Ilmi obboleessa Joon F Keneedii filannoo US dhufutti Baayidan nan morkadha jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Roobart F Kenedii Juuniyar ilma obboleessa pirezidaantii duranii US Joon F Keneediti.
Filannoo pirezidaantummaa US ittaanurratti Dimokiratota bakka bu'uun Joo Baayidan akka morkatu beeksisee jira.
Ilmi obboleesa pirezidaantii duraanii US kun gaheessa ganna 69 yoo ta'u abbaan isaa Roobart F Kenediin miseensa mana maree ture.
Morkataan kan bira Joon E Suulivanis filannoo kanaaf kaadhimaa ta'ee akka dorgomu beeksiseera.
Ilmi obboleessa Joon F Kenedii filannoo dhufuratti Dimokiraatota bakka bu'ee dorgmuuf akka jiru beeksise kun talaallin hin barbaachisu jechuun duula gaggeessaa ture.
Kanuma hordofuun Inistaagiraamin akkaawuntii isaa bara 2021 jalaa cufee ture.
Pirezidaant Joo Baayidan filannoo ittaanutti dorgomuuf fedhii qabaachuu ibsanis hanga amma ifatti duula hin gaggessine.
Ji'a darbe namni kan biraa Maarin Wiliyaamsan jedhamtu Dimokiraatota bakka bu'uun akka dorgomtu ibsitee turte.
Gama Rippaabilikaanotaatii ammoo Doonald Tiraamp filannoo US dhufurratti dorgomuuf akka karoora qabu erga ibsee tureera.
Ji'a Bitootessaa keessa Roobart F Kenedii Juuniyar pirezidaantii ta'uuf akka dorgomu fuula Tiwitara isaarratti barreessee ture.
"Yoon dorgome waantin durasa itti kennee hojjadhu qaamolee malaammaltumaan mootummaafi dhaabilee gidduu jiran kan diinagdee keenya dhoran, hawaasa galii gidu galessa qabu hiyyoomsan, naannoo keenya.fi bishaan faalaniifi balleessan, ijoollee keenya summeessan, duudhafi bilisummae keenya nu jalaa saaman xumura itti gochuudha," jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Ilmi obboleessa pirezidantii duraanii US kun faalama qilleensafi kunuunsa naannoorratti hojjachuun maqaa gaarii qaba.
Garuu ammoo talaallii fudhachuu waan hin deeggarreef maatiisaa dabalatee namoota heddurraa mormiin isa mudateera.
Kuni ammoo duula na filadhaa inni gaggeessurratti dhiibbaa uumuu mala jedhama.
Talaallii fudhachuu ilaalchisee mormiin inni dhiyeessen wal-qabatee obbolootafi firootasaarra "inni nama ilaalcha hamaa qabuudha" jechuun mormiin isa mudateera.
Bara 2022tti Feesbuukifi Inistaagiram akkaawuntii dhaabbata farra talaallii inni hundeesse Children's Health Defense jedhamu haqanii turan.
Roobart F Kenedii Juuniyar talaallii fudhachuun sirrii akka hin taane duula gaggeessaa turuun isaa weerarri Kovidii osoo hin ka'in dura ta'us, erga Kovidiin dhufee as deeggartoota horachuun galiin Children's Health Defense dolaara miliyeena 6.8 gahee ture.












