Haleellaa boombii Maqaleetti dhaqqabeen namootni afur du'uun 20 madaa'an

Maxxanfame

Ayyaana Ashandaaf keessummoota hedduu kan simataa turte magaalaa guddoo naannoo Tigiraay Maqaleetti haleellaa boombii dhaqqabeen lubbuun namoota afurii darbe.

Haleellaa boombii kanaan namoota 20 tahan irra miidhaan qaamaa dhaqqabuu himameera.

Du’aatii fi miidhaa qaama namoota irra gaheef sababni ammoo wal dhabdee mana dhugaatii tokko keessatti mudate akka tahe poolisiin magaalichaa himeera.

Haleellaan boombii kun magaala Maqalee kutaa bulchiinsa Qadaamaay Wayyaanee, ganda 15 jedhamuun beekamu keessatti akka tahe namootni haleellicha irraa oolan BBCtti himaniiru.

Manni dhugaatii haleellichi keessatti dhaqqabe Daa’iroo jedhamuun akka beekamu namootni BBC’n dubbise himaniiru.

Balaan kun kan dhaqqabe wal dhabdee maamila tokkoo fi dubartii mana dhugaatichaa keessa hojjetu waliin uumameen akka tahe Hogganaan Qajeelcha Poolisii magaalaa Maqalee Komaander Waldaay Mawucaa BBCtti himaniiru.

Hospitaalli guddaan magaalichaa Ayider namoota 20 miidhaan qaamaa irra gahe simachuun akka wal’aanaa jiru BBCtti himeera.

Namoota miidhaan irra gahe keessaa shan akkaan madaa’uu fi kaanirra garuu miidhaan salphaa gahuu qindeessaan wal’aansa atattamaa hospitaalichaa Abbaba Habtuu BBCtti himaniiru.

Namni haleellaa boombii kana raawwate qabsaa’aa loltoota keessaa hir’ifame akka tahe akkasumas boombii F1 jedhamuun gochaa kanaa raawwachuun ibsameera.

Haa tahu malee namni gochaa kana raawwate hamma yoon to’annoo poolisii jala akka hin oolle Poolisiin Maqalee ibsuun qabachuuf hordoffiin taasifamaa akka jiru dubbateera.

Dhohinsa boombii kanaan harkaa fi miilasaarratti miidhaan salphaan kan irra gahe Abirahaam Taganyi ayyaanaaf hiriyyootasaa wajjin bashannanaa akka ture BBCtti himeera.

‘’Dhohinsa kanaan sagalee guddaa dhagahuun alatti ergasii naannoo bashannanaa kanatti maaltu akka tahe hin beeku,’’ jedha.

Meeroon Museenis balaa kanaan naannoo mataafi mormasheerra kan miidhamte yyo tah,’’ Ashandaa kabajuuf bashannanuuf bane. Akkuma tasaa sagalee dhohinsaa guddaa dhageenye. Ergasii ijaan of wallaaleef maaltu akka tahe hin yaadadhu, ‘’ jechuun BBCtti himteetti.