Raashiyaan Keerson keessatti yakka waraanaa raawwatteetti- Zeleniskii

Kersan Jimaataa wayita bilisomteetti loltooti Yukireen simatamaa turan

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin erga humnootiin Raashiyaa Keersan keessaa bahaniin booda qorattoonni yakkawwan waraanaa 400 ol adda baasaniiru jedhan.

Zeleniskiin akka jedheetti, reeffii namoota nagaafi kan loltootaatu argame. Himannaa kana garuu BBCn addatti mirkaneeffachu hin dandeenye.

Mooskoon garuu loltoonni ishee beekaa namoota nagaa irratti xiyyeeffachuu ni haalti.

Haaluma walfakkaatuunis, aanga’oonni Yukireen daandiiwwan seensaafi bahumsa Keersan irratti dhorkaafi daangaa sa’aatii kaa’aniiru.

‘‘Bulchiinsa Keersan keessatti akkuma bulchiinsoota biyyattii kan biraa bakka seenuu danda’an keessatti raawwatan, ajjeechaawwan walfakkaatu dhiisanii bahan,’’ jedhan Zeleniskiin haasaa isaanii galgala karaa viidiyootiin taasisaniin.

‘‘Kanneen ajjeechaa raawwatan hunda barbaadnee seerratti dhiyeessina. Shakkii tokko malee."

Erga waraanichi eegalee, bulchiinsoota akka Buchaa, Izyum fi Maaruupool dabalatee, eddoowwan awwaalcha jumlaa argamaniiru.

Yukireen ajjeechaawwan kanneen hunda duuba looltoota Raashiyaa jiraachuu himatti.

Komishiniin UN baatii darbe akka jedhetti, Yukireen keessatti yakki waraanaa raawwatameera.

Sarbamawwan mirgoota namoonaa ‘irra caalaa’’ jalqaba weeraraatti raawwatameef humnootii Raashiyaatu itti gaafatama jedhanii ture.

Keerson erga baatii Guraandhaalatti Raashiyaan Yukireen weerartee as magaalaa guddoo naannoo to’atte tokko qofa ture.

Bulchinsiichis kanneen biraa sadii waliin akka qaamaa Raashaatti deebiifaman baatii Fulbaanaa keessaa Pirezidaant Vilaadmiir Puutiniin labsamanii ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma garuu magaalaan Keerson guyyaa Jimaataa looltoota Yukireeniin to’atamteetti. Ummanniin alaabaa mirmirsaa looltoota Yukireen dhungachaafi hammachuun simachaa turan.

Qondaaltoonnis erga loltoonni Raashiyaa bulchiinsicha to’ataa turan kuma 30 ta’an booddeetti deebi’anii booda bulchiinsa deebiisaa jiru.

Lammiileen Yukireenis kana akka injifannoo biyyaaleessaa isa olaanaafi salphina Kirmiliiniitti ilaalaa jiru.

Haata’u malee, ammalleen loltoonni Raashiyaa muraasni dhokatanii jiraachuu malu jechuun sodaatu jira.

Kanneen wayita Raashiyaan to’attee turteetti isaan waliin ta’aniiru jedhamanis adabamuuf.

Zeleniskiin hidhaan loltoota Raashiyaafi kanneen isaaniin wal ta’anii ‘‘bulchiinsicha keessatti hafan hidhuufi kanneen isaan gargaaran qulleessuun itti fufeera,’’ jedhan.

Humnootiin Yukireen tajaajila intarneetiifi TV deebiisanii eegalchiisuu hojjataa jiru. Tajaajilliiwwan bishaniifi ibsa ‘‘hanga danda’ameen dafee ni sirratu’’ jedheera.