Somaaliyaatti lammiileen Itoophiyaa 11 du’anii, 20 ol miidhaaf saaxilaman- IOM

Madda suuraa, Said Fadhaye/IOM
Somaaliyaatti balaa konkolaataa imalarratti mudateen yoo xinnaate lammiileen Itoophiyaa 11 du’anii kanneen 20 ol ta’an irratti ammoo miidhaa qaamaa qaqqabuu Dhaabbanni Baqattoota Addunyaa (IOM) beeksise.
Akka dhaabbata kanaatti, namoota balaa konkolaataa Bitooteessa 28, 2023 qaqqabe kanaan lubbuusaanii dhaban keessaa dubartoonni jahaa fi dhiiroonni shan lammiilee Itoophiyaa godaansarra turan ta’un mirkanaa’eera.
Namoonni du’aniifi miidhaan qaamaa irra ga'e kunneenis kan namoota seeraan ala nama dadabarsaniin dabarfamaa turanii fi silaa karaa buufata Bosaasootiin gara Galoo Galaan Adeniin Yemaniitti dabarsuuf karoorame ta’u IOM dabaluun ibseera.
Haata’u malee konkolaataa namoota kanneen fe’ee imalaa ture, akka tasaa guyyaa Kibxataa Bosaasoo irraa fageenya gabaabaa irratti garagaluun badiin lubbuufi miidhaan qaamaa kun mudachutu himame.
Balaa qaqqabe kana ilaalchisuun qorannon gaggeeffamaa jiraachu kan hime dhaabbanni kun, sadarkaa ammaatti aanga’oonni naannichaa balaan qaqqabee rakkina teekniikaa konkolaataatiin kan wal qabate ta’u akka hin ollee akka amanan himame.
Konkolaataan godaantoota fe’ee imalaa ture ofumaan kan garagale yoo ta’u, konkolaataan gara biraa akka itti hin bune himameera.
Dhaabbanni kunis itti dabaluun, hanga yoonaatti reeffii namoota 11 hawaasa naannichaatiin awwaalamuu fi yoo xinnaate namoonni 20 biraa kan miidhaan irra qaqqabe wallaansa argachaa jiraachu himeera.
‘‘Reeffa awwalleerra, kanneen balaa irra gahe ammo Hospitaala Waliigala Bosaasootti wallaanamaa jiruu,’’ jedhan Bakka Bu’aan bulchiinsa Bosaasoo Obboo Mahaammad Jaamaa wayita BBCtti himaniitti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hospitaalichi humnasaatiin ol dhukkubsattoota wallaanaa kan jiru yoo ta’u, IOM miidhamtoonni wallaansa gahaa akka argataniif deeggarsa hospitaalichaaf dhiyeessaa jiraachu hime.
‘‘DHiyeessittii qoricha kuusaa Jiddugala Deebii Godaantoota Bosaasoo keessaa qabnu baayyee ergineerra. AKkasumas gareewwan keenya namoota miidhaan irra gaheef deeggarsa qor-qalbii kennaa jiru,’’ jedhan Firaantzi Selestin, Dureen Ergama IOM Somaaliyaa.
Pirojaktiin Godaantoota Badanii Dhaabbata IOM erga bara 2019 as, balaa dhiheenyaa dabalatee, namoota 1,100 ol Baha Afriikaa irraa gara Yemen fi Saawud Arabiyaatti karaa Bahaatiin imalaa turan du’uu fi bakka buuteensaanii dhabamee galmeessuu kaasa.
Kunis sababii nageenyaatii hanqina bajataatiin kan wal qabatee malee lakkoosfi namoota sababii imala ulaa kanaatiin lubbuu dhabanii hedduu ta’u akka hin ollee ibseera.
Ulaan Bahaa kunis daandii isa guddicha godaantoonni Gaanfa Afriikaa karaa Somaaliyaa ykn Jabuutiin gochuun gara Yemanii fi Saawudi Arabiiyaatti ittiin qaxxaamuraniidha.
Irra jireessi lammiilee Itoophiyaafi Somaaliyaa karaa kanaan godaananis kanneen sababii rakkina diinagdee, waraanaa fi hongee akka bara kanaatiin kan wal qabatu ta’u kaasa.
Haata’u malee godaantoonni karaa seeraan alaa kanaatiin daddabarfaman hedduun isaanis balaawwan akka hidhamu, ukkaamfamu, garbummaaf saaxilamuufi miidhaa qaamaa cimaaf akka saaxilaman kaasa ibsi IOM kun.
Godaansa ulaa kanaatiin taasifamuunis, gudeedamuu, du’uu fi harka seeraan ala dadabarsaniifi yeeroo tokko tokkoos aanga’ootaatti lubbuu dhabuun kan barameedha jedhan.
Haata’u malee, balaawwan akkasii jiraatan illeen, lakkoofsi godaantoota karaa ulaa Bahaa kanaatiin imalan dabalaa jiras jedheera. Bara kana qofaatti baatii Amajjiifi Guraandhala jidduutti godaantoonni 21,469 Yemen galuusaanii IOM galmeessaa hime. Kunis kan bara darbe yeroo walfakkaataa irra parsantaa 27n caalmaa qabaachu hime.












