Siitiin injifatee garaagarummaa qabxii dhiphise, Arsanaal galgala kana morkiitu eeggata

Asxaa Arsanaaliifi Weestihaam

Madda suuraa, BBC Sport

Maxxanfame

Piriimiyeer liigiin Ingiliiz taphoota 'boksiing day', kan tibba ayyaana Qillee guyyoota lamaan darban morkachiisaa jiru itti fufee shaampiyoonaan bara darbee Maanchistar Siitiin eda Evertan injifatee garaagartummaa qabxii dursitoota waliin qabu dhiphiseera.

Sababa Waancaa Kilaboota Addunyaan tapha torbee 17 kan hin taphanne Siitiin hanaga Robii galgalaatti qabxii 34 shanaffaarra ture.

Eda tapha murteessaa Evertan waliin taphateen dursee goliin tokko itti galee durfamaa erga turee booda gooliiwwan sadii boqonnaa booda Fooden, Alvareeziifi Silvaan galchaniin qabxii saadii argateera.

Siitin taphni tokko osoo isa hafuu Liivarpuul kan liigich dursaa jiruu irraa qabxii shaniin fagaatee argama.

Injifannoon Siitii kun shaampiyoonaa kilaboota addunyaa ta'uu booda tapha liigii isa jalqabaati.

Siitiin taphataasaa sararar gidduu Keeviin Debiruun miidhama yeroo dheeraaan dhabuu isaatti akka laafuu ta'eera. Jifataansaa ''maashina gooliiti'' jedhamu Erliing Haalaandis miidhamarra jira. Eda galgala ammoo ittisni kilabichaa Stoons miidhameera.

Siitiin Evertan injifate

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaa Peep Gaardiyoolaa tapha edaan booda miidhamni Stoons laafaa akka hin taan ibseera.

Haalaandiifi Keevin hanga ji'a dhufu yeroo murtaaheef tajaajila kennuutti akka hin deebine Gaardiyoolaan ibseera. Jarri lamaanuu leenjiitti deebi'aa akka jiranis dubbate.

Itti dabaluunis sababa Shaampiyoonaa addunyaa ta'aniif gahumsa agarsiisuu qabaniif sadarkaan kaahame jiraachuu dubbate.

''Kanaaf Shaampiyoona addunyaa taane, garee cimaa addunyaa. Amma yeroo mara kana isaanin yaadachiisa. Sadarkaa eeguu qabnutu jira. Sadarkaa san gadi buusuu hin qabnu.''

Arsanaal darbii Landan har'aa irra aanaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Siitiin yeroo walitti aanu afuriif liigicha injifatee seenaa haaraa galmeessuuf kan falmatu yoo ta'u, Arsanaal kan bara darbe, morkataa jabaa ture ammoo bara kana injifachuuf hamilee oolaannaarra jira.

Liivarpuulis barana morkii kana keessa jira.

Taphni darbii Landan galgala kanaa Arsanaaliifi Weestihaam morkii jabaa akka ta'u eegama. Weestihaam gahuumsa gaarii jedhamuurra jira. Qabxii 30 qabatee Yunaatiditti aanee sadarkaa torbafaarra jira.

Tapha galgala kana sa'aa 5:15 irraa eegaluu kana Arsenaal dirreesaa Emireetsitti 3-0n injifataa jedhee tilmaameera xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan.

Arsanaal taphoota liigiichaa 13 darban dirreessaatti Weestihaamiin keessummeesse keessaa 12 injifatee tokko qofa mo'ame. Innis bara 2015/16 goolii 2 fi 0n ture.

Weestihaam galgala kana Arsanaaliin ni injifata yoo ta'e qabxii 33 qabaachuun walakkeessa bara dorgommiitti qabxii hedduu sassaabbachuun seenaa haaraa dalaga.

Taphoota liigichaa torba darban keessaa shan kan injifate kilabni kun, alana tarii Arsenaalitti qormaata ta'aa tilmaamni jedhus jira.

Leenjisaa Deeviid Moyees gara Weestihaam erga dhufee morkii dirreesaa malee gara Arsanaal, Cheelsii, Liivarpuul fi Maanchister Yunaayitiiditti imalee gaggeesse maraan injifatee hin beeku. Taphoota 72 keessaa 51 injifatamee, 21 ammoo qixxee bahe.

Taphni kun Arsanaaliif murteessaadha. Yoo injifate gargaagartummaa qabxii tokkoon Liivarpuul caalee gabatee liigichaa dursuutti deebi'a.