Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Booranatti milishoonni lubbuu dargaggeessa tokkoo galaafatan to'ataman
Godina Booranaa aanaa Miyootti Kibxata galgala qaamolee nageenya aanichaa kan tahan "ergama isaaniin ala bahuun keellaa seeran alaa hundeessan" lubbuu dargaggeessa tokkoo galaafachuun ibsame.
Taatee kana hordofees magaalaa aanichaa Hiddii Lolaatti, jiraattonni hedduu Roobii ganama walitti qabamuun mormii dhageessisaa turan.
Itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii aanaa Miyoo Obbo Hayilayesuus Waaqoo BBC’tti akka himanitti, ta’iin kun Kibxata galgala akka raawwatamee fi namni lubbuun darbes dargaggeessa ganna 24 Qallaa Boonayyaa jedhamudha.
“Duuti namaa mudatee jira. Duuti kuni milishuma aanichaa kan eegumsarra jirantu waan itti bobba’uu qaban dhiisanii waan biraatti bobba’anii kana raawwatan.
"Bakka keellaan hin jirretti akka keellaatti muka fayyadamanii karaa cufanii gurbaan motoraan deemu itti bu’ee du’e,” jedhan.
Milishoonni kunneen gocha kana maalif raawwatan kan jedhuufis, “tarii dhaabsisanii maallaqa gaafachuuf ta'uu mala shakkiin jedhu jira,” jedhan.
Ta’iin kuni galgala kan raawwatame waan ta’eefi, ammaan dura keellaan bakka sana akka hin jirretti kan beeku miidhamaan dargaaggoo Qallaa Boonayyaa, motora saffisaan oofaa ture kana to’achuu waan hin dandeenyeef muka milishoonni keellaa ijaaran kanatti bu’uun kufee lubbuunsaa darbe jedhan.
Abuyyaan dargaggeessa kanaa garuu haalli ajjeechaa dargaggoo kanaa saamichaaf jecha reebicha irraa gahedha jedhu.
“Gurbaan obboleettii kiyyaa hangafatu dhala - abuyyaadha. Galgala naannoo sa’aatii 2 keessa ajjeesan. Sababni ajjeesaniif saamicha malee kan dhibii hin jirtu. Mucaan daldala wayii waa gugurgura. Saamuuf muka dura kaa’anii inni mukaan qabamee jennaan dhooftee ajjeeftee beessee keessaa gurratte,” jedhu.
Haala ajjeefamuu dargaggoo Qallaa haala itti dhagahan yoo himanis, “Reeffi mucaan ajjeefamuu ijoollee isa motoraan isa duuba dhufantu nutti hime. Rasaasa tokko itti dhukaasan. Rasaasichi isa osoo hin taane motora rukute. Motorri kuftee jennaan dullaan lafatti dhaante. Dullaan ajjeesan. Harka namaatu ajjeese,” jedhan.
Sirni awwaalcha dargaggoo kanaa Roobii ganama kan raawwatame yoo ta’u, ajjeechaa dargaggoo kanaa hordofee hawaasni magaalaa Hiddii Lolaa karaatti yaa’uun mormii dhageessisaa turan.
“Nu maatii caalaa uummatatu boo’e. Duuti hunda keenyaa hammanuma. Fuulduraafuu akkamiin jiraanna jedhee uummanni warra dura yaatu guddoo gaafate. Duuti akkanaa kuni magaala kanatti marroo afraffaadha. Ajjeechaan akkanaa waan baratame,” jedhan.
Hoogganaan milishaa aanichaa Obboo Boruu Waaqoo gamasaaniin, ajjeechaan kun mudachuu BBC’f mirkaneessuun, taateen kun “yoo diqqaate haga guyyaa sadii ykn afurii deddeebi’ee jira,” jedhu.
Obboleessi angafaa dargaggoo Qallaa kan dura miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo - WBO turee fi booda harka kennatee maatiitti deebi’e booda, qaamuma nageenyaa kanaan akka ajjeefames kaasu maatiin dargaggoo kanaa.
Ittigaafatamaan waajjira kominikeeshinii aanaa Miyoo Obbo Hayileyesuus dabaluun, milishoonni keellaa seeran alaa kaa’uun lubbuu dargaggoo kanaa akka darbuuf sababa tahan afur too’atamanii, dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu himan.