Yukireen manni hidhaa Raashiyaa jalatti argamu Fannoo Diimaan akka doowwatamu gaafattee

Mana hidhaa hidhamtoonni Yukireen keessatti argaman

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Qondaaltoonni Yukireen kaampiin mana hiidhaa Raashiyaa baha biyyattii to'annoo Raashiyaa jalatti argamu atattamaan Fannoo Diimaan akka dowwatamuuf gaafatan.

Dursaa Waajjira Pirezidantii Yukireen, Andirii Yermaak guyyoota sadii keessatti Fannoo Diimaan mana hiidhaa Doneysk keessaa akka doowwatuuf gaafatan.

''Kana caalaa yeroo gubuu hin dandeenyu. Lubbuu namootatuu rakkoorra jira,'' jedhan ergaa tiwiitaraasaaniin.

Baatii darbe, Fannoo Diimaan kaampicha seenuuf hayyama argachuuf yaalee garuu aanga'oota Raashiyaatiin dhorkamuu hime.

Manni hidhaa Olenivkaa erga bara 2014 kaasee to'annoo aanga'oota Raashiyaan deeggaraman jala jira. Haallii achi keessaa baayyee rakkiisaa ta'uutu himama.

Adooleessa keessa kaampicha keessatti hidhamtoonni Yukireen hedduun haleellaa rookkeettiin ajjeefaman. Kanaafis qaamooleen lamaanu wal himatan.

Yukireen ammoo ragaa ajjeechaa fi dararaa balleessuuf ta'e jedhameetu Raashiyaadhaan irratti kiyyeeffatame jeti.

Mooskoon gama isheetiin rookkeettii Yukireen himatti. Namoota kaampicha keessatti hidhamanii keessaa garee baataaliyoonii Azoov kan osoo Maaruuppooliif lolanu dhumarratti to'ataman keessatti argamu.

Yermaak akka jedhaniitti, dhimma ergama dowwannaa kanas yeroo marii karaa viidiyootiin qoondaaltoota ICRC fi dhaabbilee idil-addunyaa biraa waliin taasisaniitti ta'uu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Doowwannichi guyyaa Wixataa akka gageeffamu barbaadan. ''Ergama kanaaf Yukireen waan danda'amuuf hundaan deeggarsa ni taasifti,'' jedhan Telegraamii gubbaatti.

Itti dabaluunis qorannoon Olenivka hanga yoonaattii maaliif akka hin qophoofne hin beekus jedhan.

Pirezidanti Zelensiinis waamicha kana deeggaraniiru. Fannoo Diimaan tarkaanfii fudhachuu dhabuutti qeequun akkas jedhan: ''Kun humamuumaan itti gaafatamummaa dudhaa jalqabaatti.''

Haasaa Kamisa galgalaa isaatiinis: Zelenskiin Fannoo Diimaan ''kilabii bakka namni tokkoo itti miindaa argatuufi jireenya bashannanaa jiraatu miti'' jedhan.

Ergamni kaampii dhidhaa kunis haalum kan Eejjansii Annisaa Atomiikii Idil-addunyaatiin (IAEA) wal fakkaatuun qophaa'u danda'a jedhan. Dhaabbanni anniisaa nikulaaraa Zaaporizhzihia kan to'annoo Raashiyaa jalatti argamu Hagayya keessa dowwatame.

''Garuu hooggansa barbaada'' jedhan Zelenskiin. ''Fannoo Diimanis kuna raawwachu ni danda'a. Garuu akka raawwatamuuf yaalii taasisuu qabdu.''

Dhaabbanni Fannoo Diimaa garuu dhimma kanarratti hanga yoonaatti kan jedhe omtu hin jiru.