Dubartii jalqabaa dubbii himtuu Kongireesii US, Naansii Peeloosii aangoo gadhiisuuf

Maxxanfame

Paartii Dimokiraatotaa waggoota kurnan lamaaf gaggeessaa kan turan Dubbii Himtuun Mana maree US,  Naansii Peeloosii aangoo isaanii gad lakkisuuf akka jedhan himan.

Dubartiin ganna 82, Naansii Pelosiin kongiresii keessatti aangoo guddaa kan qabanii fi dubartii jalqabaa Dubbii Himtuu Mana Maree US tahuun tajaajilanidha.

Garuu mana maree gadii keessatti Kaalifoorniyaa bakka bu’uun itti fufanii hojjetu.

Kun yeroo filannoo walakkaa bulchiinsaa pirezidaantii irratti torban darbe gaggeeffamu warri Rippaablikaanotaa taa’umsa caalmaa argachuu hin hafu jedhamutti dhagahame.

Paartii Rippaabilkaanotaa irraa Keviin Makaartii dursaa Kongirensii haaraa tahuuf paartii isaa irraa filameera.

''Guyyaa tokko mana keessa hojjechuurraa dubbii himtuu mana maree taha jedhee yaadee hin beeku ture'' jedhan Naansii Peeloosii. 

''Kongirensii itti aanu irratti hoggantuu Dimokiraatotaa tahee irra deebiin filamuu hin barbaadu. Dhalootni haaraan paartii Dimokiraatotaa akka gaggeessuuf sa’aatiin isaa gaheera,'' jedhan.

Peeloosiin hanga ji’a Amajjii dhuftu dubbii himaan Kongiresii haaraan filamutti hoggansa yeroo jalqabaaf bara 1987 qabatan hanga Amajji bara 2023tti itti fufu.

Miseensi Koongireesii Niw Yoorki Hakiim Jeefiriis hoggansa Dimokiraatotaa kana harkaa fudhata jedhamee eegama. Kun ammoo nama gurraacha jalqabaa hoggansa kongireesii qabate isa taasisa.

Dubbii himaan hojii kongireensii heeraa biyyattii keessatti haalaan ibsameerudha. Pirezidaantiiti aanuun nama aangoo guddaa biyyattii keessatti qabus taha.

Dubbii himaa fi itti aanaan akkasumas koreen hoggantootaa maaltu ilaalcha keessa galfamee sagaleen irratti kennamuu qaba kan jedhu murteessu.

Ajandaa fi seera falmii isaas ni murteessu.

Bara 2003 Naansii Peeloosii hoggantuu paartii taa’umsa xiqqaa qabu kan Dimokiraatotaa tahuun filataman. Hoggantuu paartii mormituu kongirensii keessaa jechuudha.

Bara 2006 paartiin Dimokiraatotaa ywaggoota kurnaaniin boda yeroo jalqabaaf kongirensii keessatti taa’umsa caalmaa argatan.

 Kanumaan seenaa US keessa dubartii jalqabaa mana maree lameen keessatti hoggantuu paartii sagalee caalmaa qabuu [Majority Leader] tahuun filaman.

Waggoota afur booda garuu ammas hoggantuu paartii taa’umsa xiqqaa argate Dimokiraatotaa tahuun itti fufan, bara 2019 yeroo irra deebiin Dimokiraatotni taa’umsa caalmaa argatan ammoo dubbii himtuu kongireensii tahuun hojjechaa turan.