Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Haaland goolii hedduu galchuuf of dhiphisuu hin qabu'- Gaardiyoolaa
Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa Erliing Haaland goolii hedduu lakkoofsisuu caala bilisa of gochuurratti akka xiyyeechuu qabu hime.
Siitiin Kibxata kana tapha Chaampiyoons Liigii mo'anii darbuun Koppeenhageen morkata.
Haaland miidhama ji'oota lamaaf dorgommiirraa isa fageesserraa dhiyoo fayyee taphatti deebi'e.
Peep jifataan lammii Noorweey kun akkuma deebi'een hojii goolii galchuutti qabamuun sirrii akka hin taane dubbate.
''Goolii galchuun beekama, garuu goolii galchuu qofa miti'' jedhe Gaardiyoolaan.
Itti dabaluunis taphattoota gareesaa jajjabeessuun jifachuuttii dhiibbaa akka godhan gargaaruunis akka irraa eegamu hime.
''Ji'a lamaaf akka hin turre hin dagannu'' kan jedhu Gaardiyoolaan, deebi'ee taphatti madaquun salphaa akka hin taane dubbate.
''Dorgomaa guddaa gooliiwwan lakkoofsisuu barbaadudha. Eyyen kana ni beekna garuu dhiphachuu hin qabu.
''Har'a yoo galchuu baate, yookan daqiiqaa 10 keesatti yoo galchuu baate, homaa miti. Adeemsa keessa yaaluu qaba. Sababiin isaas haala rakkisaa yeroo irra aannu garichi yeroo mara ni injifata.''
Taphni liigii Ingiliz torban darbe Evertan waliin gaggeefameefi gooliiwwan Haaland lamaan injifatan akka inni barbaaduu akka ta'e Gaardiyoolaan dubbateera.
''Erliing dargaggeessa, dirree keessatti iddoo rakkisaa xiqqoo qabatee taphattoota afuriifi shaniin marfamee taphata'' kan jedhu Gaardiyoolaan, goolii galchuullee yoo baate karaa biraa hedduun garicha waan gargaaruuf faarri gaariin itti dhagaahamuu qaba jedhe.
''Eerliingiin komachaan jira fakkaachuu danda'a garuu bor yoo galchuu baate, ifataaniifi torban dhufus yoo galchuu baate, rakkoo guddaa miti'' jedhe.
Haalaand bara dorgommii darbe Champiyoonsi Liigii yeroo duraaf injifatan irratti goolii 12 lakkoofsisuun adda dureedha.
Siitiin morkii Chaampiyoonsi Liigiitti yoo deebi'u Koopenhaagen kan Galatasaaraayifi Maanchistar Yunaatiid irraa aanee ramaddiisaarraa darbe morkata.
Gaardiyoolaan morkattoota isaaniif kabajan qaba jechuun salphisee akka isaan hin ilaalle dubbateera.