Yeroo garee UN dhimma Itoophiyaa qoratanii goolabuun 'miidhamtoota ganuudha- Amnistii

Maxxanfame

Biyyoonni addunyaa garee qorattoota mirga namoomaaUN Itoophiyaa keessatti akka dhiittaa mirga dhala namaarratti raawwatu qorataniif ramadaman hojii isaanii akka itti fufan gochuu dhabuusaaniin miidhamtoota gananiiru jedhe Amnistii Intarnaashinaal.

Jaarmiyaan mirga dhala namaaf falmu kun erga Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) yeroon qorattoota mirga namoomaaf kenname goolabamuu ibsee yaaddoo qabu eeruun gabaasa baase.

Komishiniin Qorattoota Mirga namoomaa Idiladdunyaa UN (ICHREE) Itoophiyaa keessatti sababa waraana kaaba biyyattiin dhiittaa mirga namoomaa raawwatame qorachuuf hundaa'e.

Komishiniin kun waggaa tokkoof erga turee booda yeroonsaa waan obba'eef kora Mana maree Mirgoota Namoomaa UN 54ffaa irratti goolabamuunsaa labsame.

Amnistiin akka jedhutti wayita dhiittaan mirga namoomaa fi haleellaa hamaan Itoophiyaa keessatti itti fufetti jaarmiyaa abdatamu kana yeroosaa goolabuun uummata miidhamee jiru ganuudha.

Akka jaarmiyaa mirga namoomaa kanatti yeroo ammaa dhugaadhaan dhiittaa mirga namoomaa qorachuun kanneen yakka raawwatan gaafatamtoota gochuu kan danda'u komishinii kana qofa.

Mootummaan Itoophiyaa garuu mirgi dhala namaa akka kabajamuuf yeroo kamuu caalaa qophiin qaba jechuun ibsa.

Aangoo gareen qorattoota mirga namoomaa UN kun Itoophiyaa keessatti qabu goolabamuu hordofee Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa karaa miidiyaa hawaasummaasaa baaseen, Imaammati Haqa Ce'umsaa yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oola jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa karaa imaammata kanaa itti gaafatamummaa, araara fi marii biyyaalessaa hunda hirmaachise gaggeessuuf kutannoo qabaachuu ibsaa ture.

Kanaaf komishiniin UN hundeessee Itoophiyaatti erge barbaachisaa miti jechuun eeyyama dhowwateera.

Jaarmiyaaleen mirga namoomaa tarkaanfii Itoophiyaa kanaan guddoo mufatan.

Gareen qorattootaa kun hojiisaanii akka itti fufan kanneen dhiibbaa uumaa turan keessaa Gamtaan Awurooppaa tokko.

Amma garuu hariiroo mootummaa Itoophiyaa waliin qabaachuu danda'u tasgabbiin ilaalaa jira.

Inumaa Itoophiyaaf gargaarsa kennuu kan beeksise torban kana keessa ture Gamtaan Awurooppaa.

Hiyuman Raayitis Waach dabalatee jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falman dhiittaan mirga namoomaa Tigraay keessatti akka qoratamuuf irratti xiyyeeffatame amma naannolee Oromiyaa fi Amaaraattis babal'ateera jechuun, yeroon dbaalataa komishinii kanaaf akka kennamu gaafataa turan.

Amnistii Internaashinaal biyyoonni miseensa Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN ta'an, haala Itoophiyaa keessa jiru osoo beekanii aangoo komishinii qorattootaa dhiittaa mirga namoomaa dheeressuu dhabuun, mirga namoomaaf dhimmamuu dhabuusaa mul'isa jechuun ibse.

Komishiniin ogeeyyii qorattootaa dhiittaa mirga namoomaa kun goolabamuusaa guyyaa tokko dursuun gaafa Onkoloolessa 03, 2023 ibsa baaseen, haala qabiinsa mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jiru bal'inaan ibsee ture.

''Ajjeechaa fi yakki hamaan Itoophiyaa keessatti mudachuu itti fufeera,'' jechuun sodaa qabu ibse.

Gaafa Fulbaana 18, 2023 ammoo dhiittaan mirga namoomaa Tigraay keessati qofa kan daangeffame ta'uun hafee sadarkaa biyyaalessaatti guddateera jechuun Mana maree Mirgoota Namoomaa UN'f ibsee ture.

Mootummaan Itoophiyaa yakka dhiittaa mirga dhala namaa qorachuun seeraan gaafachuurratti kufaatii agarsiiseera kan jedhe komishiniin kun, haqa ce'umsaa dadhabaa ta'e labseera jedhe.

Dhiittaan mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamuun namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman miidhamaniiru kan jedhu Amnistiin, ''rakkoon kun sadarkaa biyyaalessaatti guddateera, gara gaanfa Afrikaatti akka babal'atus sodaan qaba,'' jedhe.