Tooftaalee afur Arsenaal PSG ittiin mo'achuu danda'u

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Mikeel Arteettaan taphattoonni isaa ''aarii, mufii fi haloo'' keessa isaanii jiru fayyadamuun qabxii PSG 1-0 Imiretis irratti galmeesse ni garagalchu jedhe.

Deeggartoota gara Paaris deemuun Arsenaal deeggaraniif garuu sodaan jira. Bara 2006 Paaris irratti ture xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif dhaqqabuun dirree kana irratti kan mo'amanii deebi'an.

Arsenaal taphoota walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii torba darbe taphate irratti galchii tokkoyyuu hin lakkoofsifne.

Taphoota shan mo'amuun taphoota lama qixa baheera.

Garuu PSG akkasuma waancicha injifatanii waan hin beekneef, dhiyeenyas xumuraaf dhaqabii waan dhabaniif mufii mataa isaanii qabu.

Taphni kun kileboota lamaaniifuu madaalawaadha. Lameenuu carraa darbuu wlitti dhiyaatu qabu.

Toomaas Paartee Arsenaaliif deebi'uun oduu gaariidha. Osmaan Dembele garuu miidhama salphaa waan qabuuf kaleessa qofa shaakala hojjechuun isaa PSG'f yaaddoodha.

Kana irraa kan hafe hojii guddaan hojii taaktikaa leenjistoota lameenii irratti kan hundaa'u taha. Isa jalqabaa Luwis Eneriikeen mo'ateera.

Kanas tahe sana Arsenaal tooftaawwanPSG itti mo'atu afur qaba.

1.Tooftaa taphaa 4-2-3-1 Arteettaan tapha PSG gidduutti fayyadame

Deeggartoota garaan isaanii bishaan taheef, oduu gaariinis jira. Tooftaa taphaa PSG waliin taasisan kan daqiiqota gara dhumaa 70, isa jalqabaa 20 miti.

PSG taphni jalqabee daqiiqota 20 jalqabaa walii isaan wallaalchisan. PSG akkuma nama aalbeen dhadhaa addaan kutu wayii sarara gidduu Arsenaal gidduu seenuun akka barbaadan keessa burraaqaa turan.

Arteettaan 4-4-2 galuun baay'ee caalamee ture. Faabiyaan Ruuyizii fi Jaayoo Neeves sarara gidduurraan Deklaan Raayisii fi Meeriinoo irraa caalmaa waan udhataniif Osmaan Dembelee qofaa taphataa ture.

Yeroo taphattoonni Arsenaal lamaan Demebelee qabuuf yaadan ammoo bakka qullaan fuula duratti banama.

Arsenaal daqiiqaaa 21-95 gahutti kubba caalmaan %55 to'achuun ofitti amanamummaan isaanii dabalaa deeme. Yaalii galchii 10 taasisan. PSG yeroo sana kubba torba qofa yaale.

Paarteen deebi'un isa ainumaa Arsenaal akka caalmaa fudhatu taasisa. Osoo guyyaa jalqabaa jiraate silaa kubba Dembelee rukute dursee arguun taphataa oolchuu danda'udha.

Meeriinoo caalaa taphattoota sarara gidduus hordofuun kubba irraa buusuu danda'a.

Odeegaardi ammoo sarara gidduu PSG lafee dugdaa kan tahe Vitinihaa akka hin sochooneef duukaa bu'uu danda'a.

Liigota Awurooppaa gurguddoo shan keessaa Jooshoyaa Kimich qofatu kubba qabachuu fi garee isaaf dabarsuun isa caala.

Vitiniyaa dhaabuun PSG dhaabuudha.

2- Odeeggaardi hadhuura sarara gidduutti deebisuun Saakaaf akka kubba dabarsu gochuu

Tooftaa taphaa 4-2-3-1 yoo hordofan Arsenaal PSG waliin wal madaala. Kun rakkoo hedduu al takkaatti furuufii danda'a.

As keessatti Arteettaan hojii guddaa kan eegu Odeegaardi irraa tahuu qaba.

Deeggartoonni hedduun Odeegaardi dhiibbaa uumuu hin dandeenye jechuun isa qeequ.

Daqiiqaa 15-20 gidduu rakkoo tokko qabna ture. Sna dafneema sirreesine, Waan sun taphicha jijjiireera'' jedhe Arteettaan.

''Rakkoo kubba waliin qabnu ture. Yeroo tahe tokkotti carraama kubba argattu hin jiru ture. Taphattoota sarara gidduu hundaa nutti fidan. Yeroo akkasii ni rakkatta'' jedhe.

Arteettaan rakkoo kana Odeegaardiin jechuu isaati. Daqiiqaa 20 jalqabaa Odeegaardi yeroo sadii qofa kubba argate.

Odeegaardi bakka isaa irraa dhibamuu isaa irraa kan ka'e karra eegaa Deevid Raayaa fi Wiiliyaam Saaliibaan kuba yeroo lama waliif kennan.

Kana gidduutti taphattoonni PSG deebisanii kubba harkaa fudhatan.

Furmaanni inumaayyuu isa duraa caalaa Odeegaardiin duubatti deebisanii fuuldura taphattoota ittisaa irra taphachiisuudha.

3- Akkuma Aston Viilaan gootummaa itti agarsiisuu

Arteettaan tapha deebii Aston Viilaan 3-2 PSG mo'ate sirriitti ilaaluun irraa barachuu qaba.

''Gareenkoo akka kanatti caalamee hin beeku. Garuu morkattoonni kunneen kutannoo guddaadhaan fuula duratti deemuun aarsaa barbaachisu kaffaluun taphataa turan. Saffisa guddaan u jifataa turan'' jedhe Luwis Eneriikee tapha Aston Viilaa booda.

Arsenaalis kanuma gochuu qaba. Viilaan sodaa tokko malee taphachuun PSG irratti godaannisa guddaa buusee ture.

Ida'ama waliigalaan mo'atan malee PSG caalamee ture.

Morgaan Roojersii fi saffisa maarkes Raashfoordiin hedduu rakkatanii ture.

Arsenaal ammoo Lewis Iskeelii fayyadamun hojii guddaa hojjechuu danda'a.

Ashraaf Hakiimii akka tasgabbaa'ee hin taphanne gochuu danda'a..

Itti gaafatamummaa fudhachuun kubba dhaabbatanis argachuu

Ashraaf Hakiimii Gabri'eel Maartineelii fi yeroo luwis Iskeelii sarara gidduuttis eenu ammoo isa dhaabuuf osoo yaaluu rakkachuu danda'a.

Yeroo kana Deklaan raayis bilisa tahuun gara fuulduraatti bahuu danda'a. Paarteen ittisa fuulduraa gargaara.

Yoo haalli kun hundi akka karoorfatanitti deemeefii Arsenaal carraa kubba dhaabbatan argachuu hedduu uumuu danda'a.

Arsenaal kubba dhaabbatan irraa galchii 15 bara dorgommii kana lakkoofsisuun kileboota Awurooppaa keessaa dorgomaa hin qabu.

PSG irratti ammoo kubbi akka kanaa kudhan galeera. Isaan keessaa jaha rukuttaa koornaa irraa kan ka'anidha.

Arsenaal mo'achuuf 4-2-3-1 fayyadamuun, sarara gidduu PSG cufuu qaba. Caalamaa kubbaa argachuuf Odeegaardi duubatti deebisuun sarara ittisaa fuulduraa akka ka'u gochuu, sodaa malee waan dhufu hundaaf itti gaafatamummaa fudhachuun taphachuun Arsenaaliin injifannoof gahuu danda'a.