'Baradhee iddoo guddaan gaha jedhee yaadan ture' - Dargaggoo hojii dhabee gargaarsa gaafatu

Wallagga Lixaa aanaa Gullisootti dhalatee kan guddate dargaggoo Birhaanuu Girmaay, waamicha 'nagargaaraa' miidiyaa hawaasummaarratti qoodeen namoonnii baay’een mararfataniiru.
Muummee barnootaa Ji’oloojiin digirii jalqabaan eebbifamee hojii dhabaa kan ta’e, hojjetaa guyyaafi daldalaa uffata boondaa kan ture, akkasumas waggaa lamaaf waraana keessatti kan danqame dargaggoon kun, tibbana mataduree haasaa miidiyaa hawaasummaa ture.
Bu’aa bahii jireenyaa dabarseefii keessa jirus BBC’tti kan hime yemmuu ta’u, akka inni dubbatetti bifa kanaan qixeessineerra.
Maqaankoo Birhaanuu Girmaayeen jedhama. Kanan dhaladhee guddadhemmoo Godina Wallagga Lixaa aanaa Gullisoo ganda baadiyyaa Gaawoo Qaanqaa jedhamtu keessatti.
Yeroon barnoota sadarkaa duraafii lammaffaa baradhu baay’ee rakkadheen baradhe. Barnootakoo sadarkaa duraallee daandii sa’aa 1:30 deddeebi’een baradhe.
Bifa kanaan barnootakoo qophaa’inaa ergan xummuree booda ALI bara 2006 Yunivarsiitii Maqalee seenee. Bara 2009 immoo mummee barnootaa Ji’oloojiin digirii jalqabaan eebbifame.
Ergan eebbifamee booda haalli iddoo dhalootaakoo ture gaarii waan hin turreef gara Finfinnee deemee hojii barbaaddachuu eegale.
Muummee barnootaa Ji’oloojiin yoo baay’ate waggaatti beeksisa lama yookiin sadii ol hinbahu. Anis dhaabbilee muraasa muummee barnootaa baradheen beeksisa baasan biratti dorgome, garuu hojii argachuu hin dandeenye.
Hojii waardiyyummaa…
Maatii rakkisee ergan baradhee booda of danda’uun barbaada ture, garuu waggaa tokkoof hojii barbaadee waan hin arganneef of danda’uun dadhabe. Bakkan itti bulus, waan nyaadhus nan dhabe.
Kanaafis magaaluma Finfinnee keessa iddoo manneen jireenyaa waliinii yookiin kondominiyeemii Yakkaa Abbaadoo jedhamuun beekamutti waardiyummaan qacaramee hojjechuu eegale. Yeroos ji’atti birri 1,500 naaf kaffalaa turan.
Yeroo sanatti halkan qorra keessa eegumsarra bulee guyyaammoo gara Araat Kiiloo deemuun beeksisa hordofaa ture.
Bifa kanaan hojii waardiyyummaa waggaa tokkoof hojjedhullee baay’ee natti cimee ture. Fuulli koos ni jijjiirame.
Sana booda dhaabbata ijaarsaa keessatti to’ataa ta’ee qacaramee hojjechuu eegalus waldhabdee haala qacarrii koon walqabatee hojicha dhaabe.
Itti aansuun jalqaba bara 2013'tti dhaabbata ijaarsa daandii hojjetuun naaf bilbilamee waamamee gara Raayyaa Allaamaaxaa deeme.
Waraana gidduuttin danqame
Gara Allaamaaxaa ergan deemee booda ‘har’a boru’ osoo jedhanuu osoo nun qacarin baay’ee turre. Gidduu kanattis waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalame.
Wanta yeroo waraanaatti dabarsine kana jedhee dubbachuu hin danda’u, baay’ee cimaafii gaddisiisaa ture. Gadadoorraa gara gadadoottin deeme.
Laaqanumakee nyaachuuf yeroo gadi teessu namni tarree galee si ilaala. Haalli dabarsine baay’ee rakkisaa ture. Haa ta’u malee, yeroo rakkinaa sanatti namni baay’ee walgargaara ture.
Bifa kanaan waggoota lamaaf achi ergan turee booda ALI bara 2015 gara magaalaa Finfinneetti deebi’e.
Gara Finfinneetti yemmuun deebi’us haadha warraakoo bara 2012 magaalaa Finfinneetti warroomnefi daa’imakoo bara 2013 keessa dhalatteen wal arge.
Daldala uffata boondaa…
Allaamaaxaadhaa gara Finfinneetti ergan deebi’ee booda lafa hinteenye, hojii barbaadachuufi beeksisa hojii hordofuu eegale. Haa ta’u malee ammas hojii argachuu hin dandeenye.
Kanaaf ALI jalqaba bara 2016 uffata boondaa (uffata moofaa kana dura uffatame) naannoo Carataa jedhamuu fidee daandiirra naanneessee gurguruu jalqabe.
Uffanni kun al tokko tokko gurguramuu waan diduuf mucaakoof waa qabadhee galuuf jecha gatiidhuma ittiin biteen gurguraan ture.
Boodarra hojii kana dhiiseen iddoo ijaarsaatti hojjetaa humnaa ta’ee hojjechuu eegale.
Hojiin humnaa garuu baay’ee natti cime, qaamnikoos ni huqqate. Haala kanaan osoon hojjedhuu hojiin humnaa kunillee ni dhabame. Kanaaf gara daldala uffata boondaattin deebi’e.
Uffata boondaa kana karaa seeraan alaatiin daandiirratti waan gurguruuf namoonni seera kabachiisan uffaticha najalaa fudhachaa turan.
Bifa kanaan yeroo sadi najalaa fudhatan. Akkaataa kanaan jireenyis baay’ee natti cime.
Waamicha nagargaaraa…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroon barnoota sadarkaa duraafii lammaffaa baradhu dareekoo keessaa tokkoffaa fi lammaffaan bahaa ture. Kanaafis iddoo guddaan gaha jedheen yaadaa ture.
Kaayyoonkoo sa’aa kanatti hanga sadarkaa doktarummaatti baradhee, nama guddaa ta’ee, maatiifii namoota biroo gargaaruu ture. Garuu wanti ta’e faallaadha.
Maatiinkoo gatii guddaa baasanii na barsiisan. Garuummoo isaanif qaqqabuu hin dandeenye. Inni baay’ee natti dhagahama. Dabalatammoo, jireenya dhuunfaakoo jalqabeera.
Jireenyakoo keessatti rakkoon waan natti baay’ateef ‘wantan ani jiraachaa jiru maaliif ummata hinbeeksisu’ jedheen seenaakoo gara miidiyaa hawaasaa fide.
Sababni inni guddaan haala jiruukoo ummanni akka baru itti taasises uummanni akka nagargaarufi.
Namni hojii qabu hojii naaf laatee jireenyikoo akka jijjiiramuufin gara miidiyaa hawaasaatti bahe.
Seenaakoo ergan uumatatti gadi baase booda gargaarsi naaf taasifame jiraachuu baatullee namoonni iddoo adda addaatii naaf bilbilaa jiru.
Ammatti ogummaa baradheen hojjechuun barbaada. Kana malees osoon maallaqa argadhee daldala seera qabeessaa hojjechuun barbaada.












