Poolisiin Kanaadaa kanneen namoota 10 waraanuun ajjeesan adamsaa jiraachuu ibse

Madda suuraa, Reuters
Kanaadaa bulchiinsa Kaaskaachuwaan jedhamu keessatti yoo xiqqaate namoota 25 meeshaa qara qabuun waraanuun lubbuu kan gaaga'anii fi miidhaa kan geessisan namoonni dhuunfaa lameen barbaadamaa jiraachuu poolisiin ibse.
Poolisiin akka jedhutti namoonni lameen Deemiyan saandarsan fi Maayalsi Saandarsan jedhaman kunneen namoota daandiirratti argan hunda meeshaa qara qabuun waraanaa turan, kanneen keessaa 10 du'aniiru, 15 ammoo madaa'aniiru.
Haleellaa hanga ammaa kanaadaa mudate keessaa kun isa hamaadha jedhameera.
Haleellaan kun gandoota Jeemsi Ismiiz Kirii fi Weeldan jedhaman keessatti bakkeewwan 13tti.
Poolisiin namoonni haleellaa raawwatan kunneen kan hidhatanii fi balaafamoo waan ta'aniif lammiileen of eeggannoo cimaa akka godhan dhaameera.
Wayita sakatta'iinsi fi hordoffiin poolisii gaggeeffamutti namoonni manasaanii akka turanis gaafateera.
''Bakka nagaa qabu turaa. Namoota gara qe'ee keessanii seenanirrattis of eeggannoo godhaa!'' jechuun poolisiin dhaameera.
Bakkeewwan haleellaan raawwatetti labsiin yeroo hatattamaa labsameera. Poolisiin daandii cufuun lammiilee dhaabee waraqaa eenyummaa gaafatee adda baasaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoota haleelaa qaqqabsiisan ilaalchisuun namoonni odeeffannoo ga'aa qabaatanii akka of eeganiif lakkoofsa bilbilaa bulchiinsa Saaskaachuwaa fi naannawasheetti galmaa'an irratti ergaa gabaabaa qoodeera poolisiin.
Ministirri Muummee Jastiin Tiruudoo ''haleellaan kun suukanneessaa fi kan onnee namaatti bu'uudha,'' jechuun tiwiitarii isaaniirratti barreessan.
Kanneen haleellaa raawwatan seeraan gaafatamuun dhiyaachuun dirqama jedhan.
Akka lakkoofsa biyyattii galgala Dilbata kaleessaa ibsi poolisiirraa kenname akka mul'isutti, namoota meeshaa qara qabuun miidhaman 15 irratti dabalataan namoonni miidhaman hedduun jiraachuu malu.
Namoonni gariin kanneen haleellaa raawwatan kunneen nama adda baasanii raawwachaa turan yoo jedhan, kaan ammoo namootuma karaatti itti dhufan waraanaa turan jedhan.
Namoonni yakka kanaan shakkaman nama waggaa 31 Deemiyan Saandarsan fi waggaa 30 Maayalsi Saandarsan hariiroon isaanii maal akka ta'e poolisiin qorataa jira.












