Nuunez gahumsa gaarii osoo hin agarsiisiin, taphattootni sarara duraa qabu akka Luwis Diyaazi fi Diyeegoo Jootaan miidhamuun kilabicha duubatti hanbise.
Dhiyeenya ammoo ittisa irraa Virjil Vaan Daayik miidhamuun Liiverpuul dorgommii waancaa dhiisee afur keessa galuuf akka tattaafatu isa taasiseera.
Maanchister Siitiin bara kana Erlingi Haalaandi qaba. Galchii kilabichaa irra jireessa ofumaan lakkoofsise. Taphoota Piriimer Liigii 22 taphatee galchii 26 lakkoofsise.
Haalaandi rikardii haaraa mataa isaaf, kilabichaa fi Piriimer Liigiif galmeessuuf deema.
Bara dorgommii tokkotti galchee 34 lakkoofsisuun rikardii kan of harkaa qabu taphataa duraanii Niwkastilii fi Bilaakbarni Alan Shiirerii fi taphataa duraanii Maanchister Yuunaayitid Andii Koolidha.
Alan Shiirer bara 1994-95 yeroo Bilaakbarniif taphataa ture lakkoofsise.
Haalaandi rikardii kana cabsuuf galchii sagal qofatu isa hafa.
Kilabni biraan hedduu hin haasa'amneef garuu gara dorgommii waancaatti galaa jiru maanchister Yuunaayitididha.
Booda kana Kiristaal Paalaas waliin daqiiqaa xumuraatti qixa bahuu fi Liidsi Yuunaayitid waliin qixa xumuruun, akkasumas Arsenaalin mo'amuun duubatti isaan harkiseera.
Maan Yuunaayitid Maan Siitiitti aanuun sadarkaa sadaffaa irra jira. Waancaa bara kanaa kan injifau kami?