Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hireen Puutin attamiin waraana Raashiyaa waliin walitti hidhata?
Waggaa sadii dura TV Raashiyaa irratti gaazexessitoonni heerri biyyaa jijjiiramee waggaa 16 dabalataaf Puutin akka biyyattii bulchaniif waamicha deeggarsaa uummataaf gochaa turan.
Kana ammoo namoota amansiisuf gaazexeessan tokko Puutin akka kapteenii doonii galaana bubbeen raafamaa jirtuutti fakkeessun Puutin Raashiyaa haala rakkisaa keessatti haala ajaa'ibaan gaggeessaa jiru jechuun ibsaa ture.
"Osoo Puutin ta'uu baatee silaa maal taana turre?" jechuun ibsaa ture.
Guraandhala 24, 2022 garuu Kapteenii doonii kan jedhamee ibsame Puutin biyya isaanii Raashiyaa waraanatti galche.
Puutin weerara banuu isaaniin Yukireenitti du'aatii hedduufi qabeenyi danuun akka manca'u ta'eera.
Loltoonni Raashiyaa kuma hedduun lakkaa'amananis du'aniiru. Lammiilen Raashiyaa kuma dhibbaan lakkaa'aman waraanatti makamuuf dirqamaniiru.
Gama biraan ammoo qaala'iinsi gatii nyaatafi boba'aa addunyaa irratti akka mudatuuf waraanni Puutin eegalan kun sababa ta'eera. Nageenya Awurooppaas yaaddoo keessa galcheera.
Ofii Raashiyaan maalif waraanaan haaloo bahuufi humnaan daangaa namaa fudhachuu barbaadde?
Xinxaalaa siyaasaa kan ta'e Ekaterina Shulmaan, Raashiyaan filannoo bara 2024 dura waa argachuun qaba jette kanatti akka seente hima.
"Filannoon osoo hin gaggeeffamiin waggaa lama dura Kirimiliin sagantaa mo'ichaa wayii barbaadde. Kana ammoo bara 2022tti galmaan gahuu fedhan. Bara 2023tti ammoo dhuguma kapteeniin doonii isaanii cimaafi carra qabeeyyii akka ta'an sammuu namaa keessatti uumuu ture."
"Achii booda bara 2024tti uummanni ni filata. Taphichi nyaatame jechuudha! Garuu dogoggora maaltu uumame?" jechuun ibsa.
Karoorri kee ka'uumsa dogoggoraafi herreega sirrii hin taane irratti hundaa'e taanaan dogoggorri baay'een akka mudate hima.
Raashiyaan kan eegde waraanni isheen eegalte saffisaafi yeroo gabaabaatti akka xumuramuudha.
Dandeettifi fedhii Yukireen ofirraa faccisuuf qabdu akkasuma kutannooo biyyoonni Lixaa Yukireen deeggaruf agarsiisan Pirezidant Puutin sirriitti yaada keessa hin galchine.
Erga waraanni eegalee waggaa tokko kana keesatti Puutin Yukireen weeraruu isaanii akkamitti ilaalu? Gara fuulduraatti ammoo maal gochuuf karoorsan?
Torbee kana haasaa taasisan irraa hubachuu ni dandeenya. US, NATOfi Yukireen yakkamoo gochuun biyyi isaa qulqulluu akka taate dubbatan.
Guyyaa itti aanu ammoo Isteediyeemii kubbaa miilaa Mooskotti argamuun loltoota Raashiyaa dirree lolaa irraa deebi'an wajjiin waltajjii irratti argamee lolli ammayyuu gaggeeffamaa akka jiru dubbatan.
Kanaaf, Puutin waraana kana dhaabanii of-duuba hin deebi'an. Puutin nama of duuba deebi'u miti.
Gorsaa dhimma diinagdee Puutin duraanii kan ta'e Andire Ilarjonoov, "Humnaan isa dura hin dhaabanne taanaan hanga danda'e ittuma fufa. Waraana dura dhaabachuun alatti karaan ittiin isa dhaaban tokkollee hin jiru" jedha.
Puutin wajjin mariyachuun hin danda'amuu?
"Nama kamuu waliin taa'uun ni danda'ama. Puutin wajjiin teenyee murtee tokko irratti walii galuu ilaalchisee waan keessa dabarreedha," jechuun Puutin walii galteewwan yeroo garaa garaatti taasisan cabsuu isaanii hima Andireen.
Bara 2023tti amala addaa qabatee as bahe. Biyyoota Lixaa irratti ilkaan ciniinnachuun akka gaggeessaa diinota Raashiyaa marsanii jiran faccisuuf onnateetti of dhiyeesse.
Haasaa isaarraa hubachuun akka danda'amutti Puutin impaayera Raashiyaa dur turte bifa ta'een deebisee dhaabuu barbaada.
Garuu Raashiyaan gatii maalii baasaa jirti? Kanaan dura Puutin nama Raashiyaa gara nagaatti fide jedhamee jajamaa ture.
Sababa waraana kanaan loltoonni hedduu du'uun, miidhamuufi namoonni waraanatti akka dabalaman godhamuun akka dur Puutin akka hin jajamne isaan godheera.
Dargaggoonni hedduun waraanatti makamuu dheenfa biyyaa baqataniiru.
Gareewwan dhuunfaa kanneen akka Wagner walitti dhufeenyi isaan waraana idilee waliin qaban haphataa dhufeera.
Gareewwan meeshaa hidhatan heddu Raashiyaa keessa jiraachuu irraa kan ka'e waggoota dhufan keessatti Raashiyaa keessatti waraanni waliinii ni eegala jedhamee sodaatama.
Carraan Puutin garuu bu'aa waraana Yukireen irratti kan hundaa'u ta'a.