Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jeneraalli Sudaan Hemeetin viidiyoon yeroo jalqabaaf mul'atan maal jedhan?
Raayyaa ittisa Sudaan kan waraanaa jiran Janaraal Hamdaan Dagaaloo hooggansi waraana biyyattii yoo jijjiirame waliigaltee nagaatti akka deebi'an himan.
Gareen Humna Dafee Qaqqabaa Sudaan (RSF) viidiyoo hogganaan isaanii Janaraal Dagaaloon loltoota isaaniif ibsa yeroo kennan agarsiisu tiwiitara gubbaa maxxanseera.
Erga waldhabdeen baatii Ebla keessa Sudaanitti ka’ee booda jeneraalichi viidiyoon yeroo jalqabaaf mul’achuu isaaniiti.
Mohaammad Hamdaan Dagaaloon ykn Hemeetiin viidiyoo sanarratti waan qalla'atan fakkaatu.
Qeeqxonni janaraalli kuni harka isaanii tokko haala hin baratamneen qabatan jedhan - miidhama waan qaban fakkaatu jechuuf.
Ajajaan waraanaa umriin isaanii waggaa 40 keessa jiran kuni waraanarratti miidhamaniiru jedhamanii hamatamu.
Dagaaloon viidiyoo kana keessatti hooggansi raayyaa ittisa biyyaa yoo jijjiirame sa'aatii 72 keessatti waliigaltee nageenyaatti deebina jedhan.
Yeroo ammaa Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyattii kan ajajaa jiran Dura Taa'aa Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Janaraal Abdel Fattaah al-Burhaanidha.
Akkaataa egeree biyyattiirratti waliigaluu dhabuu janaraalota kanaatu biyyattii waraanatti geesse.
Hemeetiin jalqaba aangoo kan qabatan karaa gulantaa hidhattoota Janjawiid jedhamanii ture.
Hidhattoonni Janjawiid waldhabdee Daarfuur keessatti yakka sanyii balleessuu raawwachuun himatamu.
RSF kan hundeessan Pirezidantiin duraanii Sudaan Omar al-Bashiriidha.
Pirezedantichi bara 2019 mormii irratti ka’een aangoo irraa kaafaman.
Hogganaan RSF Hemetiin al-Bashiir aangoorraa kaafamuu isaan akka aangoo caalutti geessu ta’eetti deeggare ture.
Garuu gartummaan Hemetiin Janaraal Burhan waliin uume ji'a sadii dura akkaata balaa qaqqabsiisuun kufe.
Erga waraanni kun jalqabee kaasee RSF buufatalee naannoo manneen jireenyaa itti heddummatan kanneen magaalota sadan Kaartuum guddoo uuman- Bahiri, Kaartum fi Omdurmaanitti ce’e.
Hemetiin haasaa taasisan keessatti waa’ee Yasir al-Atta, qondaala waraanaa Sudaan sadarkaa olaanaa Omdurmaan keessatti waraana gaggeessaa jiranii dheekkamanii dubbataa turan.
“Waraana hamaa” kan RSF irratti fe’ame jedhu kanaaf ummata Sudaan dhiifama gaafatan Hemetiin.
Kiliippii daqiiqaa shanii kana keessatti Hemetiin loltoota hidhataniin marfamanii kanaan, Kaartuum fi bakka biraatti saamicha jumlaa raawwachuun miseenni RSF kan himataman ni haalan.