Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp fi kantiibaan Niwu Yoork Zoohraan Mamdaanii walitti dhaadataa turan Waayiit Haawusitti wal-arguun maal mariyata?
Zoohraan Mamdaanii yeroo kantiibaa magaalaa Niwu Yoork ta'uuf duula na filadhaa gaggeessu, nama siyaasa 'sooshaalistii' gaggeessu, finxaalessa jechuun itti dhaadataa ture.
Jalqaba ji'a kanaa kantiibaa Niwu Yoork ta'uun kan filame Zoohraan Mamdaanii guyyaa filannoo mo'ate haasaa taasiseen, Tiraamp "abbaa irree" jechuun dubbiin tuqe.
Amma garuu lamaansaanituu dubbii qabbaneessanii Waayit Haawusitti wal-arguun mariyachuufi waliin hojjachuuf walii galuusaanii ibsan.
Tiraamp fi Zoohraan Jimaata, Sadaasa 21 wal-arguu isaanii dura dubbi himtuun Tiraamp Karolaayiin Liivit daawwannaa Zoohraan kana "[namichi] komunistiin sun Waayit Haawus ni dhufa" jechuun ibsitee turte.
Zoohraan Waayit Haawusitti Tiraamp waliin wal-arguun yeroo mariyatan garuu lamaansaanirraayuu miira tasgabbiitu mul'ata. Isa duraan quba walitti qabaafi dubbiin wal-waraanaa turan, garaa garummaa qabaatanis, magaalaa Niwu Yoorkiif waliin hojjachuu akka barbaadan dubbatan.
Lamaanuu kokkolfaa akkaataan isaan itti wal-simatan namoota siyaasaa biyyattiifu gaaffii ture. Namoonni heddu muddamni lamaansaanii gidduu ture ittuma fufa jedhanii yaadan.
Isaan garuu tasgabbiin waan irratti walii galan irratti, keessumaa rakkoo qaala'iinsa magaalaa Niwu Yoork furuuf, waliin hojjachuu akka barbaadan ibsan.
Zoohraan Mamdaanii Amajjii 1, 2026 irraa kaasuun ifatti kantiibaa Niwu Yoork ta'ee hojii eegala.
Tiraamp akka yeroo kaanii Zoohraan dubbiin waraanuu hin barbaanne. Inumaayyuu ni jaje.
"Kantiibaa cimaa akka taatu nan amana" jechuun, "hojii gaarii akka hojjattu shakkii hin qabu" jechuun Zohraanif carraa gaarii hawweef.
'Jihaadistiifi faashistii' jechuun wal-arrabsaa turan
Tiraamp fi Zoohraan Mamdaanii filannoo kantiibaa magaalaa Niwu Yoork dura dubbii jajjabaa walitti darbachaa turan.
Kaleessa gaazexeessitoonni Waayit Haawusitti argaman waan isaan jedhanii wal-arrabsan isaan yaadachiisuun gaaffii gaafatan. Tiraamp "komunistii, jihaadistii" jechuun Zoohraan arrabsaa ture.
Zoohraan ammoo "faashistii, abbaa irree" jechuun Tiraamp dubbiin waraanaa ture. Kaleessa garuu lamaanuu waan jedhanii wal-arrabsaa turan gaafatamanii deebisuu hin barbaanne.
Tiraamp inumaayyuu gaaffii Pirezidaant Tiraamp dhuguma "faashistiidha" jettee yaaddaa jedhu akka deebisu Zoohraan gaafatee ture.
"Homaa rakkoo hin qabu, eeyyee jettee deebisuu dandeessa," jechuun itti kokkolfaa Zoohranitti dubbate.
"Amma [Zoohraan Mamdaanii] cinaa yeroo dhaabbatu, jihaadistii cinaan dhaabbataa jira jettee yaaddaa?" kan jedhu waan seenatarri Rippaabilikaan Elise Isteefaanik kan kantiibaa Niwu Yoork ta'uuf Zohraan dorgomaa turte jettee turte eerun gaazexeessitoonni Tiraampiif gaaffii dhiyeessan.
Tiraamp ammoo, "Lakki. Duula filannoo yeroo gaggeessitu yeroo tokko tokko waan hin malle jechuu dandeessa. Isheen nama cimtuudha," jechuun falmuun Zohraan jihaadistii jedhee akka hin amanne dubbate.
Tiraamp fi Zoohraan waan wal-sisaan fakeessu qabu
Lamaansaanituu magaalaa Niwu Yoorkitti guddatan waan ta'eef magaalattiif ni dhimmu.
Tiraamp daa'imummaarraa kaasee Niwu Yoork ollaa Jamaayikaa Isteetis jedhutti guddate waan ta'eef yaadannoo addaa qabaaf. Zoohraan ammoo yeroo ammaa Astooriyaa keessa jiraata.
"Lamaan keenyayyuu magaalaa Niwu Yookr ni jaalanna," jedhe Zoohraan yeroo Tiraamp waliin ta'uun miidiyaatti dubbatan.
Tiraamp gamoosaa Manhattan keessa yeroo baay'ee jiraachuu baatullee, waa'een Niwu Yoork afaansaatii hin bu'u.
Inumaayyuu yeroo tokko kantiibaa magaalaa Niwu Yoork ta'uuf hawwaa akka ture dubbachuun, Niwu Yoork bulchuun hojii salphaa akka hin taane Zohraanitti hime.
Tiraamp fi Zohraan Mamdaanii isa duraan argaa walii jibbanii wal-arrabsaa turan, amma dubbii qabbaneessuun waliin hojjachuuf waliigalle jedhan.
Zohraan Mamdaanii kantiibaa Musliima yeroo jalqabaaf magaalaa Niwu Yoork bulchu ta'a.