Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hezbollaan rokkeettiifi dirooniin Israa'el haleelu itti fufe, Israa'el akeekkachiifte
Ministirri Israa'el tokko Hezbollaan haleellaa raawwatu hin dhaabu yoo ta'e waraanni biyyattii humnaan hidhattoota garichaa daangaarraa fageessuuf tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiise.
Addunyaafi mootummaan Libaanoos haleellaa Hezbollaan raawwatu hin dhaabsisan yoo ta'e waraanni Israa'el tarkaanfii fudhachuuttii akka seenu Beeniiy Gaatz akeekkachiisaniiru.
Dubbii barbaacha gara daangaa Libaanosiifi Israa'el jiruuf falli karaa dippiloomaasii barbaadamaa ture amma yeroon itti dhumeeras jedhan.
Onkololessa 7, guyyaa Hamaas daangaa ce'ee Israa'eliin haleelerraa qabee haleellaan hidhattootni Hezbollaa Isra'eelirratti raawwatan cimee itti fufeera.
Kuni lollichi Filisxeemirrayyuu darbee waraana guddaa biyyoota biroo himaachise gara ta'uutti adeema yaaddoo jedhu cimseera.
''Haalli daangaa Kaaba Israa'el jiru jijjiirama barbaada'' jedhan ministirichi Roobii kaleessaa miidiyaaleef ibsa kennan keessatti.
''Yeroon fala dippiloomasii argachuuf jiru dhumachaa jira, addunyaafi mootummaan Libaanos jiraattota Kaaba Israa'elirratti haleellaa Hezbollaan raawwatu hin dhaabsisan yoo ta'e fi daangaarraa yoo fageessuu baatan ittisni Isra'eel tarkaanii ni fudhata.''
Torban kana keessa Hezbollaan rokkeettii fi diroonii waraanaa fayyadamee haleellaa jajjabaa raawwacuu hordofee humni qilleensaa Isra'eel deebii kennuuf dirqameera.
Miidiyaan biyyaalessaa Libaanos haleellaa qilleensaa Israa'el Roobii kaleessaa raawwateen hidhataan Hezbollaa tokkoofi miseensi maatii lama ajjeefamuu gabaaseera.
Ibsi Hezbollaan baase ammoo namoota haleellaa qilleensaa kanaan miidhaman keessaa tokko nama lammummaa Awustiraaliyaa qabuufi maatii isaa ilaaluu dhaqe, Ibraahii Baazii akka ta'e ibse.
Haleellaa Israa'el Libaanositti raawwatte kanaan namootni 100 garri caalu hidhattoota Hezbollaati jedhaman ajjeefamaniiru. Kana keessa namootni nagaafi gaazexessitootni sadii ajjefamaniiru.
Erga daangaa Israa'eliifi Libaanositti muddamni hammaatee gama Isra'eeliin yoo xiqqaate loltootni sagaliifi namootni nagaa afur ajjeefamaniiru. Jiraattotni daangaarra jiran kumaan lakkaawwamanis qe'eesaaniirraa akka ka'an godhameera.
Dhaabbatni Musliimota Shiyaa Hezbollaan, biyyoota Lixaa, Isra'eel , biyyoota Arabaa muraasaafi Liigii Arabaan dhaabbata shororkeessaa jedhameera.
Hoggansi garee kanaa haleellaa Hamaas Israa'el irratti bane jajee ture.
Lola Gaazaatti Onkololessa 7 booda eegaleen gama Israa'eliin namootni 1,200 ta'an Gaazaa keessatti ammoo Filisxeemonni 21,100 ta'an ajjeefamaniiru.