‘Bishaan Laga Abbayyaan dhugaa jira’ - Gaazexeessaa BBC waraanaa Sudaan keessaa gabaasaa jiru

Mohaammad Osmaan qarqara laga Naayil Adiitti
Maxxanfame

Lola guyyoota jahaaf magaalaa guddoo Sudaan Kaartumitti jabaate hordofee jiruun idileesaa jeeqamuun, yeroo jalqabaaf manaa bahu dubbata gaazexeessaan BBC Mohaammad Osmaan.

Mohaammad haala keessa jiru dubbata.

Magaalaa Kaartum dhiyeenyarraa sagalee dhukaasa dhaga’aan jira. Garuu gadi bahu malee filannoo biraan dhabe, Sababni isaa bishaan dhugnu hin qabnu. Kanarraa ka'uun konkolataa kootiin gara laga Naayilitti qajeele jedha Mohaammad.

Manatti ijoolleefi haadha warraakoo waliin dhokachaa turre.

Naannoo mana keenyaatti dhukaasni dhaga'amaa ture.

Sagalee dhukaasa dhiyeenyarraa wayita dhageenyu of baraaruuf meeshaalee manaa jala dhokaataa turre.

Bu’uuraaleen misoomaa ijoon kanneen akka ujummoo bishaan dhugaatii boombiin haleelaman.

Kanarraa kan ka'e tajaajila bishaan dhugaatii, elektirikii fi intarnetii hin qabnu.

Suuqiwwan dhiyeenya jiranirraa bishaanii fi wantoota bu’uuraa nu barbaachisan bitachuuf yaaleera- Garuu suuqiin cufaadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maatiin akka kooti hedduu rakkoo walfakkaatu keessa jiru.

Namoonni hedduun manatti waanta ugguramaniif bishaan dhugaatii fi nyaata hin qaban jedha Mohaammad.

Rakkoo kanarra kan ka’een laga dheericha addunyaa kana keessaa bishaan dhugamu barbaadu deeme jedhe.

Konkolaataa koon gara lagatti oofe. Buufataaleen boba’aa irra caalaan isaanii cufaadha, gatiin boba’aas qaaliidha, Ani garuu boba’a qaba.

Waggoota 20tti dhiyaatuuf Sudaan irraan gabaasaa ture jedhe Mohaammad.

Waggoota kana keessatti hiriira mormii, fonqolcha mootummaa biyyattii keessatti gaggeeffamelle gabaaseera. Garuu kun garmalee natti cime.

Sababni isaa karaa natti dhiyaaturratti taateen kun raawwatamaa jira.

''Waan duuti nutti dhiyaatte fakkaata''jedha.

Bishaan barbaadu laga Naayil wayitan dhaqu, namoonni akka kootti rakkatan biroon garasitti bubbisan.

Namoonni dhaqna dhiqachuuf, uffatasaanii miiccuuf fi bishaan barbaadu laga sana dhufan.

Yaa’insa laga Naayil Adii qarqara Omduramaan, bakka Fatehab jedhamu dhaabadheen halaalatti aara bakka lolatii ol bahu arga.

Gareewwaan lachuu sa’aatiiwwan 24 lola akka dhaaban waadaa seenanii turan garuu naannoo sanatti lola cimaatu gaggeeffama ture jedhe.

Maatii namoota bishaan laga Naayil waraabbachuu dhufan dubbiseera jedhe Mohaammad.

Maatiin ani dubbise kunneen rakkina cimaa torban kana keessa argan natti himan, keessattuu yeroo sooma Ramadaanaa kanatti tajaajilli bishaanii dhabuu kaasan, duraanis sababa goginsaan bishaan jalaa citu himatu jedha.

‘’Dhiyeessiin bishaanii guutummaatti nujalaa addaan citnaan bishaan lagaa waraabbachuu dhufne, tajaajilli ibsaa addaan citeera. Dhaamaa bulla. Namoonni rakkataa jiru wayita soomaa jiranitti,’’ jedha namtichi tokko yeroo rakkoo keessa jiran ibsu.

Dubartiin tokko yeroo ho’ii 40C wayita qaqqabutti bishaan dhabuun hangam rakkisaa akka ta’e himte.

‘’Garmalee ho’a, garuu bishaan copha tokkollee hin qabnu. Ala, bakkee keessa teenya. Biyya kanatti maaltu dhufee? ‘’ jettee gaaffii kaaste.

Tajaajilli ibsaa magaalaa Kaartuum erga addaan citee guyyoota shan lakkoofsiseera. Amma homaa hin qabnu,’’ jette dubartiin kun.

Namoonni kaan bishaan baaldiin waraabu baatu, namoonni kaan meeshaalee gurguddaatti bishaan waraabbatu, kaan gaarii harreen harkiisuun waraabbatu jedhe Mohaammad.

Bishaan lagaa waraabamu kun qulqulluu waan hin taaneef danfisuutu irraa eegama jedha.

Tajaajilli bishaan dhugaatii garuu jiraattoota hunda jalaa addaan hin citne, namoonni muraasni isaan bira dhaqanii waraabbatu jedhe Mohaammad haala magaalan Kaartuum keessa jirtu wayita himu.