Yaaddoon niwukilaraa hammaataara, nuti garuu maraattota miti, hin ariifannu- Putiin

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin addunyaarratti yaddoon niwukilaraa hammaataa jiraatus ''nuti garuu hin maraanne waan ta'eef meeshaa niwukilaraa fayyadamuutti hin ariifannu,'' jedhan.
Raashiyaan meeshaa waraanaa balaa guddaa uumu kan fayyadamtu haleellaa itti hammaate ofirraa qolachuuf qofa jedhan Putiin.
Walgahii waggaa mana maree mirga namoomaa Raashiyaa irratti haasawa taasisaniin, waraanni Yukireen keessatti gaggeeffamu ''adeemsa dheeraa'' ta'uu akka danda'us dubbataniiru.
Qondaaltonni biyyoota dhihaa Putiin jalqaba irratti injifannoo saffisaa argachuuf karoorfate jedhanii amanu.
Dandeettiin niwukilara Raashiyaa akkaan hordofamuu kan jalqabe erga waraanni Yukireen Gurraandhala 2022 eegaleeti.
Putiin waa’ee waraana niwukilaraa irratti akkas jedhan: “balaan akkanaa guddachaa jira, dhoksuun dogoggora ta’a,” jechuun akeekkachiisan.
Garuu Raashiyaan lafumaa kaatee jalqabumarratti meeshaa niwukilaraa hin fayyadamtu jedhan.
Haala kam keessattuu eenyuunuu niwukilaraan doorsisuuf karoora hin qabnu jedhan.
''Nuti hin maraanne. Maalummaa niwukilaraa qixa sirriin beekna. Meeshaa waraanaa niwukilaraan addunyaa mancaasuuf hin jirru nuti,'' jedhan.
Putiin biyyisaanii meeshaalee waraanaa niwukilaraa ammayyaa'oo fi addunyaarratti beekamoo ta'an hidhachuu hin haalle.
Humna kana qabaachuus morkattuu isaanii UStti irra deebiin beeksisan, US biyyasaanii caalaa dubbii barbaaduun, iddoowwan buufata niwukilaraa Raashiyaan qabdu adamsaa jiraachuus ibsan.
''Meeshaalee niwukilaraa, kan tooftaa dabalatee, dachee biyyoota biroo keessaa hin qabnu, garuu Ameerikaanoonni ni qabu - Turkii keessatti, akkasumas biyyoota Awurooppaa biroo hedduu keessatti,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaan dura Putiin meeshaa waranaa niwukilaraa kan fayyadamaniif haleellaa ofirraa ittisuu qofaaf akka ta'e cimsanii dubbatanii turan.
Pireezidanti Putiin wayita waraana Yukireen irratti bananan waan hatattamaan injifannoo gonfatan itti fakkaatee ture, garuu haalli akkasaan itti yaadan ta'uu dinnaan waraanichi ''yeroo dheeraa fi adeemsa fagoo deemsisa'' jedhan.
Raashiyaa keessatti qeeqni weerara Putiin irratti ka'uu danda'u kamiyyuu mana maree mirga namoomaa duratti fudhatama dhabsiifameera. Walgahii Roobii dura miseensonni mana marichaa 10 waraana kana irratti shakkii qaban kaafamaniiru.
Namoota waraanicha deeggaraniin bakka buufaman. Dhimmoonni walgahii kana irratti mari’atamanis dursanii haalaan qoratamaniiru jedha miidiyaan oduu walabaa Raashiyaa Verstka. Yeroo dhihoo as Raashiyan yoom meeshaa waraanaa niwukilaraa fayyadamuu eegalti kan jedhu gadi fageenyaan hordofamaa jira. Meeshaan waraanaa niwukilaraa tooftaa qabu lola keessatti kan itti fayyadamaniidha, meeshaalee waraanaa gurguddoo "tarsiimoo" kanneen badiisa guddaa fiduuf qophaa'an garuu faallaa kanaati, hin eeyyamaman.












