Hidhattoonni Afrikaa Kibbaatti mana amantaa seenuun hordoftoota saaman

Mana amantaa SDA hidhattooti yeroo kadhannaa seenanii saaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mana amantaa SDA hidhattooti yeroo kadhannaa seenanii saaman
Maxxanfame

Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargitti hidhattoonni mana amantaa seenuun qawween doorsisanii hordoftoota amantaa kadhannaarra turan saaman.

Manni amantaa kuni Waldaa Adveentistii (SDA) jedhama. Hidhattooti kuni qarshiifi qabeenya namootaa saamani.

Yeroo namoonni kuni badii kana xumura torban darbe raawwatan kadhannaa tamsaasa kallattiin darbaa tureerra mul’ateera.

Hoogganaan mana amantichaa hordoftootaaf jajjabina hawwanii guyyaa itti aanu tajaajilli gorsaa akka kennamu miidiyaa hawaasummaa isaanii gubbaatti barreessan.

‘’Yeroo akkanaa kana manni amantaa tokko akka taatuufi wal ta’un akka jiraannu ni kadhanna,’’ ergaa jedhu waliin viidiyoon saamicha mul’isu manni amantaa qoddeetti.

Poolisiin badii kana balaaleeffachuun kanneen badii kanaan shakkaman seera fuulduratti akka dhiheessu beeksiseera.

Maddi oduu News24 jedhamu poolisii waabeffachuun akka gabaasetti, hidhattooti qarshiifi qabeenya namoota kadhannaarra turan saaman.

Dubbii Himaan poolisii bulchiinsa Gaawuteng saamichaan ala miidhaan namootarra gahe hin jiru jedhaniiru.

Miidiyaaleen Afrikaa Kibbaa akka gabaasanitti hidhattooti jaha gaafa Sambataa yeroo tajaajilaan lallabarra turan ol seenan.

Yeroo kanattis lallabaan kuni kadhannaa dhaabuun gara taa’umsa isaanii yeroo deeman mul’ataniiru.

Guyyoota muraasa dura mana amantaa biraatti haleellaa raawwateen paastariin ajjeefamee, hordoftooti lama miidhamanuun gabaafamee ture.

Haleellaan mana amantaa irratti xiyyeeffate kuni namoota yaaddoo keessa buuseera.

Afrikaa Kibbaa keessa saamichi, ajjeechaafi gudeeddiin irra deddeebiin raawwata.