Tiraampi liqaa baankii argachuuf ragaa sobaa dhiyeessuun himatame

Doonaaldi Tiraampi mana murtiitti dhiyaatan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp mana murtiitti abbaa alangaa fi abbaa seeraa qoccolan.

Tiraampi himannaa burjaajii maallaqaa fi daldala raawwateera jedhamuun mana murtiitti himatamee dhaddacha irratti argameera.

Tiraampi fedhuma isaan dhaddacha irratti kan argame yoo tahu, abbaan alangaas himata isaa dhiyeesse.

Pirezidaantiin duraanii kun ragaalee sobaan baankii gowwoomsee liqaa argachuu fi sanadoota sobaa biroo dhiyeessuun himatame.

Tiraampi dabalatee Dhaabbata Tiraampi irraa hojii gaggeessitootni olaanoo hedduu, akkasumas ijoolleen isaa lamaan Erikii fi Doonaaldi jr dhaddacha Mana Murtii Olaanaa Niw Yoorkitti argamuun falmaniiruuf.

Tiraampi ragaa biizinesii isaa waliin dhahuun dhiyeessuu, shiraa fi ragaa faayinaansii sobaa qopheessuun himatamee mana murtiitti dhiyaate.

Akkuma himatichi deemaa jiruun, pirezidaantiin duraanii kun gara abbaa seeraa himaticha dhiyeessaa ture, Artur Engoron jedhamaniitti garagalanii ilaalan.

Osoo kutaa dhaddachaa hin seeniin dura Tiraampi abbaa Seeraa kana ‘’abbaa seeraa sobaa’’’ jechuun dubbiin tuqanii bira darbaniiru.

Abbaan alangaa waliigalaa mootummaa US, Letishiyaa Jeemsi, dubbii Tiraampi gaazexeesitootaaf kennaniinis hin rifanne.

''Kun burjaajjessuudha, qaaniidha, Iisnis beektu, ragaaleen faayinaansii koo waan gaariidha,'' jedhe Tiraampi.

''Yakkin hojjedhu hin jiru, yakki waan anarratti hojjetamaa jirudha,’’ jedhe.

Pirezidaantii duraanii kun addatti nama tokko irratti xiyyeefachuun yoo dubbatu, kutaa dhaddachaatti falmii fi wal dhabdeen uumamuu mala jedhamus kun hin tahin hafe.

Diraamaa seeraa kana keessatti abbootiin seeraa murteessoo tahan sadii dubbii Tiraamp kana homaatti hin lakkoofne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraampii fi ragaaleen ittisaa isaa tahe jedhanii walitti fufuun yakka burjaajjii faayinaansii raawwachuun Obbo Tiraampi akka galii doolaara miliyoona 100 ol argatu taasisaniiru jedha himanni irratti dhiyaate.

Abbaan seeraa Engooroon, torban darbe himata Tiraampi irratti dhiyeesseen, pirezidaantiin duraanii kun qabeenya isaa akka malee sobee ol kaasuun liqaa baankii hin malleef argateera jedhe.

Abukaatotni Tiraampi garuu maamilli isaanii kun qabeenya isaanii ol kaasanii hin tilmaamne, gatii riizoortii Filooridaa jiruu, Mar-a-Lago dabalatee jechuun falman.

Himata Tiraampi, himatichi kaayyoo siyaasaaf jedhanis abbaan seeraa Engooroon fudhatama hin qabu jedhan.

Namootni ragaa ittisaa tahuun Tiraampiif dhiyaatan mana murtiitti yaada isaanii kennaniiru.

Isaan keessaa hojjetaa herregaa dhaabbataTiraampi kan tahe, Doonaaldi Bender, gibira dhaabbilee Tiraampi hojjetee akka xumureefi homaa rakkoo akka hin qabne hime.

Bender himata dhaabbata Tiraampi Manhaatan jiru irratti bara darbe gibira dhoksuun dhiyaate ilaalchisee jecha isaa kenne.

Ragaan sa’a lamaaf kenne irra jireessaan dhimma teeknikaa irratti kan xiyyeeffatedha.

Tarii yakkamaa tahuun Tiraampi yoo mirkanaa’e, ragaaleen ittisaa isaa tokkoyyuu hin hidhaman. Sababni isaa himanni kun seera siiviliin waan ilaalamuuf.

Abbaan seeraa mootummaa Ameerikaa Letishiyaa Jeemsi Tiraampi doolaara miliyoona 250 akka adabamuu fi hojii daldalaa tokkoyyuu Niw Yoorki keessatti akka hin hojjenne qoqqobbiin akka irratti darbu barbaadu.

Inumaayyuu Tiraampi qabeenya isaa keessaa gariin dhabuu akka malu himame