Mirgaafi eegumsa daa’imman gataman irratti seerri Itoophiyaa maal jedha?

daa'ima kosii waliin teessu

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Firaafoli Dhugasa
    • Gahee, BBC Afaan Oromo
  • Maxxanfame

Abbaafi haati daa’imman isaanii kunuunsuu, eeguufi gargaaruuf itti-gaafatamummaa qabu.

Itti-gaafatamummaan maatii ijoollee kana horan qofa osoo hin taane, namoota guddifachaanis ta’e haala biraan daa’ima tokko guddisuuf fudhatan ni ilaallata.

Ta’us garuu, namootni sababa adda addaan daa’imman isaanii gatan jiru. Yeroo hedduu shamarran haala mijaataa keessa hin jirre ykn daa’ima isaanii akka da’aniin haala hin taane keessatti yemmuu gatanii deeman ni mul’ata.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Fandiin Daa’immanni Yeroo Hatattamaa - UNICEF akka jedhutti, daa’imman gataman kan jedhaman, keessumaa daa’imman umurii waggaa tokko gadii sababa maatiin guddisuu hin feeneef qaaman bakkeetti ykn bakka dhuunfaatti kan gatamanidha.

Itoophiyaa dabalatee biyyootii hedduu keessatti daa’ima gatuun yakka seeraan nama adabsiisudha.

Maatiin maaliif daa'ima isaanii gatu?

Dhaabbati UNICEF daa’imman gatuuf sababa guddaadha jechuun kan kaa’u hiyyummaadha.

Haadholiin hedduun, keessumaa shamarran akka tasaa ulfaa’anii daa’ima godhatan, akka aadaa fi safuu biyya isaanii irratti hunda’uun, sodaa irraa kan ka’e daa’ima isaani bakka da’anitti gatanii deemuun yeroo hedduu ni mul’ata.

Ministeera Dubartootaa fi Dhimmoota Hawaasummaa Itoophiyaatti, ogeessa tajaajila deeggarsa daa’immanii kan ta’an Obbo Hasan Mohaammad, waggootii dura wanti guddaan daa’ima gatuuf sababa ture aadaa akka ta’e hima.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka fakkeenyaattis Itoophiyaa Kibbaa, Saba Oomoo, hawaasa Kaaraa, Hamaar, fi Bannaa biratti shaakala aadaa Mingii jedhamu kaaseera.

Shaakalli kun amantaa daa’imman tokko tokko abaaramanii dhalatani, saba sanatti beela, dhukkubaa ykn gogiinsa fidu jedhuun, bu’aa hawaasichaaf akka gatamuu ykn ajjeefamuu qaban kan jedhudha.

Obbo Hasan akka jedhutti shaakkalli aadaa kun amma “badeera hanga jedhamuu danda’urra ga’eera.”

Sababni biraa ammoo shamarran, barattoota yunivarsitii keessafaa jiran, sodaa daa’imni kun gaa’elaa alatti dhalachuun gatuu malu jedha.

Namootni sababa hiriyyummaa ykn rakkoo diingadee keessa jiraniin daa’ima guddisuu waan hin dandeenyeef daa’imman gatanis akka jiran Obbo Hasan himaniiru.

Shamarran biroon yeroo hojii isaanitti isaan qunnaman, “sababa miseensota maatii isaaniin ulfeeffamaniif, sodaa ‘namni maal nuun jedha’ jedhuun filannoo dhabuun daa’ima isaanii akka gatan,” hubachuu Obbo Hasan ni himu.

Biyyootii hedduu keessatti yakka gudeeddii irra ga’een shamarran ulfaa’an, sababa loogii irra ga’uu danda’uu fi qaanii irra kan ka’e, dhoksaatti daa’ima da’an gatuuf yeroo filatan ni mul’ata.

Dhimma kana irratti qorannoon ga'aa hin taasifamne kan jedhan Obbo Hasan, akka gabaasa isaan bira ga'uutti garuu lakkoofsi daa'imman gatuu kan waggaa muraasa dura mul'atuurra kan hir'ate fakkaata jedhu.

Dhimma daa’imman gatuu irratti seerri maal jedha?

Itoophiyaa kessatti daa’ima eegumsa isaanii jala jiru tokko gatuun ykn beekaa haala lubbuu isaanii balaarra buusu keessa galchuun, yakka hidhaa hanga waggaa shaniitiin nama adabsiisudha.

Dabalataanis namni daa’ima reef dhalattee gatamte argate tokko, akka seeratti anga’ootatti yoo hin beeksisne qarshii 500 ykn hidhaa ji’a tokkoon adabamuu danda’a.

Obbo Hasan Mohaammad, “namni kamuu haala of eeguu hin dandeenye keessa utuu jiruu, gatanii baduun Itoophiyaa keessatti yakka nama adabsiisudha,” jedhu.

Yemmuu kan gataman daa’imman ta‘anitti ammoo, “akka seera yakkaa Itoophiyaa keeyyata 574 irratti adabbiin isaa kaanirra cimaa ta’a,” jedha.

“Dabalataan ammoo, sababa gatameef daa’imni kun qaama isaa ykn lubbuu isaarra miidhaan ga’eera yoo ta’e, namni sun yakka dabalataa biroon ni himatama.

"Daa'imman mana fincaanii ykn bosona keessatti gatamanii lubbuun isaanii darbee yemmuu argaman dhimmi kun poolisii ilaallata.

"Gochi kun akka himata yakka ajjeechaa ykn yakka lubbuu namaa balaaf saaxiluu kamiittuu ilaalamuun, qorannoo poolisiin gaggeessuun kan adabamu ta'a."

Obbo Hasan akka jedhanitti daa‘imman hedduun isaa kan gataman, hospitaala keessatti, naannoo hospitaalaa, yunivarsitiiwwaniitti ykn balbala dhaabbilee ijoollee guddisan fuldurattidha.

Daa'imman gataman erga argamnii booda akkam ta'u?

IJOOLLEE

Madda suuraa, KIDMIA

“Daa’imni tokko gatamee yoo argame, namni kamuu daa’ima kana gargaaruuf itti gaafatamummaa seeraa fi naamusaa qaba,” jedha Obbo Hasan.

Itoophiyaa keessa adeemsi Sirna Hoggansa Eegumsa Daa’immaa jedhamu jira.

Akka adeemsa kanatti namni daa’ima gatame argate sun, ariitiin poolisiitti gabaasuu qaba jedha.

Sana booda poolisiin ammoo, waajjira dubartootaa fi daa’immanii naannicha jirutti beeksisuun, haala itti daa’imni kun gargaarsa fayyaa fi biroo itti argatu mijeessuun isa jalqabaa ta’a.

“Sana booda daa’imni kun galmeeeffamuu qaba,” jedha.

Karoorri gargaarsa utuu hin ba’iin dura “daa’ima kana eenyutu gate? Haala akkamiinis gatame?” kan jedhu adda baafamuu akka qabu ni hima.

Haala tokko tokko keessatti, daa’immman umurii ganna shan gadi jiran ta’uu danda’a, haadha ykn maatii wajjiin wal jalaa badanii ta’uu waan danda’uuf kun adda baafamuu qaba jedha.

Yoo daa'imni kun beekaa gatame yoo ta'es ammoo, poolisiin qorannoo gaggeesse nama yakka kanaaf itti gafatamaa ta'e adda baasuuf ni hojjeta.

Kanaaf jedha Obbo Hasan, daa'imni kun ji'a lamaa hanga ja'aatti karoora gargaarsa "keessumaayyuu guddifachaaf" hin kennamu.

Hanga yeroon qorannoo kun dhumutti daa'imni gargaarsa adda addaa karaa dhabbilee daa'imman kunuunsanii fi biroon akka argatu ni taasifama jedhu.

Daa'imman haala akkanaan argaman hundi gargaarsa barbaachiisaa fi quubsaa ta'e akka argataniif jecha, adeemsa kana irratti "dhimma daa'ima tokko qabatee hanga dhumaatti kan hordofu qondaala tokkotu ramadama," jedha Obbo Hasan.

Qondaalli kun dhimma daa'ima kanaa dhaabbilee mootummaa ykn miti-mootummaa ta'an waliin ta'unis ni hordofa.

Itoophiyaa keessatti adeemsi guddifachaa biyyaaleessa jira. Daa'imman kunneen yerooof erga dhaabbilee gargaarsa daa'immanii ykn maatilee tola ooltummaan yeroof daa'ima guddisanii (foster family) qophaa'anii jiran bira gargaarsa argachaa ni turu.

Sana booda maatiin daa'ima kana guddifachaa seera qabeessan fudhachuu barbaadu yoo jiraate, adeemsi taasifamu jira.

Guddifachaa: Maatii dhaabbataa...

Dhaabilee miti-mootummaa hojii kunuunsa daa'immanii hojjetan keessaa tokko Dhaabbata Qidmiyaa jedhamudha.

Qidmiyaan waggaa 15'f hojiilee lubbuu baraaruu, misoomaa fi gargaarsan kutaalee Itoophiyaa hedduu keessatti hojechaa kan turedha.

Hogganaa Qidmiyaa kan ta'an Obbo Wandimmuu Bagaashaaw, dhaabbatichi "adeemsaa guddifachaa biyya keessaan, daa'imman gatamanii argaman 200 ta'an maatii dhaabbataa akka argataniif gargaareera," jedha.

Dhaabbati kun bal'inaan kan hojjetu nannoo Kibbaa fi Oromiyaa keessatti ta'uu kan himu Obbo Wandimmuun, daa'imni gatame erga argamee booda qondaaltonni mootummaa dhimma kunuunsa daa'immanii irratti hojjetan, adeemsa itti aanuuf dhabbata kana akka qunnaman himu.

"Daa'imni kun jalqaba irratti wal'aansa barbaachisu argachuuf yeroof gara hospitaalaatti yemmuu geeffamu, dhaabbati keenya kunuunsitoota ni ramadaafi," jedha.

Dhaabbatti Qidmiyaa bakka daa'imman yeroof keessa turfaman ykn hanga bakka turtii dhaabbataa argatanitti keessa jiraatanidha.

"Daa'imni tokko yemmuu wiirtuu dhabbata keenyaa seenuu, adeemsa guddifachaa biyya keessaan maatii argatee ba'a jedhamee yaadama," jedha.

Daa'iimman gatamanii argaman tokko tokko miseensota maatii biroo isaan fedhan qabaachuu waan malaniif, poolisiin yeroo sadiif irra daddebiin beeksia 'daa'ima kana beektuu?' jedhu ni baasa jedha.

Haala kanaaf namni maatii daa'ima kanaadha jedhu ykn fira fagoolle ta'uu isaa himu yoo argame, daa'imni kun adeemsa guddifachaa keessa akka hin galfamne Obbo Wandimmuun ni hima.

"Daa'imman kana kallattiin gara nama miseensa maatii isaa ta'etti hin deebifnu."

"Wiirtuu keenya keessa daa'imni kun gara waggaa sadiif akka turu taasifamee, namni eessuma ykn adaadaa ykn fira fagoo jedhame sun akka leenjii tumsaa ykn jajjabina akka argatu taasifna, " jedha hoogganaan kun.

Kanaaf haala kana keessatti adeemsi taasifamu "hojii daa'ima keenya maatiitti deebisuu akka ta'u," hima.

Ta'us garuu daa'imman homaa eenyummaan isaanii, maatiin isaanii fi namni isaan beeku hin argamnelle ni jiraatu.

Yeroo kanatti daa'imni kun adeemsa guddifachaa biyya keessaan haala seera qabeessa ta'een adeemsifamee, "daa'imni guddifachaan fudhatu kun maatii sana biratti mirga daa'imni isaan horatan qabuun wal qixa akka qabaatu taasifamee, mana murtii biratti mirkaneeffamee," maatii dhaabbataa argatee ba'a jedhu Obbo Wandimmuun.

Daa'iimman tarii erga gatamanii booda carraa guddifachaan maatii argachuu hin qabaatiin hafaniif, ministeera dhimma dubartootaa fi dhimma hawaasaa waliin ta'uun haalli isaani itti gargaaraman biraan qindeeffamee jiru jira.

Dhaabbati Kidmiyaa erga daa'imni tokko wiirtuu isaanii seenee booda, waggaa sadiif turuu danda'an, sana booda guddifachaatiin ykn dhaabbata gargaarsa birraatti darbuun achii keessa ba'a.

Dhaabbati "Beloved Ethiopia" jedhamu kan Kidmiyaa waliin ta'uun hojjetu, ijoollee kunneen gartuun akka maatitti gochuun, hanga yunivarsitii ykn hanga of danda'anitti guddisu akka jiru, Obbo Wondimmuun akka fakkeenyatti kaasaniiru.

Sirni daa'imman yeroof guddisuu ykn fostering maali?

Tajaajilli 'foster care' ykn kunuunsa yeroofii, Itoophiyaa dabalatee biyyootii hedduu keessatti daa'imman gargaaruuf oola.

Namootni ykn maatilee tola ooltummaan daa'imni tokko maatii dhaabbataa hanga argatutti mana isaanii keessatti kunuunsuuf jecha gara ofitti fudhachuun yeroof ni guddisu.

Namootni tajaajila kanaaf filataman "jalqaba dandeettiin dinagdee, haalli jireenyaa isaanii daa'imman guddisuuf mijaataa ta'uu, haariiroon isaan daa'imman waliin qaban maalii kan jedhu fi qorannoon biroo erga gaggeeffamee boodadha," jedha Obbo Hasan Mohaammad.

Sana booda leenjiin barbaachisaa ta'ees maatiilee ykn namoota kanaaf ni kennama.

"Namootni tajaajila akkanaa kennan, kutaalee biyyatti keessatti yeroo hunda qophiin turu. Kana jechuun yeroo kamittuu daa'imni tokko yoo argame isaanitti kennamee, kunuunsa kennuuf qophaa'oodha jechuudha," jedha.