Taanzaaniyaatti godaantota Itoophiyaa balaan konkolaataa isaan mudate keessaa 63 to'ataman

Maxxanfame

Poolisiin Taanzaaniyaa godaantota Itoophiyaa seeraan ala biyyattii keessa qaxxaamuraa turan 63 ta'an erga konkolaataan ittiin imalan balaan isa mudatee booda to'achuu beeksise.

Godaantotni lammiilee Itoophiyaa ta'an kun, daangaa Taanzaaniyaafi Maalaawii bulchiinsa Njombe jedhamutti to'annoo jala oolan.

Poolisiin bulchiinsa Njombe Komaandar Hamiis Isaah, godaantotni kun osoo konkolaataatti fe'amanii imalaa jiranii sanbattan darbe balaan isaan mudachuu booda to'atamuu himan.

Komaandarichi godaantoni lammiilee Itoophiyaa 100 karaa daangaa Keeniyaafi Taanzaaniyaa seeraan ala kan biyyattii seenan ta'uu dubbatan.

Godaantota qaabaman 63 alatti kanneen biroo 40 ta'an baqatanii adamsamaa akka jiranis ibsameera.

Balaan konkolataa isaanii mudate hangam guddaa akka ta'eefi godaantotni balaa mudateen miidhaman jiraachuufi dhiisuu ilaalchisee wanti jedhame hin jiru.

Bara darbe biyyoota Afrikaa akka Maalaawiifi Zaambiyaa keessatti reeffi godaantota Itoophiyaadha jedhaman lakkoofsaan baayyee argamuu BBC'n gabaasee ture.

Lammiileen Itoophiyaa jireenya fooyya'aa hawwan karaa seeraan alaa gara Afrikaa Kibbaa seenuuf jecha Keeniyaa, Tanzaaniyaafi Moozaambiik akka ulaa imalaatti fayyadamu.

Taanzaaniyaa keessa godaantotni seeraan ala to'atamanii argaman 4,000 akka ta'an miidiyaaleen biyya keessaa gabaasu.

Godaantotni to'annoo jala jiran gariin fedha isaaniirratti hundaa'ee gara biyya isaaniitti deebifamaa akka jiranis himu.