Fuulham v Arsenaal-Tapha hiree Arsenaal murteessuuf gahee guddaa qabu

Maxxanfame

Arsenaal qabxii 63’n qabatee Piriimer Liigii dursaa jira. Maanchsister Siitiin tapha caalmaa tokko taphachuun qabxii 61’n itti aana. Taphni har’aa kun ammoo Arsenaaliif hedduu murteessaadha.

Fuulham gahumsa guddaa irartti argama. Haa tahu malee, torban darbe Bireentifoordi waliin taphatanii qabxii gatuu isaa hordofee dabalataan, dirree isaa irratti injifannoo galmeessuuf falmii Fuulhaam taasisu salphaa hin tahu.

Arsenaal waancaa Piriimer Liigii kaasuuf onnatee ka’eera.

Garuu Arsenaaliif carraa gaarii kan tahan keessaa tokko taphataa jabaan Fuulhaam

Jaayoo Paalhiinaan sababa adabbii kaardii dimaan har’a hin taphatu. Seedirik Su’ares taphataa Arsenaal ergisaan Fuulhamiif taphatu waan taheef kilaba isaa wlaiin hin morkatu.

Toom Kaarnii, Laaviin Kurzawaa fi Neeskens Kebanoo miidhamaan hin taphatan.

Taphattootni kunneen Fuulhaamiif taphattoota murteessoo turan.

Gama Arsenaaliin ammoo Liinroo Tiroosaad fi Edii Nikeetaan torban darbe tapha Barnimaawuz irratti waan miidhamaniif har’a hiriiruun isaanii shakkisiisaadha.

Akkasumas Odeegaardii fi Keeraan Tiiyirnii torban darbe sababa dhukkubsataniif tapha Awurooppaa Liigii irratti hin taphanne.

Gabri’eel Yeesuus miidhama jilbaa yeroo Waancaa Adunyaa isa mudate irraa bayyannataa jira. Tapha har’aaf garuu gahuu dhiisuu mala.

  • Fuulhaam erga bara 2012 as taphoota sagal keessaa lama qofa qixa bahuun torba mo’aman.
  • Dirree isaanii irratti kan taphatan taphoota arfan darbanis Arsenaaliin mo’amaniiru.
  • Arsenaal waliigala taphoota 31 Fuulhaam waliin taphatan keessaa sadii qofa mo’aman. Taphoota 22 mo’anii jaha qixa bahuun sadii qofa mo’aman jechuudha.
  • Erga Waancaa Adunyaa as Arsenaal, Maanchister Siitii fi Maanchister Yuunaayitid qofatu Fuulhaam caalaa qabxii argate. Fuulhaam ergasii qabxii 20 walitti qabateera.
  • Arsenaal dirree isaan ala galchiiwwan 25 bara kana lakkoofsiseera. Kun ammo isa ol aanaadha.
  • Galchiin osoo irratti hin lakkaa‘amiin kanneen xumure 11 keessaa taphoonni saddet dirree isaan aladha.